'Weerarri busaa Lixa Oromiyaatti mudate fooyya’iinsa hin agarsiisne' - Waldaa Hakiimota Oromiyaa

Gareen Yaala Hatattamaa Waldaa Hakimoota Oromiyaa

Madda suuraa, Waldaa Hakimoota Oromiyaa

Maxxanfame

Weerarri dhibee Busaa Godinaalee Lixa Oromiyaa keessatti erga mudachuun gabaafamee ji’ootni lakkaa’amaniiru.

Aanaalee akka Beegii fi Qondaalaatti ammoo sababa dhibee busaa kanaan lubbuun namootaa darbuun gabaafamaa ture.

Erga weerarri kuni mudatee deeggarsa namoomaa fi ogummaa hawaasicha dhaqaabsiisuuf hojjechaa kan jiru Waldaan Hakiimota Oromiyaa ammoo rakkoon kuni sadarkaa barbaadamuun waan hin furamneef weerarichi hammaachaa dhufuu hime.

Hoji gaggeessaan Waldaa Hakiimota Oromiyaa Dr. Gammachuu Biiftuu BBC’tti akka himanitti, waldaan isaanii battala rakkinichi mudatee hanga ammaatti deeggarsa gochaa jiraachuu eeran.

“Rakkoon kuni akkuma dhagahameen waldaan keenya garee tokko naannoo sanatti ergee haala jiru akka qoratanii fi yaalas akka kennan goone. Keessumaa Beegii fi Qondaalaatti. Ergasiimmoo qoricha busaa dhaabbata fayyaa addunyaa irraa gargaarsa argannee garee lammaffaa ergine” jedhan.

Torbee kana keessa ammoo gareen waldicha sadaffaan gargaarsa dhaabbilee biyya keessaa fi alaa irraa argatanii qorichootaa fi wantoota yaala kanaaf barbaachisan Birrii miliyoonaa lama baasu qabachuun aanaalee Beegii, Qondaalaa fi Hawwaa Galaanitti imaluu himan.

Weerarri dhibee Busaa Lixa Oromiyaatti mudatee fi ji’ootaan dura lubbuu namaa galaafachuu jalqabe kun ammalleen sadarkaa yaaddessaarra jiraachuus himan.

“Rakkoon kuni ammas waan furmaata argate miti. Keessumaa baatiin amma keessa jirruu fi kan itti aanu yeroo weerarri dhibee busaa hammaatudha. Rakkoo kana waldaan hakiimotaa qofti yookan mootummaa qofti furuu hin danda’u. tumsa dhaabbilee idil addunyaa barbaachisa” jedhan.

Gareen Yaala Hatattamaa Waldaa Hakimoota Oromiyaa wallaansarra jiran

Madda suuraa, Waldaa Hakimoota Oromiyaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbileen fayyaa aanaalee kunneen keessa jiran hedduun sababa rakkoo nageenyaa naannicha jiruun tajaajila fayyaa kennuu kan dhaabanii jiran ta’uun ammoo rakkinicha daran kan haammeessedha.

“Dhiheessiin qorichaa fi dhiheessiin meeshaalee yaalaa buufataalee fayyaafi hospitaalotaaf baayyee baarbaaachisa. Yoo deeggarsa cimaa hin arganne qaama xiqqoodhaan furmaata waaraa argachuu hin danda’u” jedhan.

“Haala amma jiruun haalli achi jiru waan duraarraa gadi hir’ate osoo hin taane ittumaa caalaa deeme. Qorichi gahaan hin jiru, dhiigni hin jiru. Hanqina meeshaalee yaalaa fi rifarii ta’uufillee rakkoo nageenyaa fi daandiitu jira” jedhan.

Du’aatiin sababa dhibee busaatiin Lixa Oromiyaatti mudatus ammallen Daa’immaniifi haadholiin ulfaa du’uun waan itti fufe akka ta’es himan.

“Kan buufata fayyaatti du’e qofa osoo hin taane dhaabbilee fayyaa osoo hin dhufin kanneen du’an akka jiran gareen keenya hubateera,” jedhan Dr Gammachuun.

Aanaalee akka Hawwaa Galaanitti ammoo yeroo ammaa dhibee busaatiin alatti weerarri dhibeewwan daddarboo akkaa Gifiraas hawaasa miidhaa jiraachuu waldaan Hakiimota Oromiyaa ibseera.

Ji'a Fulbaanaa darbe keessa aanaalee Oromiyaa 117 keessatti weerarri busaa mudachuu fi hospitaala Beegiitti qofa ammoo lubbuun namoota 29 galaafachuun himame.

Weerarri dhibee busaa kutaalee Oromiyaa hedduu keessatti mudate kun, Godinaalee Qeellem Wallaggaafi Wallagga Lixaa keessatti yaaddoo cimaa ta’eera.

Naannolee weerarri kun itti hammaate keessa waggoota shanan darbaniif rakkoo nageenyaa hamaanis tureera.

Kana irraa kan ka'e buufataaleen fayyaa aanolee tokko tokko keessaa qoricha fixuu fi yaalii gahaa kennuuf rakkachaa turuu namoonni BBC'n dubbise himaniiru.