Waraanni Yukireen bara 2025tti akkamiin xumura argachuu danda'a?

Pirezidaantii Yukireen Voloodmiir Zeleniskii
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

"Haalli jiru saffisaan jijjiiramaa jira. Guyyaa guyyaan adda waraanaa hundumaatti sochiin jira," jechuun waa'ee waraana Yukireen wajjin gaggeessaa jiranii ilaalchisuun dubbatan pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin.

Puutin kana kan dubbatan bara haaraa sababeeffachuun miidiyaalef ibsa kennan irratti.

Baha Yukireen keessatti Raashiyaan guyyuma guyyaan daangaa Yukireen dhiibaa jirti.

Keessumaa nannoo Dombaas keessatti lammiilen Yukireen osoo waraanni isaan bira hin gahin dursanii qe'eesaanitii baqataa jiru.

Loltuu meeshaa waraanaa dhukaasu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Yukireen yeroo dhiyoo as adda waraanatti milkii dhabaa jirti

Raashiyaan erga Yukireen weerartee amma waggaa sadi guutera. Lammiilen du'aniifi madaa'an miliyeena tokko akka ta'antu tilmaamama. Kuni ta'ee osoo jiruu Yukireen adda waraanatti suutuma suuta mo'amaa jirti.

Waa'ee waraana Yukireenitti gaggeeffamuu dhaabsisuuf dursanii kan dhaadatan Doonald Tiraamp aangoo qabachuuf jedhu. Tiraamp waa'ee Yukireen baya'edhuma dhimma hin qaban jedhama.

Tiraamp gaafa aangoo pirezidaantummaa qabatan waraanichi akka dhaabbatuuf dhiibbaa akkamii gaggeessu kan jedhu eegama jira.

Ofii waraanni Yukireenifi Raashiyaa gidduutti gaggeeffamaa jiru kun bara 2025tti itti fufa moo ni dhaabbata laata? Yoo dhaabbate bifa kamiin dhaabbachuu danda'a?

Marii gaggeessudhaanii?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraamp osoo filannoo US hin mo'atin dura yoo pirezidaantii ta'an waraanicha sa'aatii 24 keessatti akka dhaabatu nan taasisa jechuun dhaadatanii ture. Haasan Tiraamp kun baabsa kan qabu ta'us, Tiraamp Ameerikaan waraana maallaqa guddaa ishee baasisaa jiru keessatti akka hirmaattu nama obsa qabanii miti.

"Lakkoofsi loltoota daragaggoota du'anii bakka hundatti kukkufee jiru lakkoofsisaa baay'ee rifaasisaadh. Waanti ta'aa jiru baay'ee hamaadha," jedhanii ture Tiraamp.

Waraana kana dhaabsisuu ilaalchisee bulchiinsa Tiraamp dhufaa jiru rakkoolen lama akka eeggatan hima Carnegie Endowment for International Peace tti qorataa kan ta'e Maayikil Koofmaan.

"Jalqabarratti, waraanicha tasgabbeessuuf yeroo gahaa osoo hin argatin waraanicha dhaalu. Lammaffaan ammoo, osoo mo'icha hin argatin dhaalu," jedha.

Tiraamp af-gaaffiwwan dhiyeenya kennan keessatti waraanicha akkamitti akka ilaalan agarsiistuuwwan kaasaniiru.

Inni jalqabaa Yukireen misaa'ela Ameerikaa fageenya dheeraa imalu fayyadamuun Yukireen daangaa Raashiyaa akka haleeltu Baayidan hayyamuusaanii tasumaa akka itti walii hin galle kaasan Tiraamp.

"Waraana kana harbeessun akka hammaatu gochaa jirra," jechuun barruu Time Magazine wajjin turtii taasisaniin dubbatanii ture.

Gama biraan ammoo Yukireen deeggarsa akka durii akka Ameerikaarraa eeguu akka hin qabaannes akeekaniiru.

