Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Yukireenitti dhiiga dhangala'u dhaabuuf' Puutiniif nan bilbila -Tiraamp
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp waa'ee waraana Yukireen xumuruu irratti Wiixata kana pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin bilbilaan akka dubbatan beeksisan. Wanti bilbilaan haasa'an ammoo waa'eeYukireenitti '' dhiigaa dhangala'uu dhaabuuti'' jedhan.
Barreeffama Truth Social irratti maxxansaniin, pirezidantiin Ameerikaa sa'aatii 14:00 GMT irratti bilibiluun yoo ta'u, sana booda pirezidantii Yukireen Voloodmiir Zeleniskii fi hoggantoota biyyoota NATO muraasa waliin akka dubbatan ibsan.
Raashiyaa fi Yukireen Jimaata darbe Istaanbulitti waggoota sadii keessatti yeroo jalqabaaf qaamaan walarganii mariyachuun waliigaltee ijoorra gahuu hin dandeenye, haa ta'u malee hidhamtoota wal jijjiiruuf waliigalteerra ga'ameera.
Tiraamp yoo Puutiinis achitti argamu ta'e marii Turkirratti akka hirmaatan kan ibsan ta'us Pirezidantiin Raashiyaa garuu dhaquu didan.
Yaadni Tiraamp kun kan dhagaahame erga Pirezidantichi waraanichi kan goolabamu inniifi Puutiin fuulaa fuulatti yoo mari'atan qofa akka ta'e yaada dhiyeessan booda.
Dubbi-himaan Kiremlin Dimitirii Peeskov, dhaabbilee oduu Raashiyaatti akka himanitti marii Puutiin fi Tiraamp gidduutti Wiixata dhufu taasifamuuf qophiin taasifamaa jira. Hoggantoonni lamaan kanaan duras mata duree kanarratti bilbilaan dubbatanii turan.
''Hojiin marii kanaa eegaleera'' jedhan Peeskoov madda oduu Tass jedhamuuf yaada kennaniin.
Tiraamp Truth Social irratti yaada maxxansaniin ''guyyaa bu'aqabeessa ta'a jedheen abdadha, dhukaasa dhaabuun ni raawwata, waraanni gaaga'aan kun, inni jalqabamuuyyuu hin qabne kun ni xumurama'' jedhan.
Hooggantootni biyyoota Awurooppaa Raashiyaan guyyaa 30f dhukaasa akka dhaabdu waamicha gochaa turan.
Hoggantoonni Ameerikaa fi Raashiyaa dhukaasa dhaabuurratti ni mari'atu jedhamee eegama.
Moskoon haala Tiraamp barbaadu caalaa suuta socho'aa jirti. Ammoo Ameerikaan waraana kana jaarsummaadhaan akka gidduu seentu simatte,
Waamichi marii Wixataa kun Dilbata darbe Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo fi gita isaanii Raashiyaa Sargee Laavroov gidduutti dubbatame.
Marii Istaanbul keessatti gaggeeffame hordofuun Yukireenis dhukaasa dhaabuun guutuu fi haal-duree tokkoyyuu hin qabne akka raawwatu irra deebiin waamicha dhiyeessite.
Akka qondaalli Yukireen tokko jedhanitti, Kiremlin ''Kiiv loltoota ishee kutaalee bal'aa naannoo ishee keessaa akka baaftu dabalatee gaaffiiwwan haaraa fi fudhatama hin qabne'' gaaffii dhukaasa dhaabuu fudhachuuf akka haaldureetti dhiheessaa jirti jedhan.
Itti gaafatamaan jila Raashiyaa, gargaaraan Puutiin Vilaadmiir Mediniskii marii kanarraa gammachuu qabaachuufi qunnamtii itti fufuuf qophii ta'uu ibsaniiru.