Itoophiyaan dhala liqaa boondii kan hin kaffalleef maallaqa dhabdee miti -Ministeera Maallaqaa

Madda suuraa, MINISTRY OF FINANCE/F
Itoophiyaan boondii doolaara biiliyoona tokkoo gabaa addunyaa irratti gurgurteef Wiixata darbe dhala kaffaluu qabdu otoo hin kaffaliin kan hafte liqeessitoota hunda ''haala wal-qixa taheen keessummeessuuf'' malee rakkoo sharafa biyya alaa qabaattee mitii jechuun Ministeerri Maallaqaa beeksise.
Ministeerri Maallaqaa kana kan ibse Kamisa kaleessaa Mudde 4/2016 A.L.I yoo tahu, kanneen boondii bitan waliin marii taasifame ilaalchisee ibsee ture.
Ministar Deetaan ministeerichaa Dr Iyyoob Takkaaliny fedhii Itoophiyaa bittoota boondii akka ibsan himan.
Gurgurtaan boondii doolaara biliyoona tokkoo gabaatti kan dhiyaate waggaa sagal dura ture. Itoophiyaan boondii kana gurguruun bittoota irraa doolaara biiliyoona tokko argattee turte, liqaan kuni kan deebi'u waggaa kudhan keessattidha.
Hamma sanaatti mootummaan waggaatti al lama dhala harka 6.625 bittootaaf kaffala. Itoophiyaan jalqaba torbee kanaa gaafa Wiixataa doolaara miiliyoona 33 kaffaluun irra jira ture. Otoo hin kaffaliin guyyooti darabaniiru.
Boondii liqaa kana ilaalchisuun bittoota waliin marii kan taasisan Ministir Deetaan ministeerichaa Dr Iyyoob dhala Muddee kan dabarsite,''kaffaltii kana tursuu murteessiteeti,'' jechuu isaanii ibsi bahe eereera.
Itoophiyaan dhala kana kaffaluuf qarshii gahaa akka qabdu maricha irratti kan dubbatan yoo tahu tursuuf kan murteeffame garuu, ''liqeessitota alaa hunda karaa qixa taheen keessumeessuuf fedhii qabnurraati,'' jechuun ibsaniiru.
Ministeerri Maallaqaa, ''liqeessitoota hunda, kara wla-qixa taheen ilaaluu dhabuun liqii qixeessuu irratti marii liqeessitoota alaa wajjin taasifamu rakkoorra buusa,'' jechuun mootummaan Itoophiyaa dhala liqaa yoo kaffale danqaa uumamuu malu eereera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummaan Itoophiyaa boondii gurguree doolaara biiliyoona tokko argatuuf dhalasaa waggaa kudhan keessatti kaffalee xumuruuf liqeessitoota waliin waliigaltee mallatteessee ture.
Waliigaltee kana keessaa hammeentaa dhala maallaqa liqii fi haalli itti kaffalamu isaan ijoo turan.
Shallaggiin dhalaa waggaatti dibbeentaa 6.625, kan kaffalamu ammoo ji'a ja'a ja'aan waggaatti yeroo lama.
Itoophiyaan hanga yoonaa dhala liqii kana kaffalaa turtus, amma garuu sadarkaa kaffaluu hin dandeenyerra ga'uu ministeerri maallaqaa ibseera.
Akkaataa waliigaltee kanaan liqii kana kaffaluu dhabuun ''technical default'' jedhamuu akka danda'u ogeeyyiin diinagdee ni himu.
Dr Abdulmannaan ''akkaataa waliigalameen dhala maallaqa liqii kana kaffaluu dhabuun yookiin liqii guutuu kaffaluu dhabuun ''waliigaltee kabajuu dhabuutti fudhatama,'' jedhan.
Maallaqa liqii gurgurtaa boondiin argame kana kaffaluu hin danda'u jechuun biyyattiin liqii waliigalaa ofirraa qabdu kaffaluuf humna dhabuu agarsiisas jedhan.












