Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Somaaliyaan miseensota IS lammii Morookoo jahatti du'a, kan Itoophiyaatti ammoo hidhaa murte
Manni Murtii waraanaa Somaaliyaa lammiilee Morookoo jaha miseensa IS ta'an irratti du'a murteesse.
Lammiileen Morookoo kunneen ji'a tokko keessatti ol iyyannoon galfatan fudhatama hin argatu yoo ta'e garee rasaasa dhukaasuun murteen du'aa isaan irratti raawwatama.
Dura taa'aa Itti aanaan Mana Murtii Waraanaa biyyattii Alii Ibraahiim Osmaan yaada VOA Somaaliif kennaniin lammiileen biyya ormaa kun ''IS deeggaruuf, mancaasuufi dhiiga dhangalaasuuf gara Somaaliyaa dhufan'' jedhan.
Abukaatoon himatamtootaa gowwomfamanii IS'tti makaman, biyyatti deebi'uufi yaalaa turan jedhe.
Bulchiinsa Somaaliyaa ofiin of bulchitu Puntilaand keessatti lammiilee biyya ormaa himachuun yeroo murteen kennamu kun kan jalqabaati.
Manni Murtii waraanaa kun lammii Itoophiyaa tokkoofi kan Somaaliyaa tokko irratti ammoo hidhaa waggaa 10 murteesseera.
Himannaa walfakkaataa jalatti lammii Somaaliyaa ragaan gahaan irratti hin argamne tokkommoo bilisaan gadhiifameera.
Abbaan Alangaa BBC Somaaleef yaada kennan himatamtootni kun Puntilaandi, Kibba Bosaasootti naannoo gaarreniitti to'ataman jedhan.
Gaarri 'Cal-Miskaat' jedhamu iddoo gareen Islaamiik Isteet itti madheeffate yeroo ta'u, buufata waraanaasa achii qaba.
Somaaliyaatti dameen IS kan hundeeffame bara 2015 yeroo ta'u, miseensota al-Shabaab irraa fottoqaniin ijaarame.
Al-Shabaab, al-Qaayidaa waliin hidhata kan qabu yeroo ta'u Somaaliyaa keessatti garee jihaadii bal'inaan socho'uudha.
Akka daayireektarri tika biyyaalessaa US jedhutti gareen IS Somaaliyaa jiru kun darbee darbee haleellaa xixiqqaa raawwata.
Somaaliyaan murtee du'aa kan dabarsitu irra hedduu yakkoota shororkeessummaan walqabataniifi.
Murteen kun garuu dhaabbilee biyya keessaafi idla addunyaa mirga dhala namaarratti hojjetaniin qeeqameera.
Ji'a darbe tokkummaan falmitoota mirga namoomaa Somaaliyaafi kanneen biroo biyyattiin waggaa darbe ajjeechaa murtee seeraan raawwatame 55 hojiirra oolchuu ibsaniiru.
Adabbii du'aa rawwataman kana keessaa 23 namoota waraanaa Puntilaandiifi Moqaadishoo jiraniin raawwataman.