Aanaalee Beegiifi Qondaalaatti weerarri busaa nama galaafachaa jira, hanqinni nyaataas mudateera

Nama dhukkubsatee gaariin dhiibamaa jiru

Madda suuraa, Waliif TV

Maxxanfame

Godina Wallaga Lixaa aanaalee Beegiifi Qondaalaa keessa weerara dhibee busaa mudateen lubbuun namootaa darbuufi hanqina nyaataa mudateenis namoonni baayyeen miidhamuu aanga'ootni himan.

Tibba kana ogeeyyiisaa gara naannichaatti ergee kan ture Waldaan Hakimoota Oromiyaa aanaalee lamaan keessa sababa dhibee busaafi hanqina nyaataa mudateen uummanni rakkoo hamaaf saaxilamuu ibseera.

Hoji-gaggeessaan waldicha Doktar Gammachuu Biiftuu ogeeyyii fayyaa aanaalee kana daawwatan irraa gaabasa argataniin aanaalee Beegiifi Qondaalaa keessatti weerara dhibee buusaafi hanqinni nyaataa mudate rakkoo nageenyaa naannicha keessa jirutti dabalamee rakkoo fayyaa guddaa uumuu hubanne jedhan.

Torban darbe keessa suura daa'imman hanqina nyaataan qaamnisaanii hedduu huuqqate aanaalee lamaan keessaa akka kaafaman ibsame miidiyaa hawaasaa gubbaa naanna'aa ture.

Hoogganaan Waajira Fayyaa Aanaa Qondaalaa Obbo Yooseef Tarreessaa yaada BBC'f kennaniin aanaasaanii keessa namootni ''hanqina nyaataa giddugaleessaafi olaanaaf'' saaxilaman jiraachuu mirkaneessaniiru.

''Namoonni hanqina nyaataa giddugaleessaa, akkuma kanammoo namoonni hanqina nyaataa hamaadhaan qabaman ni jiru. Suuronni miidiyaa hawaasaarra qoodaman hedduun isaani dhaabbatni Action against Hunger ji'oota lama dura wayita asitti tajaajila kennaa ture kaasedha'' jedhan hogganaan kun.

Obbo Yooseef rakkoon kun ammalle akka jiru himanii ''karaa waajiraalee adda addaa namoota hanqina nyaataan miidhaaman, deeggarsa barbaadan adda baasuun dhaabbilee deeggarsa dhiyeessaniif dabarsineerra'' jedhan.

Obbo Yooseef aanaan Qondaalaa aanaalee dhibeen busaa itti hammaatu jedhaman keessaa tokko ta'uu himuun, waggoota arfan darban sababa rakkoo nageenyaa kutaalee Lixa Oromiyaa keesssa jiruun ittisa busaaf tarkaanfileen fudhatamuu qaban akka hin fudhatamne dubbataniiru.

''Aanaan keenya dhibee busaatiin durumaanuu ni beekama. Waggaa waggaan biifaan farra bookee busaa ni gaggeefama ture. ALI bara 2011 irraa kaasee sababa dhibdeen siyaasaa naannichatti tureen garuu agoobarri ittisa dhibee busaaf oolus kennamaa hin turre. Biifaan kemikaalaas gaggeefamaa hin turre.''

Sababa kanaatti dhibeen busaa amma sadarkaa weerara jedhamee ibsamuun ka'ee uummata naannichaarra miidhaa guddaa geessisaa akka jiru himan.

''Dhibeen kun amma bifa weeraraatiin erga ka'ee ji'a lamaafi torban sadii ta'eera. Giddugaleessaan namoota 288 qorataman keessaa garri nama 108 yeroo busaan dhiigasaanii keessatti argamutu jira. Kun ammoo weerara ta'uusaa agarsiisaa.''

Hoji gaggeessaan waldaa Hakiimota Oromiyaa Doktar Gammachiis gama isaaniin ''Godinaaleen Wallaggaafi kaanis rakkoo nageenyaarraa kan ka'e waggoota darban rakkoo fayyaa hedduun miidhamaa turan ammas miidhamaa jiru'' jedhan.

''Weerarri busaa aanaalee kana hubaa jiru amma kan dhalate miti irra bubbuleera. Hanqinni nyaataas daa'immaan dabalatee namoota hedduu miidhaa akka jiruudha miseensotni keenya achi demaan kan hubatan.''

Waldaan Hakimoota Oromiyaa rakkoon aanaalee kana mudatee jiru baayyee hamaafi yaaddessaa ta'uu miseensotasaa dhiyeenya garasitti imalan irraa hubachuu ibseera.

'Haalli jiru baayyee hamaa ta'uu hubanne'

Daa'ima hanqina nyaataafi dhukkubaan miidhamte

Madda suuraa, Waliif tv

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Kan hubanne baayyee hamaa ta'uusaati. Tokko sababa rakkoo nageenyaatiin ogeessi fayyaan naannoo sanaa hojjetu baayyeen achitti hin argamu, iddoo biraatti socho'ee jira. Akkasumas sababa rakkoo nageenyaatiif dhiyeessiin qorichaa achi qaqqabaa hin jiru. Sababa rakkoo nagenyaatin ittisa dhibee busaarratti hojiin hojjetame hin jiru. Kunimmoo baayyee yaachisaadha'' jehdan Doktar Gammachuun.

Ji'ooni kuniifi kan itti aanee dhufu wayita weerarri kun itti hammaatu ta'uun isaammoo yaaddoosaanii akka hammeesses dubbatan.

Hogganaan waajira Fayyaa aanaa Qondaalaa ji'a tokko dura sababa weerera dhibee busaatiin haadjoliin ulfi lamaa fi daa'imman sadii walumaagalatti namootni shan du'uu isaanii hawaasarraa odeeffannoo argachuu himaniiru.

Sababa hanqina nyaataan garuu namni lubbuun darbe jiraachuu fi dhiisuu hin dubbanne.

Aanaa ollaa jirtu Beegii keessatti haalli jiru walfakkaataa ta'uu kan dubbatan obbo Yoseef, dhaabbatni Faannoo Diimaa gargaarsa marsaa lamaan dhiyeessee akka ture ibsaniiru.

Itti gaafatamaa wajjirra Eegumsa Fayyaa Aanaa Beegii Obbo Lataa Bantii waabeffachuun Waliif TV akka gabaasetti ammoo namoota dhibee busaatiin qabamanii yaalamaa turan keessaa 36 du'aniiru.

Aanichatti namootni kumootaan lakkawwaman busaan qabamanii akka jiranillee Obbo Lataan ibsaniiru.

Obbo Yooseef ammaan tana godinaaleen Qondaalaafi Beegii biifaa farra bookee gaggeessaa akka jiran himanii, dhiyeessiin qorichaa atattamaan akka dhiyaatu gaafatamee amma hanqinni qorichaa hin jiruu jedhan.

Torbanoota muraasa dhufnii qorciha gahu qabaatnis weerara kana bifa itti fufinsa qabuun waldhaanuufi ittisuuf gargaarsa qaamolee dhimmi isaan ilaallatu kan sadarkaan jiranii akka barbaadus dubbataniiru.

Waldaan Hakiimota Oromiyaa UNICEF dabalatee dhaabbilee idila addunyaaf waamicha dhiyeessanii deeggarsaa fi tumsa dhiyeessuurratti hojjechaa akka jiru ammoo Doktar Gammachuun himaniiru.