Dureessi Yukireen midhaan alatti erguun beekamu haleellaa misaa'elii Raashiyaan ajjeefame

Madda suuraa, Nibulon
Dureeyyii Yukireen beekamoo midhaan dheedhii gabaa addunyaaf dhiyeessuun beekaman keessaa tokko haadha warraa isaanii waliin magaalaa Mykolaiv keessatti misaayela Raashiyaan ajjeefaman.
Maanguddoon ganna 74 Oleksiy Vadatursky, haadha warraa isaanii waliin misaayeela mana isaaniitti halkan dhukaafameen ajjeefaman.
Vadatursky dhaabbata midhaan alatti ergu Nibulon jedhamu qabu. Badhaasa kabajaa olaanaa Yukireen "Hero of Ukraine" jedhamus injifatanii turan.
Qabeenyi Oleksiy Vadatursky bara 2020'tti barruun Forbes akka tilmaametti doolaara miiliyoona 450 ta'a.
Pireezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskiin ajjeefamuu dureessa kanaan dhaba guddaa jechuun ibsan.
Kantiibaan magaalaa Mykolaiv Oleksandr Senkevych gama isaaniin magaalicha keessatti haleellaa hanga ammaatti Raashiyaan raawwatte keessaa isa hamaa ta'uu hin oolu jedhan.
Haleellaa kanaan hoteelli, bakki ispoortii, manneen barnootaa lama, gidduugalli tajaajilaa fi manneen jireenyaa miidhamaniiru.
Magaalaan Mykolaiv daandii guddaa buufata doonii Yukireen galaana gurraacharraa qabdu Odesa'tti geessurratti argamti. Erga waraanni Raashiyaa fi Yukireen eegalees yeroo hedduu haleelamteetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bulchaan naannichaa Vitaliy Kim gaheen Vadatursky guddina qonnaa fi indaastirii geejiba galaanaa naannichaarratti bahan olaanaadha,'' jedhan.
Gorsaan waajira pireezidantii Yukiren gama isaan Raashiyaan ta'e jettee nama kana irratti haleellaa xiyyeeffatu raawwatte jechuun himatu.
Mykhailo Podolyak akka jedhanitti, misaayeloota dhukaafaman keessaa tokko mana ciisaa dureessa kanaa rukute, ''ta'e jedhamee akka raawwatame shakkiin hin jiru'' jedhan.
Dhaabbatni dureessa kanaa Nibulon mankuusaalee midhaanii hedduu ijaare qaba.
Yukireeniifi Raashiyaan al-ergii midhaanii, keessumaa qamadiin addunyaarratti adda duree yoo ta'an, sababa waraana kanaan dhiyeessiin midhaanii danqamuun gatiin nyaataa addunyaa guutuutti akka qaala'u sababa ta'eera.
Biyyoonni lameen torban darbe jaarsummaa UN Tarkiitti rakkoo midhaanii furuuf walta'anii turan. Osoo hin turiin Raashiyaan buufata doonii Odesa haleeluun yaaddoo uumeera.
Sababoota adda addaa biroonis midhaan Yukireenii fe'amee bahuuf rakkatus, Wiixata kana yeroo dheeraa booda yeroo jalqabaaf akka imalu Tarkiin ibsiteetti.












