Poolisiin lammii US gurraacha rasaasa 46n ajjeesuu qorannoon reeffaa mirkaneesse

Maxxanfame

Torban sadii dura bulchiinsa Ohaayoo keessatti kan ajjeefame dargaggeessi umrii waggaa 25, rasaasa 46n rukutamuu qorannoon reeffa isaarratti gaggeeffame mirkaneesseera.

Ogeeyyiin reeffa Jeeylaand Wookarn qoratan, dargaggeessi kun qaamasaarraa yeroo 46 rasaasaan rukutamee lubbuun darbuu ibsan.

Ogeeyyiin kunneen rasaasa gurbaatti roobe keessaa kamtu akka lubbuusaa baasee fi poolisiin rasaasa meeqa akka itti dhukaase kan hin beekamne ta'uu ibsaniiru.

Bu'aan qorannoo reeffaa kun erga uummanni magaalaa Akron hiriira ba'uun mufiisaa ibsachuu eegalee guyyaa lama booda ibsame.

Bulchiinsi magaalattii nageenya uummata magaalattiif jecha Jimaata kaleessaa- Adoolessa 15, 2022 yeroo sochii uummataa daangessuu labsan.

Torban sadii dura rasaasa hedduu poolisiin itti dhukaaseen kan du'e Wookar, onnee, sombaa fi ujummoowwan dhiigaa isaa akkaan miidhamaniiru.

Aanga'oonni bulchiinsa Ohaayoo akka jedhanitti Wookar seera tiraafikaa cabse jedhamuun erga poolisiin akka dhaabbatu gaafateen booda didee deeme, poolisiinis daqiiqaa ja'aaf hordofaa ture.

Osoo poolisiin ari'aanii jiruu Wookar rasaasa dhukaasee akka tures ibsan.

Suuraa poolisiin gadhiise irraa akka hubatamutti Wookar fuulasaa guutummaatti haguugee konkolaataa keessa ture keessaa karaa imaltoonni taa'aniin balbala banee bu'uun, buufata konkolaataa tokko keessa dhokachuuf yaala.

Wayita kanas poolisoonni dhukaasa irratti banan.

Yeroo poolisoonni kallattii garaagaraan dhukaasa irratti banan Wookar meeshaa waraanaa homaatuu harkaa hin qabu ture jechuun maatiin isaa poolisii himataniiru.

Waldaan Poolisoota Naannochaa garuu qaamoleen nageenyaa balaa nageenyaa yeroo sana ture jalaa uummata baraaruuf jecha akkaataa leenji'aniin tarkaanfii madaalawaa seera qabeessa ta'e fudhatan jechuun miseensotasaaf falmeera.