Sa’aad Awwal: Waggaa lama keessatti si’a 45 mana murtii dhihaanne

Wellisaa Sa’aad Awwal mana hidhaatii yoo bahu
Maxxanfame

Waraana Kaaba Itoophiyaatti mootummaa Federaalaa fi hidhattoota naannoo Tigraayi gidduutti yeroo deemaa turetti Godina Addaa saba Oromoo keessaa namoota 300 caalan hidhamanii ture keessaa tokko Wellisaa Sa’aad Awwal gadhiifame.

“Yeroo sana waraanni TPLF karaa keenya kanaan seentee gaaga’umsa uumtee ture. Erga isaan asii baafamanii waraana mootummaatu naannoo keenya kana too’ate. Yerosi kan TPLF fi WBO deeggartu jechuun hidhamne” jedha.

Yeroo sanatti gaaga’umsa uumaameen namootni miidhaman hedduun akka turee fi haalli qabiinsa isaanii yeroo sana tures miidhaa qaamaa fi xiinsammuu kan geessise akka ture yaadata.

“Reebicha cimaatu narratti raawwatame. Miidhaa qaamaa hanga ammaa narraa mul’atutu jira. Torbee lama manuma keenyatti nu hidhan. Achii fuudhanii Baateetti boodarrammoo gara mana hidhaa Kamiseetti nudabarsani” jedha.

Namootni yeroo sana waliin hidhamne lakkoofsaan 300 nicaalu kan jedhu Sa’aad, ''badii tokko malee waggaa lamaa fi ji’a sadii mana hidhaatti erga dabarsinee booda bilisa jedhanii nugadhiisani'' jedha.

“Waggaa lamaa oli mana hidhaa teenye. Himanni nurratti baname shororkeessummaa kan jedhudha. Si’a 45 ol mana murtiitti dhihaanneerra. Garuu ragaan gocha shororkeessummaa keenya mul’isu hin dhihaanne. Mana murtii inuma dhihaanna, beellamumatu qabama akkanumatti amma geenye” jedha.

Waggoota lamaan darban kanattis haalli qabiinsa mana Hidhaa Kamisee keessa jiru ulfaataa ta’uun yeroo adda addaatti dhibeef saaxilamuus dubbata.

“Wanni mana hidhichaa waan raajiidha. Namni namumarra rafa. Firaasha takkarra lama taatee rafta. Kanarraan yaalli hin jiru. Nyaanni gahaan hin jiru. Hamma kana kan turre waanuma maatiin asiif achi jedhee nuu fiduuni” jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namootni yeroo sana too’ataman Guuraandhala 28, 2024 mootummaan federaalaa himanni isaanii adda citee bilisaan akka gadhiifaman erga murteesseen booda Kamisa Guraandhala 29, 2024 ganama turtii wagga lamaa fi ji’a sadii booda bahan.

“Amma ajaja mootummaa federaalaatiin ana dabalatee namni 200 caalu mana hidhaa Kamisee kanaa himanni keenya addaa cite hidhaa baaneerra. Ta’ulleen ammallee ijoolleen waliin hidhamne namoota 60 tahan hin bahin hafan” jedha.

Namootni osoo hin bahin hafan kunneenis kanneen yeroo lolaa sanatti ‘caasaa mootummaa diiguun caasaa haaraa hundeessuun aangoo qooddataniiru’ jedhamanii himataman ta’uus dubbata.

Waggaa lamaa fi ji’a sadii erga dararamanii booda bilisa jedhanii nama gadhiisuun sarbama nurra gahe waan mul’isu malee gammachuu addaa namaaf kennu hin qabuus jedha Sa’aad.

Namootni isaan waliin too’atamanii ammayuu mana hidhaa Kamisee keessatti hafan akka bahaniifis hawaasni sagalee akka ta’uufii qabus gaafata.