Maanguddoo waggaa 90 tulluu Afrikaa guddicha si'a baayyee koran

Madda suuraa, NAIZGI
Maanguddoon waggaa 90 kun Naayizigii Gabremedihin jedhamu. Naayiroobii, Keeniyaa jiraatu. Lammii Ertiraa ta'anis dhalatanii kan guddatan Finfinneettidha.
Barataa mana-barumsaa jeneraal Wiinget kan turan yoo ta'an, qormaata biyyaalessaa qoramanii qabxii gaarii erga fidanii boodaa Yunivarsiitii Finfinnee Biilding Kollejje galanii Injinaring barataniiru.
waggaa lamaaf Biilding Koollejjitti erga baratanii booda hayyama mootii Hayile-sillaaseetiin barattoota biroo torba waliin Ameerikaatti ergamanii barnoota Injinaringiitiin bakka gaarii gahaniiru.
Isaan booda Kollejjii itti baratanitti deebiyanii hanga sadarkaa diiniitti tajaajilaniiru.
Turtiin booda gara Ameerikaatti deebiyanii Arban Pilaaning and Arkitekchariitiin digirii lamaffaa barataniiru.
Gara Itoophiyaatti deebiyanii hojii dhuunfaa isaanii hojjechaa wayita jiranitti mootummaan waraanaa gara aangootti dhufnaan dhuunfaa isaaniitiin akka hojjechuu hin dandeenye isaan taaise.
Isaan booda obboleessi isaanii ajjeefamnaan bara 1974 gara Naayiroobii dhufanii jiraachuu jalqaban.
Ijoolleen isaanii sadiifi haati warraa isaaniis boodarra dhufanii itti dabalamaniiru.
Tulluu Keeniyaa [Maawont Keenyaa] si’a 14 kore
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Naayigziin umurii wagga 90n tulluu Afrikaatti lamaffaa ta’e Maawont Keeniyaa si’a 14ffaa koranii booda ture BBCn kan isaan dubbise.
“Hin ulfaatuu?” jedhamanii gaafatamanii, “tulluu koruun umuriin wagga 90n haa turuutii wagga 25ttiyyuu ulfaataadha,” jechuun deebisan.
Qixaa galaanaa ol meetira 5,000 tulluu dheeratu Maawont Keeniyaa fiixeetti ba’uudhaaf guyyaa sadii itti fudhateera. Tulluu guddicha Keeniyaa kana si’a 14 koraniiru.
Tulluu Afrikaatti tokkoffaa ta’e Taanzaaniyaatti argamu Kiliimanjaaroo ammoo si’a afur akka koran dubbatu maanguddoon wagga 90 kun.
Yeroo umuriin isaanii wagga 25 ture hojjetoota Faranjoota ta’an Biilding Kollejjii keessa waliin hojjetan waliin bashannanuudhaaf konkolaataatiin gara Keeniyaa yeroo dhufanitti ture gara Taanzaaniyaa deemanii Kiliimaanjaaruu kan koran.
Yeroo sanatti Keeniyaas ta’e Taanzaaniyaa (yeroo sana Taangaanikaa) gita bittaa Ingiliiz jala turan.
Mombaasaa deemanii bashannanuudhaaf Faranjoota hiriyyootasaa ta’an waliin Naayiroobii kan qaqqaban dargaggoo Naayigizii hoteela galee buluudhaaf akka garasaatti socho’uudhaaf gur’aacha ta’uu isaatiin qofa rakkatanii konkolaataa keessa buluuf dirqamuu yaadatu.
"Baayyee na gammachiise. Garuu cimaa waan tureef gogaankoo na ququnca'e. Natti cimullee garuu jaalladheera," jedhan miira yeroo sana ture yeroo yaadatan.
Tulluu Kiliimanjaaroo yeroo umuriin isaanii waggaa 25 turetti kan koran Naayizgiin, yeroo umuriin isaanii waggaa 50 ta'u ijooleesaanii lama waliin irra deebiin yeroo lamaffaaf koran.
Ijoolleen isaanii garuu akka isaanii cimina waan hin qabneef akka isaanii hanga dhumaatti deemuu hin dandeenye.
Yeroo sadaffaatiif ammoo wayita umuriin isaanii waggaa 75 ta'e ture Kiliimanjaaroo kan koran. Isa dhumaaf umurii waggaa 80 yeroo jiran akka tulluu kanarrra bahan dubbatu.
Tulluurra ba'uun madda gammachuusaanii kan ta'eef Naayizgiin, daawwannaaf Ameerikaa yeroo deemanittis tulluuwwan xixiqqaa ta'anillee koraniiru.
Tulluu addunyaarratti tokkoffaa ta'e Everestii koruudhaf fedhanii turanillee yeroo deemanitti sodaan kirkira lafaa waan tureef waan hin hayyamamiiniif hafeef gaabbiin yaadatu.
Kilimaanjaaroofi Maawont Keeniyaa kortanii Itoophiyaatii ammoo Raas Daashan kortaniittii jedhamanii kan gaafataman maanguddoon kun, Raas Daadhan hin yaalle garuu Inxooxxoon safara kiyya waan tureef ijoollummaa kootti bu'een ba'aa ture jedhu kokkolfaa.

