Haleellaa Yerusaalem keessatti gaggeeffamen namoonni hedduun madaa'an

Madda suuraa, Getty Images
Magaalaa Yerusaalem keessatti dhukaasa hidhattootaan kallattii garagaraatii bananiin yoo xiqqaate namoonni saddeti madaa'uu aanga'oonni Israa'el himan.
Haleellaan raawwatame kun bakka konkolaataa dhaabbatan lafa seena-qabeessa Western Wall jedhamu cinaatti dhukaasa banameen ta'uu aanga'oonni Ittisa Balaa ibsaniiru.
Western Wall bakkeewwan qulqulluu ta'an Yerusaalem keessatti argaman keessaa tokkodha.
Namoonni kuma heddutti lakka'aman bakka sanatti sagaduuf waggaa waggaadhaan imala amantaa taasisu.
Poolisiin ammoo hidhattoota haleellichaan booda baqatan barbaaduu jalqabeera. Dubbi himaan poolisii miidiyaalee biyya keessatti akka himetti, gochi kun gocha shororkeessummaa ta'uu akka danda'u shakkeera.
Ogeessi tajaajila ambulaansii Maageen Daaviid Adoom namoota haala yaaddessaa ta'erratti argaman dabalatee namoota baayyee wal'aanaa jiraachuu ibseera.
Namoota haleellaa kanaan miidhaan irra gahe keessaa dubartiin garaatti baattu tokko haala yaaddessaa keessa jirti jedhameera.
Akka ragaan poolisii argisiisutti dubartiin ulfi kun hidhattoota kanaan marrummaan keessa dha'amte.
Haleellaan kun kan mudate namoonni 44 Gaazaatti erga ajjeefamanii torban tokkoon boodadha.
Lolli torban darbe Gazaatti raawwatame ammoo jeequmsa hamaa walitti bu'insa hamaa Caamsaa 2021 booda mudatedha.
Haleellaa torban darbee kanaan humnoonni Israa'el gaggeessaa Palastaaniyaan Islaamik Jihaad (PIJ) fi milishoota gara Israa'elitti rookkeettii dhukaasan irratti xiyyeefatan.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka tajaajilawwan yeroo muddamaa Israa'el jedhetti taanaan, hidhattoonni kunneen baasii Awwaala Mooticha Daawwit cinaa dhaabbatee jiru tokkoofi bakka konkolaataa dhaabbatan Western Wall cinaatti argamudha.
"Dhaabbannee nama wiilchariirra ture tokko buusuuf karra banne; battaluma sanatti dhukaasni baname. Namni hundinuu bu'anii lafarra ciisanii iyyuu jalqaban. Miliquudhaaf yaaleera, garuu baasiin ammoo karri isaa banamee waan tureef konkolaachisuu hin dandeenye," jedhe konkolaachisaan baasichaa.
Viidyoon miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiifame akka mul'isutti, bakka sana poolisoonni sirriitti hidhatan hedduu akka jiraniifi namoonni bakka Western Wall kanatti waaqeffataa turan.
Ministirri Muummee Israa'el Yaahiir Laappiid ibsa BBCf kennaniin humnoonni nageenyaa shororkeessitoota qabuudhaaf hojjechaa jiru jedhan.
Namni haleellaa kana keessatti hirmaate kamiyyu, "miidhaa lammilee keenya nagaa irratti raawwatameef gatii ni baasa," jedhan.












