Barakat Salomun: Dargaggoo lammii Ertiraa Ingilaand keessatti waraanamuun ajjeefame

Maxxanfame

Baraket Salomun jedhama. Erga irra deddebbiin waraanameen booda du'ee reeffii isaa UK bakka Wuudlaand jedhamutti aragamu poolisiin beeksise.

Reeffi Barakat guyyaa Kamisaa akka sa'aatii biyyaatti sa'aatii 07:30 irratti, Daandii Biritiin irraa maqee, Stevenage keessatti argamu poolisiin Hertfordsheer kan hime.

Barakat dargaggoon umuriin waggaa 20 kunis Eritraa irraa gara Ingilaand erga dhaqeen booda koolugaltuummaan kennamuufii himeera poolisiin.

Dubbi himaan poolisii akka jedheetti, miseensoonni poolisii waan ''haleellaa gara jabiinaa kana'' duba jiru hubachuuf yaalii taasisaa jiru.

Maatiin dargaggoo ajjeeffamee kanaas dhimmichi akka dhagan kan taasifame yoo ta'u, qondaaltootaan deeggarsi taasifamaafii jiraachun himame.

Akkasumas maatiinsaa Ertiraatti hafanis waa'ee ajjeechaa isaa kana akka dhagan taasifamus poolisiin dubbateera.

Qorataan yakkaa Maakforsan akka jedhaniitti, ''Haleellaan sukkaneessaan kun akka dargaggoo kanarratti raawwatamuuf maal akka duuba jiru ammalleen hubachu hin dandeenye.

''Haata'u malee, deebiin isaa hawaasuma dargaggoota Ertiraanoota kan Barakat qaamasaanii ture keessaa akka ta'un yaada.''

Qorataa Giraamee Walisinghaam gama isaatiin yakkii meeshaa qara qabuu kunis ''Stevenage keessatti baayyee cimfamee'' ilaalamaa akka ture himan.

''Qondaaltoonni ollaa Nagaa kootiis albee baachuu dabalatee dhimma nageenyaa dhunfaa irratti mari'achuuf mana barnootaa sadarkaa tokkooffaa dowwataa jiru. Nutis walitti fufiinsaan da'iman balaarratti argaman akka yakka albeen wal waraanu keessatti hin hirmaanneef gargaaruuf Manneen barnootaafi Garee Yakkaa fi Mana maree Stevenage Borought waliin hojjataa jiru.''

''Hawaasa naannichaa nu gargaaruu itti fufanii baayyee galateeffadha'' jedheera qondaalli kun.