Doonald Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp waraaana Yukireen sa'aatii 24 keessatti akka dhaabsisan waadaa galanii ture

Dhugaan jiru garuu yaadi Tiraamp maal akka ta'e baruun rakkisaadha. Tiraamp aango erga qabatanii booda mariif taa'uu malee filannoon hin jiru oduu jedhu ammaaf qondaalonni Yukireen fudhataa hin jiran.

"Waa'ee marii waan baay'etu odeeffama, garuu abjuudha. Raashiyaan waraana kana raawwachuusheef adabbii isheef malu hin fudhanne waan ta'eef adeemsi marii kamuu hin taasifamu," jedha gorsaa pirezidaantii pirezidaant Zeleniskii kan ta'e Maayikaayiloo Podiliyaak.

Tarsiimoo gamnummaa Zeleniskiin fayyadamu

Filannoo US Sadaasa darbe gaggeeffameen Tiraamp akkuma mo'ataniin ergaa baga gammaddee erguuf Zeleniskiin yeroo dheeraa hin fudhanne. Itaansun qondaalota olaanoo erguun Tiraamp waliin akka mariyatan godhe.

Faransaayitti ammoo gargaarsa pirezidaant Maakiroonin Tiraampifi Zeleniskiin qaaman wal-arganii mariyataniiru.

Zeleniskiin tarsiimoo gamnummaatiin Tiraampitti dhiyaachun walitti dhufeenya gaarii ijaarrachuu akka barbaadufi kana gochaa akka jiru himan ministiirri dhimma alaa duraanii Yukireen Dimiitirii Kuleebaa.

Karoora mo'ichaa Yukireen Baayidaniif dhiyeessite

Filannoon US osoo hin gaggeeffamin dura iyyuu Yukireen Tiraamp waliin bifa hojjachuun danda'amuu irratti of qopheessaa turuu agarsiistuwwan turaniiru.

Ji'a Onkoloolessaa keessa "Karoor Mo'ichaa" kan jedhu tarsiimoo akka baastefi karora kana pirezidaantii US kan ta'an Joo Baayidaniif dhiyeessuu Yukireen beeksistee ture.

Qaama karoora kanaa kan ta'e keessaa tokko waraanni Raashiyaa wajjin gootu gaafa goolabamu, loltoonni Yukireen waraana kanaan muuxxannoo gahaa argatn humnota US Awurooppaa keessa jiran bakka bu'uu danda'u kan jedhuudha.

Akkasumas US qabeenya uumamaa Yukireen qabdu kanneen akka Yuraaniyeemii, Liitiyeemifi giraafaayitii fa'aa baasurratti akka bobbaatu akka carraa biraatti itti fayyadamtuuf filannoo dhiyeessiteetti.

Loltoota

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Waraanni erga dhaabatee booda loltoonnishee humnoota US kan Awurooppaa keessa jiran akka bakka bu'an yaada dhiyeessite

Karoora Mo'ichaa qaba jettee Yukiree qopheessite keessaa miseensummaa NATO yoo ta'u, kuni akka salphaatti waan milkaa'uf hin fakkaatu.

Yukireen miseensummaa NATO hin argattu taanan dhiibbaa Raashiyaa jalaa yoomuu bilisa akka hin taanefi wabii nageenyaa akka hin qabne ibsataa turte.

Fedhii Yukireen kana simachuuf USfi biyyoonni akka Jarman fa'aa ammatti qophii hin fakkaatan. Pirezidaantin Yukireen Volodmiir Zelenskiin akka jedhanitti, NATOn affeerraa miseensummaa yoo dhiyeessef daangaa Yukireen harka Raashiyaa jiru yoo dabalate malee akka hin fudhanneedha.

Waraana Yukireenitti gaggeeffamu dhaabsisuuf Doonald Tiraamp aangoo akkuma qabataniin dhiibbaa gochuun waan hin oolledha jedhama.

