Arsenaal fi PSV keessaa eenyu mo'a?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Arsenaal fi PSVn har'a tapha Shaampiyoons Liigiiiin waliif bahu. Gareen kunneen lamaan si'a 11f kan walitti dhufan yoo ta'u, erga dhiyoo as Arsenaaliif milkiin tolaa hin jiru.

Arsenaal si'a shaniif gara Neezerlaandis ilamee taphate keessaa kan Fulbaana 2002 4-0n mo'ate qofarraan kan hafe hunda mo'amanii galan.

Erga sanaa as PSVn Arsenaaliin yoo mo'atu, si'a lama ammoo walqixa bahan.

Landan keessatti Arsenaal PSV si'a sadii mo'ateera, lama ammoo walqixaan xumure.

Arsenaal fi PSV keessaa abbaan mo'ate ammoo kan har'a waliif bahan Riyaal Maadiriid fi Atileetikoo Maadiriid keessaa abbaa mo'ate waliin walitti dhufu.

Gama Arsenaaliin yaaddoon taphattoota miidhamanii akkuma jirutti jira.

Taphattoonni sarara cinaa Bukaayoo Saakaa fi Gabreel Maartineelii ammallee miidhamarraa hin deebine.

Taphattoonni sarara fuula duraa (jifannaa) Kaay Haaveertiz fi Gabreel Jeesus akkuma miidhaa yeroo dheeraa taphaan ala isaan tursiisuun hin hiriiran.

Sarara ittisaarraas Takehiiroo Tomiyaasuu miidhamerra jira.

Taphataan ol adeemaa Arsenaal Maayls Liwiis Iskeelii kan yeroo darbe tapha Notingihaam Forest waliin turerratti kaardii diimaan bahe tapha kanarratti ni argama.

Walumaa galatti Arsenaal hongee gooliin rukkutameera. Duriyyu taphataa goolii lakkoofsisu dhabe rakkaachaa ture. Dhiyeenya kana warrumti jiraniyyu miidhamuun ammoo cittoorrati fanxoo itti ta'eera.

Arsenaal taphoota afuran darban irratti goolii lama qofa lakkoofsisan.

Kun osoo kanaan jiruu Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan taphni galgala kana Arsenaal PSV waliin qabu "waancaaf carraa yoomiyyu hin argannedha" jedhe.

Shaampiyoons Liigiin Darbii Maadiriid galgala taphatamu akkaan eegama.

Tapha Shaampiyoons Liigii Awurooppaa kilaboonni 16 walitti hafan har'a irraa kaasanii morkii jalqabu.

Taphoonni jajjaboonis galgala kana ni eegamu.

Liiverpuul v PSG, Arsenaal v PSV, Riyaal Maadiriid v Atileetikoo Maadiriid kanneen akka addaatti eegaman keessaati.

Atileetikoo Maadiriid sadarkaa shanaffaa qabachuun marsaa kanaaf kilaboota saddet dursanii darbuu baran keessaa ture.

Riyaal Maadiriid ammoo gama biraan tapha dhaqaa galaan dorgomee mo'achuun sadarkaa 11ffaa qabachuun sadarka akanarra gahe.

Riyaa Maadiriid Iitihaaditti Maanchester Siitii 3-2n, dirreesaa Bernaabaa'uutti ammoo 3-1n walumaagalatti 6-3 injifatee kilaboota 16 keessa gale.

Bara kana keessa Riyaal Madiridiifi Atileetikoo Maadiriid bara kana keessa tapha La Liga lama dabalatee si'a sadii waliif ba'aniiru.

La Liga Guraandhala 8, 2025 taphataniin lachuu 1-1 walqixa bahan.

La Liga fulbaana 20, 2024 taphataniinis akkuma kana 1-1n walqixa xumuran.

Kilaboonni Maadiriid kunneen waggoota 11 darban keessa ammoo Shaampiyoons Liigiirratti si'a afur walitti dhufaniiru. Kana keessaa Riyaal Maadiriid bara 2014 fi 2016 Atileetikoo mo'atee shaampiyoonaa ta'era.

La Liga keessatti Atileetikoo Maadiriid qabxii 56 qabatee qabxii 1n baarseloonaan caalamee sadarka alamaffararatti argama.

Riyaal Maadiriid ammoo qabxii 54n sadarkaa sadaffaarratti argama.

LA Ligaa keessatti Kiliyaan Imbaappee goolii 17 lakkoofsisuun lamaffaa irraa