Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa lolli hammaachuun akkaan na yaaddessa jedhe

Maxxanfame

Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa waraannii humnoota TPLF fi Raayyaa Ittisaa Mootummaa gidduu jalqabe akkaan isa yaaddessuu hime.

Koomishinichi lolli kuni hammaachuu ilaalchisee ibsa baaseen qaamoti hundi lola dhaabanii furmaati nagaa qabeessa akka dhufuuf marii akka jalqaban waamicha dhiyeesseera.

Waraana kana dura tureen Naannoo Affaar, Amaaraa fi Tigraay keessatti namoota nagaa irratti sarbamni mirgaa fi seeraa raawwachuu yaadachiiseera.

Kanaafis qaamoti lola kana irratti hirmaatan, lubbuu namoota nagaa akkasumas nageenya xiinsammuufi qaama isaanii dirqama eeguu qabu jedheera.

Koomishinichi akka jedhetti namoonni naannoo waraana kanaa jiran gadda maatii isaanii du'aniifi miidhaa qabeenyi isaanii barbadaa'uu keessaa otoo hin bahiin, dabalataan tajaajiloota bu'uuraa otoo hin argatiin, yeroo haqaa fi jajjabaachuu eegaa jiranitti, dhukaasa dhaabuu ji'ootaan booda lolli kuni jalqabuun na yaaddesseera jedheera.

Koomishinichi waraana kana ilaalchisee Naannoo Amaaraafi Affaar akkasumas Tigraay keesatti namoota sarbamni mirga namoomaa irra gahe waliin marii bal'aa taasiseen uummanni sodaa lolaa addaan hin citne keessa akka jiraachaa jiru hubachuusaa himeera.

Jiraattota dabalatee kaanis adda durummaan kan barbaadan nagaa fi tasgabbii ta'uu akka adda baasanis ibseera.

''Lammiileen walitti bu'iinsa gidduu jiraatan akkasumas dureewwan hawaasaa fi dubartoonni haqaan gara mariitti akka seenan osoo godhamee,'' nagaa fi araarri ni bu'a jedhanii akka amananis Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibseera.

Komnishinichi dabaluun jaarmiyaaleen siivilii, dhaabbileen miidiyaa, dureewwan hawaasaa fi amantii, hawaasi idil-addunyaa, Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii, Gamtaan Afrikaa fi jaarmiyaaleen naannawa Gaanfa Afrikaa walitti bu'iinsi akka dhaabbatuuf yaalii taasisaa turan akka cimsan gaafateera.

Waraanni kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaaf ture gidduutti erga tasgabbaa'een booda torban darbe keessa akka haaraatti deebiyee ka'eera.

Kunis erga humnoonni Tigraay waraanni federaalaa humnoota naannolee waliin ta'uun dhukaasa narratti banee jedhee himateeti.

Mootummaan Federaalaa ammoo TPLF waamicha nagaa diduun waraana eegaleera jechuun humnoota TPLF gaafatamaa godheera.

Humnoonni lameenuu erga gara waraanaatti deebi'anii seenanii booda nagaan akka bu'uuf Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, gamtaa Afrikaa, Gamtaa Awurooppaa, Ameerikaa fi Uk akkasumas kaan irraa dhaamsi dhiyaateera.

Mootummaan Federaalaa fi humnoonni tigraay waraana erga eegalee waggoota lamatti dhiyaate kana deeggarsa namoomaaf haala mijeessuuf jecha dhaabuuf waliigalanii turan.

Sababa kanaan waraanni Kaaba Itoophiyaa ji'oota shaniif hanga tokko tasgabbaa'ee ture.

Yeroo kana keessatti Gamtaan Afrikaa fi biyyoonni garaagaraa humnoonni wal waraanan lameenuu waraana kana marii nagaan akka goolaban tattaafataa turan, garuu bu'aa tokkollee osoo hin buusin ammas waraanni bifa haaraan eegale.