Gama biraan ammoo Yukireen wabii nageenya qabatamaa barbaaddi. Zeleniskiin waan nageenya biyyattii gara fuulduraatti yaaddoo keessa hin galchine wabii nageenyaa hanga hin argannetti waraana dhaabuu qofa hin fudhatan.

Gama biraan ammoo humni nagaa kabachiisaa Yukireenitti akka bobba'u bara darbe pirezidaantin Faransaayi Imaanu'eel Maakroon kaasanii ture.

Haa ta'u garuu waa'ee humna nagaa kabachiisuu kana ija shakkiin ilaala Carnegie Endowment for International Peace tti qorataa kan ta'e Maayikil Koofmaan. "Wabiin nageenya US keessatti hin hirmaanne akka daabboo keessi isaa duwwaa ta'eeti," jechuun ibsa.

Yaada kana Yukireen illee ni deeggarti. Kanaan dura yeroo garaa garaatti Yukireen hawaasa addunyaarraa wabii nageenyaa siif kennina kan jedhu waadaan galamuufis gaafa Raashiyaan ishee weerartu namni hin birmanneef.

Yukireen Sooviyeet Yuuniyeenii jalaa bahuu booda bara 1994 tti waliigalteen Budapest Memorandum jedhamu kan daangaa Yukireen kabachiisuu mallattaa'ee ture.

Bara 2014-15ttis Waliigatee Minisk kan jedhamu dhimma baha Yukireen ilaalchisee taasifamee ture. Haa ta'u garuu Raashiyaan waliigaltee kana waan hin kabajneef Yukireen jiilmaa qabdi.

Waliigalteen Raashiyaa bituu danda'u akka jiraatu barbaaddi.

Biyyoonni Lixaa, UKfi Baayidan maal gochuu hedu?

Waa'ee fuulduree nageenya Yukireenirratti biyyoota lixaa biratti waliigalteen jiraachuu baatus, michooni Yukireen kunneen humna waraanashee cimsuuf tattaafataatuma jiru.

Ji'a Muddee keessa, barreessaa olaanan NATO, Maark Ruutte, mala ittisaa haleellaa qilleensarraa meeshaalee waraanaa garaa garaa Yukireenif dhiyeessuf filannoowwan heddu ilaalamaa turuu dubbatanii ture.

Yukireen lakkoofsi loltootashee akkaan jalaa xiqqaataa deemuu hordofee, UKn loltootashee Yukireenitti erguun leenjii kennuu akka maltu ministiirri ittisaa UK Joon Haaley akeekanii ture.

Gama biraan ammoo pirezidaantin US Joo Baayidan osoo aangoo Waayit Haawus Tiraampitti hin kennin dura deeggarsa dabalataa Yukireenif kennuuf kutatanii waan jiran fakkaatu.

Mudde 21 ammoo Donald Tiraamp deeggarsa meeshaa waraanaa Yukireenif dhiyeessuu akka itti fufan, garuummoo biyyoonni miseensa NATO ta'an baasii miseensummaa akka dabalan fedhu kan jedhu oduun dhagahamee ture.

Gama biraan ammoo biyyoonni lixaa qoqqobbii garaa garaa Raashiyaa irra kaa'uusaanitiin akka isaan yaadan hin taane.

Qoqqobbiin biyyoonni Lixaa kaa'an akka isaan yaadanitti Raashiyaa miidhuu baatus gama waraanan, Raashiyaan guyyatti loltoonni 1,500 ta'an jalaa du'aa ykn madaa akka jirantu himama.

Kuni ammoo oolee bulee Raashiyaan mariif akka teessuu dhiibbaa gochuun waan hin oolledha kan jedhanis jiru.

Garuu yeroo waraanni kun xumuramutti Yukireen daangaashee hagam dhabuu malti, namoonni hagam du'uu malu kan jedhu gaaffii yeroon deebisuudha?