Madda suuraa, NAIZGI
Dhaloota sadii qabatanii tulluu bahuu
Abbaa ijoollee dhiiraa lamaafi dubaraa tokko kan ta'e Obbo Naayizgiin, Maawont Keeniyaa si'a 1f yeroo koranitti qofaasaanii hin turre.
Akkuma isaanii jaalala tulluu koruu kan qabdu intalli isaanii Maartaan, dhalli dhalasaaniis isaan waliin turaniiru.
Obbo Naayzgiin ijoollee dhiiraa isaanii caalaa intalli isaanii "kortuu tulluu cimtuu" akka taate dhugaa ba'uuf.
Maartaanis jaalala tulluu koruu kana ijoolleeshee dhaalchiftee, Obbo Naayizgiin marsaa 14ffaatiif Tulluu Keeniyaa (Maawont Keeniyaa) yeroo koranitti intalli isaa kun ijoolleeshee lama waliin ta'uun waliin koruu murteessuu dubbatu.
Kana qofa osoo hin taane, ilmi ilma isaanii tokkos ijoollee kanneen lamaan waliin koruu tulluu kana koreera.
Yeroo umuriin kiyya waggaa 80 jiru Tulluu Kiliimaanjaaroo korettis Maartaan ana waliin turte jedhu Obbo Naayizgiin.
Dhala dhala isaanii lamaafi intala isaanii waliin Maawont Keeniyaa kan koran Obb Naayizgiin, dhaloota sadii waliin tulluu koruun miira isaanitti uume yeroo dubbatan, "nageenya, gammachuu, miira Waaqa koo galateeffachuuti natti dhaga'ama," jedhu.
Umurii waggaa 90 tulluu koruun icciitiin isaa maalidha?

Madda suuraa, NAIZGI
Dhalatanii kan guddatan Finfinnee naannoo Inxooxxootti waan ta'eef jabina amma qaban kanaaf, gahee akka qabu dubbatu.
"Yeroo tokko qoratameen seeliin dhiiga diimaa dhiiga kiyya keessa jiru namoota umuriin hiriyyoota koo ta'an akka caalu natti himameera. Tarii baddaatti waanan dhaladheef ta'a."
Kun dhimma uumamaa qofa osoo hin taane "cimanii fayyaa ofiitiif xiyyeeffannoo kennuunis" si'oominaan tulluu gurguddaa akka kanaa akka koran isaan gargaaruu amanu.
Maanguddoo waggaa 90 kan ta'an Obbo Naayizigiin, barataa Jeneraal Wiinget yeroo turanitti, nama ispoortii buunyaa hojjetu [boksanyaa] turan. "Yeroo sanatti barattoonni boksii baayyee jibbu ture. Ani garuu hojjaadhaanis baayyee ta'uu baadhus boksanyaa gaariin ture, Dorgommii konkolaataas si'a lamaan sadan tokko dogomeera."
Tulluu koruu[bahuu] kana akka jaallatan kan isaan taasise jaalala ispoortiiwwan kanaa ta'uu isaa sirriitti beekuu baatanis "ani garuu nama cimaadha" ofiin jedhu.
Tulluu bahuun jabina qaamaa namaaf kennuun alatti jabina qoor-qalbiis nama gaafata.
Maanguddoon kun yeroo baayyee taa'uu caalaa sochii qaamaa baayyisu. Sochiin isaan taasisan kun ammoo baayyee akka isaan fayyade himu.
Ciminni maanguddoo kanaa sochii qaamaa ykn ispoortii jaallachuu qofa miti, soorata isaaniirrrrattis baayyee of eeggannoo cimaa taasisu.
Akkuma nama Itoophiyaatti guddate tokkootti nyaanni isaanii guyyuun foon osoo hin taane shiroofi misira yeroo baayyee akka nyaataa guddatan dubbatu.
Ammas taanaan nyaanni isaanii yeroo baayyee fuduraafi dheedhota warra akka shiroo, atara, misiraafaa caabii isaaniirraa hin dhaban. Kun ammoo akka isaan gargaareeru dubbatu maanguddoon kun.
Oolmaan Obbo Naayziign guyyaa maal fakkaata?
Ganamaan ka’anii Kitaaba Qulqulluu afaanoota sadiin boqonnaa sadi dubbisu. Erga Kitaaba Qulqulluu afaan Amaaraa, Tigriffaafi Ingiliiziin dubbsaniin booda, kadhannaa taasiisanii osoo sirreessaanii irra jiranu miilaafi dugda ol kaasudhaan ispoortii hojjatu.
Achiin booda ammo ajjaa, zabiibaafi ochooloonii gochuudhaan annaaniin cireesaanii nyaatu.
Itaansuun ammo, miilaan imala tarkaanfii kuma 10 hanga kuma 15 ni deemu.
‘‘Kun ammo yoo kilomeetiraan shallagamu gara kilomeetira torbaa ta’a. Kana hunda addaan hin kutu. Isaan booda kitaaban dubbisa. Ashaakilitiis baayyee waanan jaaladhuuf kanan dhaabu yoo qabaadhees nan dhaaban, kan sirreeffamu yoo jiraatees sirreesseen kunuunsa,’’ jedhan.
Obbo Naayizigiin dallaan isaan keessa jiraatan ballaadha. Akka isaan jedhaniitti, lafa karee meetira kuma afurii hanga kuma shanii ni ta’a. Dallaa sana keessaas geeshoo, buna, gaattiiraa, muka koosoo, abookaadoowwan baayyiinaan argamu.
‘‘Lammiileen Ertiraa achi jiraatani fi lammiileen Itoophiyaa yoo farsoo naquu barbaadan mana koo dhufanii geeshoo muratu’’ jedhan kolfaatii.












