Finfinneetti baatiiwwan Jahan darban keessaa balaan ibiddaa 16 ta’e jedhamee raawwatamun himame

Madda suuraa, ETHIOPIAN FEDERAL POLICE
Balaa ibiddaa baatii jaha darbe keessatti qaqaban 16 ta’e jedhamanii kan raawwataman yoo ta’u, isaan keessaayis 15 ammoo Finfinneetti kan qaqabe ta’u qorannoon foransiikii Pooliisii Federaalaa mirkanneessuu beeksiise.
Yeroo baatii jahaa keessatti balaa ibiddaa guutuu biyyattiitti qaqabe keessaa hari 90 ol kan ta’u kan mudate magaalaa guddiitti biyyattii keessatti ta’utu ibsame.
Bara bajataa ALI 2016 keessaa baatiiwwan jalqabaa Jahan keessatti sadarkaa biyyaatti balaan ibiddaa 139 kan qaqabe ta’u Ittigaafatamaan sabaa himaa Poolisii Federaalaa Obbo Jaayilaan Abdii BBCtti himan.
Balaawwan ibiddaa kanneen keessaayis 130 magaala Finfinneetti kan qaqabe yoo ta’u, kan hafan sagal ammo naannoo Affaar, Kibba itoophiyaa fi Harariitti ta’u qondaalli kun himaniiru.
Pooliisiin federaalaa madda balaa ibiddaa kanneen baruudhaad qorannoo foransiikii raawwachu kan ibsan Obbo Jaayilaan Abdii, qorannoo aggeeffameenis kan saddeetiin alatti madda balaa kaanii adda baasuu himan.
Balaa ibiddaa baatii Jahan darban keessa mudateen akka madda dursaatti kan eergame rakkoo tekinika elekitirikaa ta’u kaasan.
Balaan ibiddaa sababii aknaan qaqaqbe 76 ta’u kan dubban Obbo Jaayilaan, baayyinni kunis kan yeroo walfakkaataa bara darbeetiin wal biratti yoo ilaalamu wal fakkaataa ta’u ibsan.
Dhimmi ka’umsa balaa ibiddaa 24 ta’un eerame ammo rakkoo mekaanikaalii sababii adda addaatiin mudatan ta’u Obbo Jaayilaan dabalun himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qorannoon forensiikii poolisii federaalaa akka mul’isuutti, ta’e jedhanii ibiddi akka ka’u gochuun balaa ibiddaa baatiiwwan jahan darban keessatti qaqabaniif sababii gara biraati.
Haaluma kanaanis magaalaa Finfinnee keessatti balaan 15 fi naannoo Affaariitti ammo balaan ibiddaa tokko ta’e jedhamee kan umamee akka ta’e kaasan Obbo Jaayilaan.
Namoonni kanfaltii inshuraansii argachuuf jecha, faayidaa ofiisaanii eegsiisuuf ykn nama gara biraa irraan miidhaa qaqabsiisuuf jecha ta’e jedhanii balaa ibiddaa akka kaasan akka irra qaqabame ibsan.
Obbo Jaayilaan ‘‘namoonni konkolaataa dulloomaa ykn gurguramuufii dide ta’e jedhanii erga gubaniin booda inshuraanisiin akka isaaniif haguuguu kan barbaadan jiru’’ jechuun sababii tokkoo kana ta’u BBCtti himan.
Balaan akkanaa kunis irra caalaa kan konkolaataawwan irra qaqabuu fi manneenis akka gubatan kaasan. Ta’e jedhee balaa ibiddaa kaasuun wal qabatee namoonni to’annoo jala oolfaman jiraachusaanii kan himan Obbo Jaayilan, namoonni meeqa akka to’atamaniifihanga balaa qaqabee dubbachu irraa garuu ni qusatan.
Ittigaafatamaan sabaa himaa poolisii federaalaa kunis akka jedhaniitti, balaan ibiddaa baatii jaha keessatti sababii akkanaatiin qaqabe kan bara darbee yeroo walfakkaatu waliin wal biratti yoo ilaalamu jahaan hir’ateera.
Waliigalatti, balaa ibiddaa qaqabe keessaa kan15 ta’an hanqina of eeggannoo fi dagannaan kan mudatan ta’u himu Obbo Jaayilaan.
Haata’u malee miidhaan sababii balaa ibiddaa baatii jahan darban keessatti mudateen namaafi qabeenyarra qaqabee addatti hin ibsamne.












