Dargaggoonni warra umuriin bubbulan caalaa maaliif bultii saal-quunnamtii maleessa qabaatu?

Dargaggoo gaa'ila quunnamtii saalaa maleessa jiraatan

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Dargaggummaan yeroo jireenyi saal-quunnamtii sadarkaa olaanaarra itti gahudha jedhamee amana. Garuu maaliif cimdiiwwan muraasni kuni taha hin jiru jechuun dubbatu?

‘‘Waggoota gaa’ila keenyaa jalqabaa (baayyeef) jireenya walitti dhufeenya haalaan gammachuu ajaa’ibaa qabaachaa turre… garuu akkuma umuriinsaa dabalaa adeemeen (amma waggaa 30) kana booda waan quunnamtii saalaatiif fedhii qabu hin fakkaatu.’’

Yaadni olii kuni yaadawwan rakkoo gola ciisaa (r/DeadBedrooms) ilaalchisuun miidiyaa hawaasaa Reddit jedhamurratti baay’inaan namootaan qoodamuudha.

Toora miidiyaa hawaasaa kanarrattis ‘'garee marii namoota hanqina walitti dhufeenya quunnamtii saalaa cimaa qabna’’ jedhaniitu mari’ata.

Yaadoti akkanaa namoota gaa’ila isaanii keessatti quunnamtii saalaa xiqqaa ykn homaa hin raawwannee irraa baay’inaan dhagahama.

‘‘Ana waliin ciisuu osoo danda’u maaliif kana hin filannee laata?’’ jedha yaadni hirmaattu tokkoon maxxanfame.

Osoo seenaawwan akkasii namoota ykn cimdiiwwan umuriin jaaran irraa kan dhagahamu ta’ee waanuma uumamaa fakkaachu mala.

Haata’u malee, yaadawwan kunneen baay'een namoota umurii waggaa 20 fi 30 keessa jiran keessatti akka argamaniitti himaniin barraa’ee.

Kaan isaanii daa’ima godhachuun ykn gaa’illi jireenya quunnamtii saalaa irratti dhiibbaa qaba jedhu.

Kaan isaanii ammoo, abbootiin warraa fiilmii dhimmichaan wal qabatu baay’inaan doowwatan haadha warraa/hiriyyaa dubartii isaanii waliin ciisuuf fedhii dhabu jedhu.

Namoonni umurii dargaggummaa keessa jiran kan jireenya quunnamtii saalaa ho’aa irratti argaman ta’an illeen, addunyaa guutuutti dhaloonni kun “quunnamtii saalaa irraa of qusataa” akka jiran gabaafama.  

Odeeffannoowwan marii dargaggootaafi shamarranis r/DeadBedrooms dabalatee keessattuu yaadni cimdiiwwan walitti dhufeenya dheeraa qabanirraa dhagahamu dhugaadhuma kana mirkaneessa.

Nama daa'ima baatee TV ilaalaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorannoon bara 2021'tti guutuu US’tti gaheessota umuriin waggaa 18-45 irratti Inistitiyutii Kinsey kan Yunivarsitii Indiyaanaa fi sex-retailer Lovehoney’n gaggeeffame tokkoos, waanuma kana fakkaatu mul’ise.

Namoota gaa’ila dhaabbatan keessaa kanneen umurii dargaggummaa keessatti argamanitu bara darbe keessa ‘‘fedhii quunnamtii saalaatiin rakkoo qabaachuu gabaasan’’ hedduudha.

Dargaggoofi shamarran gaa’ila dhaabbata %25.8 ta’an rakkoo kana qabaachuu gabaasan. Yoo cimdiiwwan umuriin jaarani (X) %21.2 rakkoo kana qabaachuu gabaase.  

‘‘Gaa’illi quunnamtii saalaa maleessa ta’uufi fedhii quunnamtii gadaanaa qabaachuun tokko miti,'' jedhu Jastiin Lehimilar, Insititiyuutii Kinseyiitti qorataa kan ta’an.

‘‘Gaa’ila keessatti tokkoonsaanii fedhii quunnamtii saalaa yoo dhaban, baayyinni quunnamtiin saalaa itti raawwatamu xiqqaachuun, gaa’illi quunnamtii saalaa maleessa akka ta’uuf madda guddaa ta’u mala’’ jedhu.

