Gaaffilee hojjetoota Itoophiyaa fi duula hojii dhaabuu kaleessaa hanga har'aa

Madda suuraa, FBC
Dhimmi hojjettoota Itoophiyaa umrii maanguddoo tokkoo lakkoofsiseera. Gaaffiiwwan kun ammallee bifa isaanii jijjiiraa itti fufaniiru.
Gaaffileen tokko tokko deebii yoo argatan, kanneen hafan ammallee akka haaraatti gaafatamaa jiru.
Torbanoota darban muraasarraa eegalee ogeeyyiin fayyaa miindaa fi faayidaan argatan akka fooyya'uuf gaafachuun mootummaarratti dhiibbaa gochuuf lagannaa hojiitti jiru.
Ogeeyyiin fayyaa kunniin qabxiilee 12 tarreessuun mootummaan yeroo murtaahe keessatti deebii akka kennuuf gaafatanii sana booda gara lagannaa hojiitti seenan.
Ofii seenaan gaaffii hojjettoota Itoophiyaa maal fakkaata?
Lagannaan hojiiwoo hangam baratamaadha?
Gaaffiin hojjettootaa kun bara mootii Hayilasillaasee eegale. Gaaffiiwwan kana keessaa inni jalqabaa haala hojii fi gurmaa'ina kan ilaallatu ture. Gaaffiiwwan kunneen bakka hojii isaaniitti waldaa hundeessuun waldaalee kanaaf beekamtii seeraa akka argatan gaafatan keessaa adda dureedha.
Itiyoophiyaa keessatti gochi hojjettoota mindaadhaan bulchuu bara mootii Tewidroos eegale. Haa ta'u malee, haaromsi indaastirii dhuunfaa biyyattii bara mootii Miniliik dadammaqina argate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garuu seerri mootummaan hojjettoota akka ittiin bulan qopheesse hin turre jechuun Obbo Tafarraa Hayilasillaasee barreeffama mata duree " Guddina Bulchiinsa Industirii fi hojjetoota mootummaa" jedhuun barreessan irratti ibsnaiiru.
Barruudhuma kana keessatti ''gochi babal'ataa ture hojjechiisaan mindaa fi haala hojii mataa isaa irratti hundaa'uun hojjetaa bulchuu ture" jedhan.
Weerara Xaaliyaanii booda ALI bara 1936 warshaalee to'achuuf labsiin akka bahe Obbo Tafarraan ni ibsu. Xiyyeeffannaan labsichaa inni guddaan qajeelfama baasuu ture "haalli warshaaleen itti hojjetaniifi meeshaaleen isaan keessa kaa'aman hojjettootaaf balaa akka hin fidne mirkaneessuuf."
"Hanga bara 1952tti seerri Siivilii bahutti sirna haala hojii hojjettootaa to'achuu fi falmii hojjettootaa furu diriirsuu irratti guddinni hin argamne," jedhu.
Seerri Fitaabeerii mirgaa fi dirqama hojjechiistotaa fi hojjettootaa labse "hariiroo gooftaa fi garbaa hojjetaafi hojjehciisa agidduu ture'' fooyyessuu isaati jedhu Obbo Tafarraa.
Haa ta'u malee, Seerri fitaabeerii kun, sa'aatii hojii guyyaa fi torbani murteessuu dhabuu isaatiin hojjetaan akka humnasaa saamamu taasiseera jedhu.
Hojjettoonni waldaa ogummaa ijaaruu akka danda'an kan tumame ta'us, sochiin waldichaa qajeelfama hin qabu ture.
Dr. Adaane Kaaseey, barruu qorannoo mata duree "The Formative Period of the Ethiopian Labor Movement, 1962-1974" jedhu keessatti, "Dhimmoonni hojjetaa tokko tokko heera mootummaa bara 1948 fooyya'ee fi seera fitaabeerii keessatti hammatamus, hariiroo hojjettootaaf xiyyeeffannoon barbaachisaa ta'e hin kennamne" jedhan.

