Yukireen daangaa Raashiyaa seenuun lola banuu beeksifte

Madda suuraa, EPA
Yukireen daangaa Raashiyaa bulchiinsa Belgorooditti cehuun lola banuu pirezidaantiin biyyattii Voloodmiir Zeleniskiin beeksisan.
"Daangaa diinaa keessatti oppireeshinii waraanaa gaggeessuu itti fufna, kuni ammoo sirriidha - waraanni bakka irraa dhufetti deebi'uu qaba," jechuun dubbatan Zeleniskiin.
Akkuma kana bara darbe daangaa Raashiyaa bulchiinsa Kursk seenuun lafa hamma tokko to'attus Raashiyaan haleellaa banteen harka caalu deebifatteetti.
Yeroo ammaa Yukireen bulchiinsa Kursk keessaa bakkeewwan muraasa qofa to'attee jirti.
Yukireen daangaashee keessatti waraanni guddaan osoo gaggeeffamuu daangaa Raashiyaa seentee waraana banuun dhiibbaan irra jiru akka irraa salphatuuf ta'uu beeksifte.
Kaayyoon ijoon humna Raashiyaa daangaa Yukireen naannoo Sumiifi Karkiiv jiru gara biraatti akka irraa hir'atu gochuuf akka ta'e dubbatan Zeleniskiin.
Ji'a darbe waraanni Yukireeen daangaa Raashiyaa bulchiinsa Belgorooditti cehuuf yaalii gochaa turuufi qolachuu ibsitee turte Raashiyaan.
Raashiyaan weerara bara 2022 banteen yeroo ammaa daangaa Yukireen %20 to'attee harkaa qabdi.
Zeleniskiin ergaa karaa viidiyoo dabarsaniin loltonni biyyattii daangaa Raashiyaa bulchiinsa Kursk fi Belgorood keessatti oppireeshinii gaggeessaa jiraniif galateeffatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Zeleniskiin loltoonni biyyattii daangaa Raashiyaa seenun lola banuu ifatti beeksisuun alatti lafa hammam akka to'ataniifi kaan odeeffannoo bal'aa hin kennine.
Kanaan duras, ifatti ta'uu baatus, loltoonni Yukireen daangaa Raashiyaatti cehuu waan akeeku dubbatanii ture.
Raashiyaan ji'a darbe keessa ibsa baasten aggaammiin Yukireen daangaa cehuun haleellaa banuuf gaggeessaa turte fashaluu ibsee ture.
Haa ta'u garuu oppireeshiniin waraanaa Yukireen bulchiinsa Belgorood keessatti gaggeessitu akka isa kana dura Kursk keessatti gaggeessitee guddaa miti.
Zeleniskiifi qondaalonni waraanaa biyyattii irra deddeebin akka jedhanitti, yeroo garaa garaa daangaa Raashiyaa seenanii opiireeshinii waraanaa gaggeessun loltoonni Raashiyaa adda waraanaa biraa irraa garas akka imalan gochuun dhiibban Yukireen irraa akka hir'atu gargaaruu ibsan.
Gama biraan ammoo gara fuulduraatti marii gaggeeffamurratti daangaa wal-jijjiirufis itti fayyafamti. Gama biraan ammoo daangaa Raashiyaa qabatte, gara fuulduraatti












