Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Viidiyoon gurraacha Ameerikaa to'annoo poolisii jala yoo ajjeefamu mul'isu ifa ta'e
Hospitaala wal’aansa sammuu biyya Ameerikaa bulchiinsa Varjiiniyaa argamu tokkotti dhukkubsataan yaalamaa ture lubbuun isaa darbeera.
Akkaataa du’a gurraacha Ameerika viidiyoon agarsiisus ifa ta’eera.
Viidiyoon kuni akka ummataaf ifa ta’u kan taasisaan abbootii alangee bulchiinsichaati.
Viidiyicha keessatti yeroo poolisoonniifi hojjettoonni hospitaalichaa dhukkubsataa lubbuun isaa darbe lafatti gad qabaniifi itti hirkatan mul’ata.
Irvoo Otiyeenoo, ganna 28, mana amala sirreessaatii gara giddugala yaalaatti kan geeffame torban lama dura ture.
Du’a dargaggoo kanaan poolisoonni torbaafi hojjettoonni hospitaalichaa sadii himannaa ajjeechaa sadarkaa lammaffaa jedhuun himatamaniiru.
Manni murtiis namoota kudhan irratti himannaa banuu isaa beeksiseera.
Abbaan alangee Aan Kaabel jedhaman gaafa Kibxataa ture viidiyoo du’a dargaggoo kanaa agarsiisu kan ummataaf ifa godhan.
Dargaggoon ajjeefame hannaan shakkamee to’annoo poolisii jala kan seene torban sadii dura akka ta’e poolisiin ibseera.
Akka ibsametti to’annoo tasaa jala akka seenu ta’e. Kunis namoota dhibee sammuun ofiis ta’e kaan miidhuu malu jedhamee yeroo yaadamu waan raawwatudha.
Viidiyoo sagalee hin qabne irratti dargaggoon umrii afuriin Keeniyaarraa gara Ameerikaa baqate kuni harki fi miilli isaa fuuncaan hidhamee gara hospitaala yeroo geeffamu mul’ata.
Poolisoonni hedduu waliin turan. Hojjettoonni hospitaalaas duubaa isa hordofu.
Viidiyoon kuni poolisoonni Irvoon gad yeroo hacuucan mul’isa. Jalqaba dhaabatanii kan ilaalaa turan hojjeettonni fayyaas itti dabalanii gad yeroo isa qaban mul’ata.
Akka viidiyoon kuni agarsiisutti namoonni saddeet dargaggoo kana gadi isa hacuucaa turan. Kaan miila qaban, kaan immoo dugdaa ol lafatti isa qaban.
Yeroo kanatti Irvoon qullaa isaa ture.
Lafatti kan gad isa qabanii turan daqiiqaa 11’f ture. Lubbuun isaa kan darbe yoo ta’u, yeroo qaamni isaa itti qorru kunneen irraa ka’an.
Ogeeyyiin fayyaa kuticha turan gargaarsa yeroo balaa yeroo kennaniif mul’ateera.