Qorattoonniifi oggeessonni quunnamtii saalaa dhimmooti hedduu gaa’illi dardarootaa quunnamtii saalaa maleessa akka ta’u godhan jiraachuu kaasu.

Kunis haala sadarkaa jireenyasaanii hanga dhiibbaa intarneetii olaanaa kan gahu ta’uu mala.

Caasaa gaa'ila quunnamtii saalaa maleessa

Gaa’ila quunnamtii saalaa maleessaaf hiikawwan hedduutu jira. Inni tokko dhugaadhuma. Kunis yoo cimdiiwwan yeroo dheeraaf quunnamtii saalaa omaatu hin raawwanneedha. Mallii biraa gaa’ila quunnamtii saalaa maleessa keessatti itti fayyadamamu ammoo waggaatti yeroo 10 quunnamtii saalaa raawwachuudha.

Ogeessonni garee BBC Worklife dubbatanis yaada garaagaraa qabu.

Ogeessi quunnamtii saalaa Niiw Yoorkiitti bu’uureffate, Isiifan Sindiree, ‘‘yeroo baay'ee quunnamtii saalaa maleessa akka waan waggaatti ‘yeroo afur ykn gadiittan’ yaada jedha.

Kimberilii Andarsan teeraappistii Quunnamtii-saalaa fi gargaaraa Pirofesaraa deegarsa qor-qalbii Mana Barnootaa UCLA, gaa’ila keessatti quunnamtiin saalaa gadaanaadha kan jedhamu yoo waggaatti yeroo 25 gadi raawwatamedha jedhu.

Kaan ammoo cimdiiwwan haala itti quunnamtii raawwatan irratti yoo rakkoo qabaatan isa furuudha malee baay’inni hin murteessu jetti.

Gaa’ila keessatti abbaafi haatii warraa quunnamtii saalaa gonkumaa ykn yeroo baayyee akka hin raawwanne kan dhorkan rakkoolee jijjiru.

Fakkeenyaaf garaa garummaan fedhii yoo jiraate, akka teeraappistiin quunnamtii saalaa Kaaliforiyaatti bu’ureeffatee Kiristeen Lozaanoo jettuutti, yoo rakkinicha furuuf hojjatame malee wal jalaan garaagarummaan jidduu isaaniitti guddachuu danda’a.

Namni irra deddeebiidhaan fedhii quunnamtii raawwachuu agarsiisee nama kaan irraa diddaan mudate booda qaaniin itti dhagahamu danda’a.

Haaluma walfakkaatuunis namni gaa’ila keessatti diddaa agarsiisuus balleessaan itti dhagahamu mala. Kun lamaan egaan haalli jiruu cimdiiwwanii akka badu gumaata.

Dhimmi qoricha fudhatamuu fi haalli fayyina sammuutis gaa’ila keessatti fedhii quunnamtii saalaa dhabuutiif gumaachu mala. Akkasuma hojiidhaan ykn guddisa ijoolleetiin ko’oommachuun fedhii quunnamtii saalaa hir’isuu mala.

Kimberiilii Andarsan kan dhimma quunnamtii saalaa kanarratti waggoota 30’f hojjatan, haalli gaa’ila keessatti quunnamtiin hin raawwatamne kun yeroodhaa gara yerootti jijjiramaa jira.

‘‘Namoonni ani sababii gaa’ila keessatti quunnamtii saalaa dhabuun wal'aanaa ture irra caalaan kanneen umurinsaanii waggaa 50 fi isaan olii ture’’ jedhan.

Kuni kan sababii jijjiirama hoormoonii fi dhukkubbii umuriin wal qabtee dhufurraa kan ka’eedha.

Har’a garuu cimdiiwwan gaa’ila quunnamtii saalaa malee oggeettiin tun tajaajilte irra caalaan kanneen umuriin waggaa 45 fi isaan gadiitti. ‘‘Maddi rakkoo kanaatis kan cimdiiwwan umuriin deemetiin addadha’’ jetti.

Ulfaatinaafi dhiphina

Dhiphinni sammuu cimaan jireenya nama kamuu keessatti dhiibbaa qabaachu mala.

‘‘Dhiphinni dhimmoota miira ajjeessan ijoo keessaa tokko. Dargaggoonni ammoo garee hawaasaa karaa hedduudhaan haala dhiphaa keessa jiraataniidha’’ jedhan Lehmiilar.

