Lammii Keeniyaa gurraachota kaan waliin Evarast koruun seenaa dalaguuf yaalaa jiru

Madda suuraa, James Kagambi
Lammiin Keeniyaa Jeems Kagaambii garee namoota gurraachaa 10 of keessaa qabu tulluu Evarast koruun seenaa dalaguuf yaaliitti jiran keessa umuriin isa angafaati. Miseensonni garichaa hafan saglan gurraachota lammiilee Ameerikaati.
Gareen kun garee gurraachotaa seenaa keessatti yeroo jalqabaaf tulluu Evarast koran ta'uuf hawwii qabu.
Hanga ammaatti namootni 6000 ta'an fiixee tulluu Evarast gahuun kan galmaa'an yoo ta'u, kana keessa namootni hidda Afrikaa qaban 10 gadi.
Gareen namoota 10 gurraachota qofaa 'Full Circle Everest team' ofiin jedhan kun seenaa kana jijjiiruu barbaadu.
Kaampii tulluu Evarast jala jiru irraa imala kan eegalan yoo ta'u, ji'oota lama jidduutti fiixee gubbaa akka gahan abdatu.
Namni ganna 62, lammiin Keeniyaa Kagaambiin garee namoota tulluu koruun muuxannoo qaban of keessaa qabu kana keessaa umuriin kan angafaati.
Tulluuwwan dhedheeroo Afrikaa keessaa mara fiixeerra bahuun kan milkaa'e namni kun, tulluuwwan dhedheeroo aardilee biroo afur keessa jiraniis koree jira.
Lafa olka'aa aardilee torbanuu keessa jiru koruun nama Afrikaa jalqabaa ta'uuf abdii qaba.
Ameerikaa Kaabatti tulluu dheericha kan ta'e Denaalii koruun nama gurraacha Afrikaa kan jalqabaati.
"Kaayyoon keenya ijoon namootni adii hin ta'iin kaanis akka bahanii tulluu koran jajjabeessuudha, warra adii qofa akka hin taaneefi. Namootni akka danda'anis itti agarsiisuuf jenneeti. Sababni isaa kun nun ilaallatu [warra gurraacha] kan warra adii qofa jedhanii namoonni yaadan jiru," jechuun Neeppaal keessaa osoo hin bahiin BBCtti dubbate.
Lammileen Neeppaali fi Indiyaa hedduun daawwachiiftota ta'uun tulluu Evarast koranillee, tulluu koruun akka ispoortii warra adii qofaa ta'etti ilaalama, keessumaa biyyoota Lixaa keessatti. Aab Kagaambiinis wayita US keessatti leenjisaa fi qajeelchaa tulluu koruu (mountaineering) ta'ee hojjetu kanumatu isa mudate.
Maamiloonni isaa tokko tokko sababa gurraacha ta'eef dandeettii isaatti amantaa hin horatan ture.
"Namoonni maal akkan hojjedhe osoo hin beekiin yoo maman nan arga, keessumaa US keessatti. Hanga waan hojjettu akka sirnaan beektu mirkaneessituufitti namoonni si shakku. Ergasii booda kan si amanan," jedha.
'Cabbiisaan jaaladhe'
Barsiisaa mana baruumsaa sadarkaa tokkoffaa kan ture Aab Kagaambiin, bara 1973 biyyi isaa Keeniyaan walabummaa kolonii jalaa itti waggaa 10ffaa yoo kabajattu, agarsiisa richiitii tulluu Keeniyaa gubbaatti godhame ganda dhaloota isaa keessa taa'ee wayita daawwatu ture, jaalala tulluun kan qabame.
"Yeroos anis osoon akkas gochuu danda'ee jedheen hawwe. Akkan gochuu danda'u garuu tasa yaadee hin beeku," jedha.
Waggoota booda tulluu Keniyaa koruu yaalee itti milkaa'e.
"Jalqaba wayitan cabbiirra ejjedhu, wantan itti gammaduu fi gochuu jaaladhu akka ta'en hubadhe. Yeroon itti deddeebi'u baay'een jaaladhe," jedha.
Tulluu Evarast koruuf irra deddeebiin yaalii godhee carraa isaa akka hin arganne hima.
Namni hireen kennamuuf lammii Ameerikaa ta'uu qaba jechuun qaamoleen namoota tulluu koran maallaqaan deeggaran yeroo lama isa diduu dubbata.
Tulluu Evarast koruun salphaa miti - maallaqa hanga doolaara 85,000 gaafata. Boodarra sababa umuriin isaa sokkeef yaaluu itti dhiisee akka ture hima.
Amajjii bara 2021 waahila isaa lammii Ameerikaa ta'e Filiip Hendersan irraa ergaan iimeelii isa dhaqqabe garuu waan hunda jijjiire.

Madda suuraa, Full Circle Everest
"Deebiin koo battalaa ani hin danda'u kan jedhu ture. Dulloomeera, jilbikoo tulluu koruu hin danda'u jedheen itti hime," jedha.
Hendersan garuu ni ciche, deemuu akka qabu itti hime.
Ta'us garuu akkuma baratame leenjiifi meeshaalee barbaachisan biroof nama maallaqaan isa deeggaru argachuun dirqama ture.
Hiriyoonni isaa garee Whatsapp bananii achirratti maallaqa walitti qabuufii eegalan, kun abdii kan namatti horu ta'ullee maallaqa gahaa hin arganne ture.
Booda dhaabbanni Beetiingii Keeniyaa tokko dhimmicha dhagahee guutummaatti ispoonsara gochuuf waliigale.
Ergasii baatilee afran darban keessa yeroo jaha tulluu Keeniyaa koruun leenjii gochaa jira. Biyya ollaa Yugaandaatti gaarren Ruweenzorii koruunis shaakala godheera.
Miseensonni garee 'Full Circle Everest team' Amajjii darbe Neeppaalitti wal arguun sagantaa wal-barachuu fi garee isaanii cimsachuu godhataniiru.

Madda suuraa, James Kagambi
Adoolessa bara 2021 hanga Muddee US kan ture Aab Kagaambiin boorsaa kiiloo 50 ulfaatu baachuun ji'ootaaf barattoota tulluu koruu leenjisaa ture.
Tulluu Evarast koruun wanta balaa hamaa qabu waan ta'eef maatiin isaa nageenya isaaf yaadda'aniiru.
"Akka gaariitti akka xumuramu abdiin qaba. Filannoon lama qofti akka jiru nan hubadha, deemee ykn ni deebi'a ykn ammoo achumaan hafa. Sodaa qabna garuu san itti mul'isuu hin feenu," jetti intalli isaa Siintiyaan.
Muuxannoo waggoota dheeraa kan qabu Aab Kagaambiin garuu ofitti amanamummaa guutuu qaba.
"Tulluu Evarast akkan koru ofitti nan amana, garuu wanti biraa ani jedhu - kanaaf jedhee lubbuukoo balaaf hin saaxilu. Tulluu hedduu waanan koreef qaamakoo sirriittin beeka. Haala ilaalee, of duuba deebi'un qaba jedhee murteessuu nan danda'a," jedha.














