Gargaarsi namoomaa ulaa afuriin gara Tigraay seenaa akka jiru UN hime

Maxxanfame

Erga waliigalteen nagaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduutti mallattaa'e booda ulaawwan afur gama Naannoo Amaaraafi Affaar jiruun gargaarsi Naannoo Tigraay akka seenaa jiru UN ibseera.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Qindeessaan gargaarsa namoomaa (UNOCHA) akka ibsetti, ALI Sadaasa bulti 06 - 29, 2015'tti tumsitoota UN fi mootummaa Itoophiyaan gargaarsi namoomaa konkolaattota 1,600 ol ta'u gara Tigraay ergameera.

Gabaasi dhaabbatichaa nyaatiifi meeshaaleen fayyaa, dawoo, barnoota, bishaaniifi qulqullina itti eeggatan ergamuullee ibse.  

''Hojjettoonni gargaarsaa keenya odeeffannoo nuuf kennaniin waliigaltee nagaa booda akkaataan gargaarsi itti dhihaatu fooyya'aa dhufeera,'' jedhe ibsi bahe.

Mootummaan Itoophiyaas dhihoo gargaarsi danqaa tokko malee dhihaataa jira jechuun ibsee ture.

Waliigaltee nagaa mootummaafi TPLF waliigalan irratti dhimmoota ka'an keessaa waliitti bu'iinsa hanqisuun ala tajaajiloonni bu'uuraa akka eegalan taasisuudha. 

Waliigalteen kuni deeggarsi namoomaa hin danqamne akka ummataaf dhihaatus dabalata.

Mootummaan Itoophiyaa tajaajila ibsaa Maqaleefi magaalota kaanitti eegaluu ibseera. Tajaajilli bilbilaas Shireetti eegaluu ibsameera.

Aksumiifi Shiree dabalatee bakkeewwan tokko tokkotti tajaajilli ibsaafi bilbilaa eegaluu kan ibse UN, ''kuni deeggarsa namoomaaf tarkaanfii jajjabeeffamudha,'' jechuun ibse.

''Ummataaf tajaajiloota bu'uura deebisuun walqabatee wantoonni fooyyee qaban mul'achuu qabu,'' jechuunis ibse.

Taatullee hanga barbaachisu waliin yeroo wal bira qabamu deeggarsi dhihaataa jiru gahaa akka hin taane ibsamaa ture.

UN ibsa isaa keessatti meeshaaleen fayyaafi nyaati madaalamaa balaliidhaan ergamuu ibse.

Akkasumas Naannoo Amaarafi Afaaritti gargaarsa geessuufi lammiileen jireenya duriitti akka deebi'an gochuuf deeggarsi dabalataa akka isaan barbaachisu ibse.

Qondaaltonni fayyaa Naannoo Tigraay deeggarsa fayyaa gara naannichaa seenaa jiruun gammaduu isaanii torban darbe ibsanii turan.

Waraanni waggaa lamaaf Naannoo Tigraay, darbees Afaariifi Amaaraatti ce’e lammiilee kuma hedduu galaafate.

Miiliyoonaan kan lakkaa’aman immoo qe’eerraa akka buqqa’an dirqeera.

Sababa waraanicharraa kan ka’e lammiileen miiliyoonaan lakka’aman jireenyi isaanii danqame gargaarsa namoomaan malee jiraachuu akka hin dandeenye ta’aniiru.