Dargaggummaan jalqabbii yeroo daa’imman itti godhatan, umurii waan hedduu qabachuuf itti carraaqaniidha. Qaala’insa jireenyaa, mana ijaarachuufi kanneen biroo qabaachuuf yeroo itti yaalan dabalatee.  

Odeeffannoon Caamsaa 2022 dhaabbata gorsaa addunyaa Deloitte jedhamuun biyyoota shan keessatti gaggeeffameen, shamarraniifi dargaggoonni %38 ta’an rakkoo fayyaa sammuu cimaa jalatti akka argaman gabaase.

Keessattu dubartoonni %41 fi dhiiroonni %36 ta’an yaaddoo bakka hojiitiin dhiibbaa jalatti jiru. Qaama hawaasaa kanneenif naannoon hojii gonkumaa tasgabbaa’aafi dhiphina irraa bilisa ta’ef hin beeku.

Yeroo baayyee dargaggoonni sa’aatii dheeraaf hojjatu. Kun ammoo dadhabbii waan itti uumuuf erga manatti galanii booda quunnamtii saalaatiif fedhii akka dhaban taasisa.

Akkasumas maallaqaan tasgabbii dhabuun rakkinicha caalaa kan harbeessuu ta’a jedhu oggeessoonni. ‘‘Yaaddoon maallaqaa cimaan yaaddoo gara biraatti dabalamee fedhii quunnamtii saalaa akka gadi bu’uuf madda olaanaa ta’uu mala’’ jedhan Lehmiilara.

Siree duwwaa

Madda suuraa, Getty Images

Miidiyaa hawaasummaa, pornogiraafii fi quunnamtiif fedhii dhabuu

Dhiibbaan intarneetiin gama kanaan qabaatu waan bira hin darbamneedha. Miidiyaan hawaasummaa sochiilee quunnamtii qaamaa kan akka saal-quunnamtiif ‘danqaadha’ jedhu qorattoonni.

Yeroo tokko tokkoos namoonni akka waan jireenya sirrii kan jiruu dhugaa keessa hin jirree marsariitiiwwan irraa argataniitti yaadu.

Kanas gara gaa’ilaa fi kutaa ciisichaa isaaniitti yoo geessan rakkoof madda ta’u akka malu kaasu oggeessoonni.

Miidiyaa hawaasaatiin alattis pornii dowwachuunis dhaloota dargaggoo kanarratti dhiibbaa olaanaa akka qabaatu kaasuu qorattoonni.

Dhaloonni amma umurii dardaraa keessatti argamu kunis yeroo viidiyoowwan porn bal’inaan qoodamutti kan gahaniidha. Haalli kunis dhaloota isaaniin duranirraa adda taasisa.

Dhiironni umurii waggaa 45 gadii gaa’ila quunnamtii saalaa maleessa jiraatan hedduun ‘‘kan sababii viidiyoo porn walqabatee qaamni saalaa ka’u diiduudha’’ jedhu gorsituu tun.

Kanaan kan ka’es dubartii gaa’ilaan waliin jiraatan irraa ofiin of gammachisuu yaaluutti deemu. Kun ammo gaa’ilasaaniirratti dhibbaa qaba jedhan.

'Kutaalee ciisichaa miira dhaban'

Dhimmi quunnamtii saalaa raawwachuu dhiisuu mata duree namoonni nama waliin siree qooddatan waliin ifatti dubbachuf illeen rakkataniidha.

Bal’inaan waa’ee isaa mari’achun hafee rakkinichi akkuma hubatamu taasisuun furmaata waliin barbaaduun mataansaa ulfaataadha.

Akka fayyadamtuun miidiyaa hawaasaa r/DeadBedrooms jedhamu irratti barreessite tokkootti, sababii jireenya ko’ommannaan guutameefi dhiiphaa hedduu keessatti argamtuutiin waa’eedhuma dhimma kanaa kaasuun akka waan hin yaadamneetti ibsite.

‘‘Akka furmaata argatu nan barbaada, garuu ammo attamiin akka ta’u danda’u garuu hin beeku’’ jetti dubartiin quunnamtii saalaa gaa’ila keessaatiin wal qabatee rakkina keessatti argamu tokko.