Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ministira muummee aangoo ministeerummaa hunda dhuunfaachuun qeeqame
Iskoot Moriisan Ministira Muummee Awustiraaliyaa ture, garuu akka waan ministira fayyaa ta'eetti waa'ee Covid irratti ibsa kennaa ba'e.
Boodarra ministirri muummee kun dhoksaadhaan Ministira Fayyaa godhanii akka of muudan dhageenye.
Kan nama ajaa'ibu ammoo Ministirri Fayyaa kan uummanni beeku, ifatti kakuu seenanii hojiirra jiranis jiru.
Maal kana qofa, Ministirri Muummee Iskoot Moriisan aangoo biyya bulchuu argatan irratti dabalataan aangoo ministeerummaa shan irratti of muudaniiru.
Kun siyaasa Awustiraaliyaa keessatti hooda uume, warri siyaasa qaaccessan, warri waa'ee heera mootummaa beekan gungumuu eegalan.
Ministirri Muummee biyyattii kan ammaa Antonii Albaniis akkas jechuun haala kana raajeffatan: ''Bitaa namatti gala,'' jedhan, kun dhugaatti waan sammuu namoota hedduu keessa jiruudha.
Aab Iskoot Moriisan Bitootessa 2020 hanga Caamsaa 2021tti aangoo MM irratti dabalataan, Ministira Fayyaa, Maallaqaa, Qabeenya uumamaa, dhimma biyya keessaa fi qabeenya maallaqa guddaa bakka bu'anii ta'anii turan.
Kanarraa ka'uun lammiileen biyyattii ''Ministira waa hundaa'' jechuun itti qoosan.
Qoosaan kanaan hin dhaabbanne: Ministira Muummee cinaatti aangoo barbaadu jechuunis qeeqaa turan.
Garuu biyyi kun osoo biyya wabii dimokiraasii ofiin jettuu, akkamiin aangoon hundi harka nama tokkootti galee taa'e? Kun gaaffii nama hedduuti.
Jalqaba qaawwaa bulchiinsaatu mudate jedhamee ture.
Awustiraaliyaatti bakka bu'aa mootittii kan ta'e Deeviid Harlii, MM Iskoot Moriisan akka al-kallattiin waajjiraalee kunneen gaggeessan irratti mallatteessuu dhugaa baheera.
''Heera mootummaa boqonnaa 64 waliin kan walsimuudha,'' jedha dubbi himaan kun.
Haala kanaan aangoon Aab Iskoot Moriisan qabatanii gaggeessaa turan seeraanb ala miti, garuu sirni bulchiinsaa aangoo iccitii nama kanaaf kennisiisu maal akka ta'e ifatti hin kaa'amne.
Miseensonni paarlaamaa fi paartilee biyyattii hedduun akka qondaalli kun aangoo qabu kamuu gadhiisu gaafatu.
Gameessi siyaasaa kun garuu hojii hojjetaa tureen boonuun dhaadateera.
Miidiyaatti ba'uun hojii weerara koronaavaayirasii irratti hojjete leellifate.
''MM dhibdee jabduu akka kiyyaa isa mudate argee hin beeku,'' jedhe.
Haalli kun tarkaanfii addaa kan barbaaduudha kan jedhe qondaalli kun, aangoo addatti ofiif kennee itti fayyadame akka hin qabnes eereera.
''Sammuu hawaasaa, miidiyaa, mormitootaa keessatti waan bakka qabatee jiru jira. Waan eegamuudha. An akka MM tokkootti wantoota biyya kana keessatti hojjetamuu qaban hunda keessa galuun qaba, kanatu ta'aa jira,'' jedha qondaalli kun.
Ministirri Muummee kun hojiiwwan ijoo keessa seenee hojjeteera, garuu maaliif iccitiin qabe? Gaaffii kanaafis deebii kenneera.
''Dhimma ka'uu qabuudha jedhee hin yaadu. Akkuma karooraan deemsisuudha.''
Uummanni biyyattii ammas taanaan MM kun aangoosaa fayyadamee waan hawaasi itti kenne bakkaan ga'uuf dirqama qaba, garuu waan hunda ofiif hojjechuuf mirga hin qabu jechuun komataa jiru.
Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Antonii Albaniis waan itti aanee ta'u murteessuuf gorsa seeraa gaafataa jiru.