Madda suuraa, SM/ Biniam Hirut
Heerri mootummaa hojjettootaaf mirga waldaa waldaa ijaaruu kan kennu ta'us, Seerri Siivilii waldaa hojjettootaa akkuma waldaalee biroo ilaala; Hanga labsiin dhimma hojjechiistotaa fi hojjettootaa bahutti waldaan hojjechiistotaa fi hojjettootaa hin turre.
Labsii kana booda garuu keessumaa hojjettoonni waldaan ijaaramanii beekamtii seeraa fi galmee argachuuf yeroo hin fudhanne. Kana hordofuun Waldaan Tokkummaa Hojjetoota Itoophiyaa dhalate.
Seerri kun hojjettootaaf mirga waldaa hojjettootaa ijaaruu qofa osoo hin taane, hoggantoota waldaa hojjettootaa fi hojjettootaaf humna walqixaa ittiin muggutuu danda'an uuma.
Obbo Tafarraa Hayilasillaasee hojjettoonni kollettaa adii kanneen "barnootaan gita hojjetaa caalaa akka olaanaatti ilaalaman" gurmaa'uu keessatti dammaqinaan akka hin hirmaanne ni yaadatu.
Waldaalee hojjettootaa dhibbaan lakkaa'amaniifi miseensota kuma 100 dafee walitti fide waldichi gaaffii hojjettootaa mootummaaf dhiyeessuuf waggoota itti fudhate.
Erga waldichi hundeeffamee waggoota kurnan darban keessatti gaaffii jabaas ykn akeekkachiisa dhumaa hojjettootaan walqabatee hin kennine.
Tarkaanfii mootummaan hojjettootaa fi waldaalee hojjettootaa irratti fudhachaa ture mormaa ture.
Dr. Saamu'eel Andiriyaas qorannoo isaanii tokko keessatti duula hojii dhaabuu waldaaleen hojjettootaa warshaalee keessa jiranii dhiyeessaniif deeggarsa kennuu diduusaa eeraniiru. .
Waldichi gaaffilee ciccimoo kan kaase gara dhuma bara mootummaa mootiiHayile Sillaasee ture. ALI bara 1966 gaaffilee jajjaboo 17 Ilmi Muummicha Ministeeraa Endalakaachew Mokonniif dhiyeesseera.
Gaffilee dhiyaatan keessa mindaa isa xiqqaa murteessuu, haaromsa mindaa gochuu, fandii soorama hojjettootaa, gibira galii irraa bilisa taasisuu, sababa gahaa malee hojiirraa ari'amuu hambisuu, waldaa hojjettootaa haaraa hundeessuu fi hojii dhaabuun ni argamu.
Waldichi gaaffilee dhiyeesse kanaaf deebiin akka kennamuuf yeroon kennee ture xumuramuu booda lagannaa hojii guyyoota afurii labsee ture.
ALI bara 1966 ji'a Bitootessaa keessa Ministira Muumme fi waldicha gidduuti waliigalteen uumame.
Gaaffiileen dhiyaatan yeroo akkasiitti Paarlaamaaf dhiyaatu, yeroo akkasiitti koreen ilaalalamu waadaa jedhuun alatti kan furmaata argatan hin turrre.
Gaffileen 17 sun jireenya hojjettootaa fooyyessuuf bu'aa buusan caala jijiirramni mootummaa akka dhufu gumaacha godhantu caala.

Madda suuraa, SM
Gaffiilee hojjetootaa bara Dargii
Warraaqsa waggoota 50 dura dho'een booda masara amootummaa kan qabate humni waraanaa gaaffii hojjettootaa akka ta'utti hin ilaalle.
Pirezidantiin waldichaa duraanii Daawwee Ibraahiim walumaagalatti "mirgi waldaalee hojjettootaa hunda akka malee sarbame ture," jedhu.
"Sochii hojjettootaa keessatti bara Dargi eebbi gaariin tokko argame bu'uura meeshaa waldaalee hojjettootaa mirkaneessuu ture," jechuun dubbatu.
Hogganaan Paartii Warraaqsa Uummata Itoophiyaa duraanii Obbo Kiflu Taddesse bara Dargee keessa gaaffilee hojjetootaa ka'aniif deebiin dhiyaatu kan meeshaa waraanaan dabaalaame ture jedhu.
Dr. Saamu'eel waggoota warraaqsa booda turan keessatti hojjettoonni bakka hojii adda addaa hojii duula dhaabuu gaggeessuu isaanii himuun duulonni kunniin hamma isa bara 1966 hin gahan jedhu.
Sababa yaalii hojii dhaabuu bara 1967 taasifameen namoonni 100 ajjeefamanii 1600 ammoo to'annoo jala ooluu isaanii barreessaniiru.
Dr Saamu'eel barruu qorannoo mata duree "Trade Union Resurgence in Ethiopia" jedhu keessatti bara bulchiinsa waraanaa jalatti mindaa hojjettootaa irratti fooyya'insi godhame hin ture jedhaniiru.
Gaaffii walfakkaataa deebii dhabe
Waggoota afurtama boodas hojjettoonni Itoophiyaa gaaffilee waggoota jaatama dura gaafataniif deebii hin arganne. Konfedereeshiniin waldaalee hojjettoota Itiyoophiyaa ammallee hammi mindaa inni xiqqaa akka murtaahu gaafachaa jira.
Haala siyaasaa fi dinagdee biyyattii irratti fooyya'iinsi guddaan dhufus gaaffiin hojjettootaa ammallee bakkuma durii jira. Pirezidaantiin Konfedereeshinichaa Obbo Kassaahun Folloo waldaalee hojjettootaa gurmeessuun ''qormaata guddaa'' qaba jedhu.
Obbo Kaasaahuun ''osoo gurmeessinee guyyaa tokko booda ni diigama, hooggantootni ni ari'amu, hojiitti deebisuudhaaf mana murtii dhaabanna" jechuun roorroo dubbatu.
Pirezidaantii duraanii fi gorsaa Obbo Kaasaahun kan ta'an Obbo Dawiis "har'as hojjettoota gurmeessuun baay'ee rakkisaadha. Seera kana hundaan gurmaa'uu hin dandeessu. Erga gurmaa'anii booda ni diigu. Erga gurmaa'anii booda hogganaa gamtichaa ni ari'u" jedhu.
Obbo Daawi Ibraahim gaaffii hojjettoota kanaaf hanga ammaatti deebiin kan hin argamne "Itoophiyaan sirna diriirsuu waan dadhabdeefi" jedhu.
Erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad gara aangoo dhufanii seerri miindaa isa xiqqaa labsu murtaa'eera. Muteen sun darbe waggaa shan boodas ammallee wanti raawwatame hin jiru.
Ministirri Muummee Abiy marii Konfedereeshinii waldaalee hojjettoota Itiyoophiyaa waliin marii gaggeessanii gaaffilee jiran furuuf waadaa galaniiru. Ammoo waadaaleen hedduun ammallee deebii hin arganne.












