Paakistaanitti namoota amantaan isaanii arrabsamuu himataniin waldaaleen Kiristaanaa gubatan

Madda suuraa, REUTER
Magaalaa Paakistaanitti argamu tokkotti Muslimoonni kumaatamaan lakkaa’aman namoonni lama Qur’aana kabaja dhorkan jechuun waldaalee Kiristaanaa gubuun, manneen jireenyaa hordoftoota amantiichaa mancaasuu poolisiin hime.
Haleellaan kun bulchiinsa Baha Punjaab magaalaa Jaranwala keessatti qaqqabe.
Poolisiin akka himetti, yoo xiqqaate manneen amantii Kiristaanaa afur ibiddaan kan gubatan yoo ta’u, gamoowwan jiraattota manneen amantii kanatti hidhata qabu jedhaman danuun manca'an.
Paakistaan keessatti amantii arrabsuun ykn xiqqeessuun du'aan nama adabsiisa.
Kanaan dura namni yakka kanaan himatamee du'e jiraachuu baatus garuunamoonni kanneen amantii arrabsan jedhan gareen haleelllaa qabsiisanii kanneen du'an jiru.
Hawaasni Musliimaa ummata Paakistaan keessaa % 96 ol akka ta'u amanama.
Hordoftoota amanitii Kiristaana lamaan fuula kitaaba qulqulluu amantii Islaamaa kan ta’e Qur’aana gubbaatti, jechoota yaada arrabsoo qabanii fi halluu diimaan barreeffame argachuu dubbatan jedhu poolisiin himannaa irratti banuu Rooyitars gabaaseera.
Amantii Kiristaanaa kan hordofu namni ganna 31 Yassir Batti namoota sababa kanaan manaa baqatan keessaa tokko.
"Foddaa, balbala cabsanii firijii, soofaa, teessoo fi meeshaalee mana keessaa biroo baasuun Mana Kiristaanaa fuulduratti tuulanii guban," jechuun dhaabbata oduu AFP'tti himan.
"Macaafa Qulqulluus gubanii, kabaja dhoowwan, gara-jabeeyyii turan."
Viidiyoonni miidiyaa hawaasaa irratti fe’ame akka mul'isutti, hiriirtonni mormii gamoo warreen Kiristaanaa wayita mancaasan poolisiin achitti argamee ilaalaa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministirri odeeffannoo bulchiinsa Punjaab Amir Mir amantii xiqqeessuu ykn kabaja dhoowwu jedhame kana balaaleffachuun poolisoonni kumaatamaan lakkaa’aman gara naannoo sanaatti ergamuu fi namoonni danuun to’atamuu ibsan.
Tuunni namoota haleellaa raawwatan kanaa irra caalaan isaanii namoota dhaaba siyaasaa Islaamummaa Tehreek-e-Labbaik Paakistan (TLP) jedhamu deeggaran ta’uu maddeen mootummaa Rooyitarsiif hime.
Paartiin TLP’n harka keessaa akka hin qabu jechuun haale.
MM Anuwaar ul Haq Kakar namoota jeequmsa kanaaf itti gaafatamummaa qaban irratti tarkaanfiin ariifataa akka fudhatamu gaafataniiru.
Lubni Paakistaan Azad Marshall, magaalaa ollaatti argamtu Lahor irraa, hawaasni Kiristiyaanaa taateewwan kanaan ''baay'ee kan gaddeefi dhiphateera'' jedhan.
"Qaamolee seera kabachiisan fi kanneen haqaa kennan irraa haqaa fi tarkaanfii, akkasumas nageenyi lammiilee hundi hatattamaan gidduu seenuun lubbuun keenya biyya keenya keessatti gatii akka qabu akka nuuf mirkaneessinu iyyina," jechuun X, duraan tiwiitara jedhamuun beekamu irratti maxxanseera.












