Astironoomaroonni Chaayina ergama ji'a jahaaf hawaarra turan xumuruun gara dacheetti deebiyan

Astiroonoomeroota Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Astironoomaroonni Chaayinaa hawwaarra turan ergama isaanii ji'a ja'aa xumuratanii gara dacheetti nagaan deebiyan

Jarri shanan Waxabajji 05 ture gara buufata hawaa Chaayinaatti qajeelanii sadarkaa ijaarsi Tiangong Space Station irra ture hordofaa turan.

Ogeessonni hawwaa kun wayita buufaticha to'ataa jiranitti Sadaasa keessa ijaarsi isaa xumurameera.

Gareen kun xiyyaar-samii Shenhou -14 tiin Dilbata darbe ture naannoo Inner Mongolia keessa kan qubatan.

Ejensiin Hawaa Chaayinaatti ajajaan garee astiroonoomeroota kanaa Komaandar Chen Dong fi jaalleewwan isaa erga dacheetti deebiyaniis haalli fayyaa isanii gaariidha jechuun CCTVtti himeera.

Yeroo isaan xiyyaar-samiitiin akka saatii bakka sanaatti sa'aatii 20:00 irratti hawaarraa ka'anii imala sa'aatii 9 booda lafa gahanitti hojjetoonni fuula sana jiran garee qorattootaa kana xiyyaarattii keessaa baasanii fudhatan.

Astiroonoomarri dubartii jalqabaa Chaayunaa Ms Yang, buufata hawwaa turan keessatti yaadannoo addaa hin dagatamne akka qabdu himuun, "dacheetti deebiyuu koof gammadeera," jette.

Yeroo hawwaarra turanitti ogeessonni sadii moojulli lamaffaafi sadaffaa Tiangong qaqqabuu isaa hordofuun buufanni haaraa kun sirriitti hojjechuu isaas keessa deemanii qorataa turaniiru. Kana gochuunis ergama isaanii "haala milkaa'aa ta'een" xumuraniiru.

Astiroonoomeroota Chaayinaa yeroo ergamaaf qophaa'anitti

Madda suuraa, Getty Images

Roobii darbe ammoo gareen astironoomeroota Chaayinaa haaraa miseensota sadii of keessaa qabu deemuun ture sirna wal harkaa fuudhinsa jalqabaa hawaa irratti taasifame kan gaggeessan.

Warri sadan Roobii hawaatti ol bahan kunneen warra Dilbata dacheetti deebiyanirraa hojii wal harkaa fuudhuun ji'oota ja'an dhufaniif buufaticha keessa turuun to'atu jedhameera.

Buufata Hawaa Idil-addunyaa NASAn durfamu bara 2011 Chaayinaa keessaa hambisuun erga astiroonoomeroonni gara hawaa deemanii kun dhaabbataadhaan achirra jiraachuuf isa lamaffaadha jedhameera.

Ergama si'a 11 buufata hawaa waggoota kudhaniif bakka harkisni lafaa isaa zeeroo ta'e keessatti hojii qorannoo hojjetu qixeessuuf taasifamaa jiruudha.