'Na hidhaa malee Yukireen dhaqee hin lolu'- Lammii Raashiyaa

Viidiyoon daqiiqaa jahaa argame kan nama naasisu ture. Qabiyyeen isaa waan namatti tolus qaba.
Magaalaa Poodporozhiyee Moskoo irraa KM 500 fagaatti. Qondaalonni waraanaa jiraataan magaalittii Mikaayil Ashiicheev waraana Yuukireeniif bobbafamuu qabamoo hafuu qaba kan jedhuuf wal gahaniiru.
Mikaayil garuu waraana kanaaf hin deemu jechuun morma. ‘’Ani nama waraana callisee sababa tokko malee fudhatu miti,’’ jedhe.
''Osoo biyyikoo weeraramteeti tahe silaa hanga isin dhuftanii na gaafatanittiyyuu isin hin eegu, waajjira waraanaa kallatumaan deemee galmaa’a ture. Haala ammaa kanaan garuu biyyi waraanaan biyya keenyaaf yaaddoo taate hin jirtu, jechuun dide.
"Garuu biyyi keenya guddoon balaa irra jirti,'' jedhu qondaalonni waraanaa ammoo.
''Biyyi keenya guddoon Guraandhala 24 dura balaa irra hin turre,'' jechuun deebisaaf Mikaayil.
Guyyichi gaafa Raashiyaan Yuukireeniin weerarte ture.
Mikaayil ga’eessa ganna 34ti. Hojiin isaa makanikiidha. Biyya mirgi namoomaa fi siivilii hedduu itti hin kabahamne Raashiyaa keessatti Mikaayil ifatti heerri Raashiyaa mirga beekumsa koon murtoo fudhachuu naaf kenna jechuun falme.
Yuukireen deemee hin waraanu jechuun dide.
''Yeroon achi dhaabadhee itti dubbataa ture sana miira keessa galeen ture'' jedhe Mikaayil.
Irra deebi’ee gaafan viidiyoo sana ilaalummoo ija namoota na ilaalaa turanirraa sodaan argaa ture. Sababni isaa nama akkuma meeshaatti akka barbaadan bakkaa bakkatti waan sochoosan waan isaanitti fakkaateef jedheen yaada.
Akkuma carraa animmoo wanan jedhe sanan dubbadhe. Hin eegamne ture jedhe.
''Sana booda dhimma kana poolisittii himna, ni qoratu jechuun na doorsisuu jalqaban,'' jedhe.
Jari kun to’annoo isaanii ala tahaniiru. Waanuma hundaa to’achuu barbaadu miira jedhu natti dhagahame jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidaantiin Raashiyaa Viladmir Putin ji’a darbe namoota gariin gara 220,000 tahan waraanaaf akka waaman himaniiru.
Kireemiliin namoota waraanaaf bobbaasuu kun akka dhaabbatu beeksiftus guyyaa kam akka tahe waanti ibsite hin jiru.
TV’niin mootummaa Raashiyaa tibbana namootni waraanaaf qophaa’an yeroo leenjii fudhatanii fi sagalee jaalala biyyaa ibsu dhageesisan tamsaasaa ture. Torban kana Putin namoota leenjii irra jiran naannoo Riizaan keessatti daawwataniiru.
Namoonni naannoo koo hunduu bobbii waraanaa Kanaan yaadda’aniiru’’ jedhe Mikaayil. ''Sababi isaas kun amma nama waan hundaa waan miidhuuf.’’
Mikaayile dhaqee hin lolu jechuu isaa hordofee miidiyaa hawwaasaa irratti qeeqa adda addaa barraa’eef.
''Dhibaa’aa fi hantuuta dooniirraa utaaltu kun’’ jedha yaadni kennameef tokko.
''Namni kana dubbatu dhiira jedhee of waamuu hin danda’u'' jedhe tokko ammo.
''Mikaayil waan gaarii goote, ati gootaa fi amanamaadha,’’ jedha kan biraan ammo.
Waraanni Raashiyaa fi Yuukireen ittuma fufee amma humni waraanaa Yuukireen kan Raashiyaa irratti ol aantummaa argataa dhufeera. Putin leenjii fi meeshaa gahaa malee namoota waraanatti bobbaasaa akka jiru himama.












