Miseensi poolisii duraanii Kiim Pootar ajjeechaa Daantee Raayit’n himatamte

Maxxanfame

Dubartiin adii poolisii turteefi Minesootaa keessatti nama gurraacha konkolaataa oofaa ture dhukaastee ajjeeste irratti himannaan ajjeechaa banamuu abbootiin alangaa himan.

Kiim Pootar erga hidhamtee booda wabii $100,000'n gadhiifamtee jirti.

Akka poolisiin jedhutti Aadde Pootar Daantee kan rukutte meeshaa adoochu baasuuf jecha dogoggoraan shugguxii fayyadamuusheetiin.

Abukaatoon maatii Daantee Raayit waa'ee himannaa kanaa yoo dubbatan, ''kuni waan itti yaadameefi ta'e jedhamee humna seer-maleessaan fayyadamuun raawwatamedha'' jedhani.

Kiim Pootariifi ajajaan poolisii Tiim Gaanan hojii gadhiisanii jiru. Ajjeechaan kun Biruukliin Seentar keessatti poolisiifi mormitoota gidduutti wal-dhabdee uumeera. Roobii halkanis mormitoonni hedduun seera sa'aatii darbaa ba'e cabsuun waajjira poolisii fuulduratti mormiirra turani.

Akkuma barame mormitoonni qaruuraafi wantoota gubatan yoo poolisiitti darbatan, poolisiin ammoo gaasii imimmanessuufi barbaree itti biifeera.

Kantiibaan magaalaa Biruukliin Seentar Abba Maayik Eeliyat ummanni nagaan akka mormuuf waamicha dhiyeessani.

Himannaa ajjeechaa namaa sadarkaa lammaffaan mana hidhaa Heneppiin Kaawuntii geeffamtee kan turte Kiim Pootar, amma wabiin baatus, warri ishee himate raga guutuu dhiyeessuun mirkaneessuu danda'u taanaan, hidhaa waggaa 10 fi qarshii $20,000'n adabamuu malti.

Bakka mormiitti

Tara McKelvey, BBC News, Minneapolis

Akka gaazexessituun BBC News, Taaraa MaakKeelvii Miniyaapoolisirraa gabaastutti, rogeeyyiin guyyoota afuriif fuuldura waajjira poolisiitti mormiirra turan, qorra dabarsuuf daandii cinatti isa du'e yaadachaa xiqqoo boqotanii jiru.

Kiim Pootar ajjeechaan himatamuunshee iisaaniif oduu dansaadha.

Jalqaba torbee kanaarra, mormitoonni waa'ee meeshaa waraanaafi meeshaa adoochaa ilaalchisuun baacaa turani. Lamaan gidduu wal-fakkeenyi akka hin jirre kaasaa. ''Bifaan wal hin fakkaatani,'' jedhe rogeessi tokko, hiriyaasaa waliin yoo haasa'u dhimma kanaan akka mufate nibeeksisa.

Warreen waajjira poolisii dura dhaabbatanii jiran keessaa gariin ammoo, aadde Pootar ofiin hojii akka gadhiiftuuf hayyamuu isaatti hedduu gaddanii jiru, ari'amuu qabdi ture jedhu.

"Hojiikoo sirriitti hojjechuu baannaan, nan ari'ama," jedhe inni tokko. "Nama ajjeesnaan, nan ari'ama."

Maatiin Raayit maal jedhani?

Ibsa abukaatoon maatii kanaa Abba Kiraampi baasaniin "adabbiin kamiyyuu maatii kanaaf nama jaalatamaa dhaban hin deebisuufi,'' jedhani.

"Namni ganna 26'f humna poolisii keessa hojjetaa turte adda addummaa adoochaa fi shugguxii sirriitti beekti. Kiim Pootar badii xiqqaa adabbii salphaadhaan bira darbamuuf Daantee ajjeeste,'' jedhani.

Kipxata darbe maatiin Daanteefi Joorji Filooyid walitti dhufuun ajjeechaan lammiilee gurraacha Ameerikaa hidhannoo hin qabne poolisiidhaan ajjeefamuun haadhaabbatu jechuun waamicha dhiyeessanii jiru.

"Dhiigni nama Afriikaa-Ameerikaa ta'ee akkasumatti dhangala'uu isaatiin addunyaan naasuu keessa jira,'' jedhe obboleessi Filooyid, Fiilooniiz Filooyid.