Unesco'n shoorbaa Yukireen Borsch tarree hambaa baduuf dhiyaatanitti dabale

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni aadaa UN mala shoorbaa qopheessuu Yukireen keessaa borsch jedhamu, hambaa kiliyyaa balaaf saaxilaman keessa tarreesse.
Borsch gara caalu shoorbaa hundee diimaa fi dinnicharraa hojjetamu ennaa tahu, Unesco'n waan jedhu, sababa waraana biyyattiitti adeemaa jiruun nyaanni kun ''balaa jala galeera,'' jedha.
''Mo'ichi waraana borsch'f godhamu kan keenya!'' jedhan Ministirri Aadaa Yukireen Oleeksaandar Tkacheenkoo.
Ministeerri dhimma alaa Raashiyaa oduun kun erga dhagahamee booda dhimmicha akkaan qeequun, gosti nyaataa Raashiyaa keessatti argamu kun eegumsa tokkollee hin barbaadu jedheera.
Borsch gosa shoorbaa akkaan nama quubsudha kan jedhamu ennaa tahu, gara caalu hundee diimaarraa kan kahe haalluu diimaa tahe qaba. Gosa magariisa yookaan adiinillee argachuu dandeessu.
Yukireen 'boorsh' nyaatakoo biyyaalessaati jettus, shoorbaan kun Raashiyaatti bal'inaan sooratama. Akkasumas biyyoota Soviyet jala turaniifi Polaandittis beekamaadha.
Kanaafis maddi nyaata kanaa eessa tahuu falmisiisaadha.
Seenaan sooranni kun eessaa dhufe jedhuufi maqaan shorbaa kanaa akkamiuin haa yaamamu jedhus yaada garagaraatu jira. Akkasumallee akkatti qophaa'urrattis falmiin hin dhabamne - kaan foon itti naqaa jedhu, gariin ammoo lakkii foon itti hingalu jedhu.
Waggoota dhiyoon asittis marsaalee hawaasaa gubbaatti, nyaata Yukireen moo kan Raashiyaati kan jedhurratti falmii cimaatu deemaa ture. Kanumarraa kahuun falmiin cimaa kun ''waraana boorsh'' (borsch wars) hanga jedhamee yaamamutti gahee ture.
2020 keessa Yukireen aadaan qophii nyaata kanaa tarree hambaa UNESCO balaaf saaxilamanitti akka dabalamu kan iyyattee turte ennaa tahu, murteen kunis 2023tti irra gahama jedhamee eegamaa ture.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haatahu malee adeemsi murtee kennuun sababa weerara Raashiyaan ariifachuusaa dhaabni kun ibsa baaseen hime.
''Waraanni kun jiraachuu nyaata kanaa irratti balaa uumeera... Sababni isaas namoonni akka hin bilcheessinee fi kuduraalee naannoo isaanitti oomishuu waan hin dandeenyeef.
''Waraana boorsh fi waraana isa kana lamaanuuu ni mo'anna,'' jedhan Aabba Tikaachenkoo.
''Borsch fi galteewwan nyaata kanaaf oolan biyyoota ammayyaawan hundaaf gammachuun qoodna. Kanneen jabanaawoo hin taanefis ni qoodna, yoo xiqqaate waan dhamdhama gaarii qabu, mi'aawaa fi waan Yukireen tahe argatu,'' jechuun dabalan.
Dubbi-himtuun ministira dhimma alaa Raashiyaa Maariyaa Zaakharoovaa dhimmicha haalaan qeequun itti qoosaniiru.
''Boorshiin keenya eegumsa addaa kamuu hin barbaadu. Inumaa battaluma saahinaarra buute barbadaa'uu qabdi,'' jechuun Telegram gubbaa barreessite.
''Humus fi pilaawuun nyaata biyyaalessaa biyyoota hedduudha. Garuu akkan hubadhetti waanti hunduu kan Yukireen tahuu qaba.
Waanti ittaanu maali? Foon booyyee nyaata biyyoolessaa Yukireen tahaa?''












