Raashiyaan loltoota haaraa hedddu dabaluuf murteessun Yukireen irratti dhiibbaa hin qabaatu- UK

Maxxanfame

Raashiyaan humni waraana ishee kan duraa caala akka guddatuuf murteessun ishee waraana Yukiren irratti dhiibbaa hin qabaatu jedhe Ministeerri Ittisaa UK.

Lakkoofsi loltoota Raashiyaa 10% akka guddatu Puutin ajaja dabarsee ture. Kana jechuun loltoota dabalataa 137,000 dabaluun lotoonni biyyattii gara miliyeena 1.15 tti akka guddatu taasisa.

Haa ta'u garuu Raashiyaan humna waraanaa ishee dabaluuf kan dirqamte dirree lolaa irratti loltoonni heddu jalaa waan du'aniif akka ta'e dubbata ibsi Ministeera Ittisaa UK.

Pirezidaant Puutin ajaja dabarseen loltoonni Raashiyaa dabalataan leenji'uu qabu.

Odeeffannoowwan garaa garaa akka agarsiisanitti angawoonni Raashiyaa manneen amala sirreessaa deemun hidhamtoonni bahanii loltuutti yoo makaman hidhaa irraa bilisa akka ta'anii fi qarshiin gahaan akka kanfalamuufidha.

Yeroo ammaa Raashiyaan loltoota miliyeena tokkoo ol yoo qabaattu hojjattoota sivilii 900,000 qabdi.

Waraana Yukireen irratti odeeffannoo waytaawaa yeroo yeroon kan baasu Ministeerri Ittisaa UK, Raashiyaan loltoota haaraa leenjisuuf karoosun ishee kun fedhii namootatiin ykn humnaan ta'uu humnaan ta'uu mala jedhe.

Raashiyaan loltoota haaraa dabaluun ishee Yukireen irratti dhiibbaa hin qabaatu. Sababni isaa ammoo Raashiyaan dirree waraanaa irratti loltoota kuma heddu dhabdee jirt.

Gama biraatinis loltoonni haaraa qacaraman lakkoofsan xiqqaa xiqqaadha jedha Ministeerri Ittisaa UK.

Angawoonni biyyoota lixaa tokko tokko akka jedhanitti Raashiyaan erga Yuukireen weerartee kaasee loltoota 70,000 hanga 80,000 du'aan ykn madoon dhabdeetti. Raashiyaan jalqaba yeroo Yukireen weerartu, oppireeshinii saffisaa fi yeroo gabaabaa karoorfattee itti lixxe. Waraana Yukireen irraa haleellaa cimaan waan mudateef Raashiyaan akka yaaddetti milkaa'uu hin dandeeye. Yeroo ammaa dargaggoonni Raashiyaa umurii 18 hanga 27 jiran tajaajila loltummaatif irratti xiyyeeffata. Haa ta'uu garuu hedduun isaanii barnoota sadarkaa olii galuun yookin sababa fayyaa himachuun jalaa miliqu.

Waraanni biyyoota lamaanii osoo hin eegaliin dura Raashiyaan loltoota idilee 900,000 fi humna eeggataa miliyeena 2 qabdi turte. Yukireen ammoo loltoota idilee 196,000 yoo qabaattu humna eeggataa 900,000 qabdi ture.

Gama biraan ammoo loltoonni Raashiyaa buufata anniisaa nikularaa Yukireen Zapporizyiyaa haleelan jechuun himatti. Mooskon gama isheetin bakkicha irratti haleellaa raawwataa kan jiru Yukireeni jechuun himatti.

Hoji gaggeessa buufata anniisaa nikulara kanaa kan ta'e Peetiroo Kootin, haleellaa gaggeeffamuun misaa'elli naannoo "ri'aakatarii" sana rukuta taanan, carallaan nikularii hamaan gadi lakkifamuu danda'a jechuun akeekkachiise.

"Sababa irra deddeebin haleellan gaggeeffamuun bu'uraalen anniisaa nikularaa kun miidhamanii jiru, carraan hayidirojiinin achi keessaa yaa'u fi carallaan (radioactive) gadi lakkifamuu isaa jira," jechuun dhaabbanii anniisaa Yukireen Enarhootam ibse.

Himannaa gama lachuu irraa dhiyaatu kana BBCn mirkaneeffachuu hin dandeenye.