Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gabaasi duguggaa sanyii UN, dararaa Israa'el Gaazaa keessatti raawwachaa jirtu sirriitti mul'isa
Israa'el Gaazaa keessatti duguuggaa sanyii raawwataa jirti jechuun gabaasi UN dhiheesse xiyyeeffannaa fi bal'inaan erga qoratamee booda.
Gabaasichi Israa'el Waliigaltee Duguuggaa sanyii- Genocide Convention jedhamu kan bara 1948 UN raggaasise cabsuu eere.
Jechi dugguuggaa sanyii jedhuu fi waliigalteen gochi kun yakka ta'uu mirkaneesse ka'umsi isaa duguuggaa sanyii Naazii Jarmaniin Yahuudota miiliyoona ja'a irratti raawwatamedha.
Israa'el yakkoota waliigalteewwan UN kanneen akka seera waraanaa fi qabiinsa mirga namoomaa idiladdunyaa Gaazaa keessatti raawwachuun ittiin himatamtu ni haalti.
Haleellaa ofirraa qolachuu akkasumas lammiilee ishee Onkoloolessa 7, 2023 Hamaasiin butaman gadhiisisuuf haleellaa raawwachaa akka jirti himti.
Israa'el gabaasichi ejjennoo Hamaas qaburraa kan ka'edha jechuun fudhatama dhabsiiste.
Garuu qorannoon kun komishinii qorannoo Manni Maree Mirga Namoomaa UN hundeesseen gaggeeffame.
Israa'el fi US hojii mana maree kanaa balaalefffataa jiru, akka waan faallaasaanii goruun loogii hojjeteetti himatan.
Haata'u malee bu'aan qorannoo balaaleffannaa hawaasa idiladdunyaarraa Israa'el mudataa jirutti dabalamuun dhiibbaan uumu salphaa miti.
Biyyoota lixaa michuu Israa'el ta'an hedduun akkasumas biyyoonni Galoo Galaanaa (Arabaa) Waliigaltee Abrahaam jalatti hariiroosaanii Israa'el waliin tofatan gocha Israa'el Gaazaa keessatti raawwachaa jirtu balaaleffataa jiru.
Kora UN torban dhufu keessa Niwu Yoorkitti gaggeeffamurratti UK, Faransaay, Awustiraaliyaa, Kanaadaa fi kaan Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuuf.
Biyyoonni miseensa UN irra jireessi Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kenaniiru.
Tarkaanfiin kun jechumaaf qofa osoo hin taane, gochaan kan mul'atu ta'uuf deema.
Erga Yahuudonni Zaayoonistii jaarraa tokko dura Awurooppaarraa ka'uun dachee Filisteem irra qubatanii waraana deemaa jiru kallattiisaa kan jijjiiru ta'a.
Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaniyaahuu beekamtii Filisxeemiif kennuu akka farra seemitti ilaalu. Hamaas cinaa dhaabbachuun tumsuu akka ta'etti fudhatu.
Filisxeem yoo biyya taate Israa'el balaa keessa seenti kan jedhan Neetaaniyaahuun, Filisxeem laga Jordaan fi Galaana Meediteraaniyaanii gidduudhaa bulchiinsa of danda'e qabaachuu abadan hin dandeessu jedhu.
Leellistoonni amantii Yahuudaa Israa'el dachee Filisxeem kana Waaqatu uummata Yahuudaa badhaase jedhanii amanu.
Waliigaltee Duguuggaa Sanyii bara 1948 jalatti duguuggaa sanyii jechuun saba, gosa, sanyii ykn garee amantii guutummaatti ykn gariin balleessuu jechuudha.
Akka qorannoo kanatti yakki kun Filisxeemota Gaazaa irratti ta'ee jira.
Gabaasi UN kun yakkoota Filisxeemota Gaazaa fi manneen hidhaa Israa'el keessa jiran irratti raawwatu ibseera.
Himannaan dhihaate tokko Israa'el uummata nageenyasaa eeguuf dirqama qabdu irratti xiyyeeffachuun haleeluudha.
Akkasumas lammiilee haala dhala namaaf hin mijanne keessatti kuffisuun dararuu. Bishaan, nyaata fi dawaa irraa kutuun hanga du'aatti dararuudhaan himate UN.
Gabaasi UN kun lammiilee Filisxeem dirqamaan Gaazaa keessaa buqqisuus hammata. Keessattuu yeroo ammaa kana loltoonni Israa'el Filisxeemota kumaatamaan lakkaa'aman magaalaa Gaazaa keessaa ari'aa jiraachuu balaaleffateera.
Israa'el wayita Filisxeemonni magaalaa gadhiisuun gara kibbaa akka godaanan dirqamsiistu namoonni miiliyoona tokko ta'an ni miidhamu.
Gabaasi UN kun Israa'el ''Filisxeemota dhala dhorkuuf tarkaanfii fudhatteetti,'' jechuunis himate.
Kanaafis haleellaa Israa'el kilinika walhormaataa Gaazaa keessatti argamurratti raawwachuun micireewwan 4000 fi isparmii 1000 akkasumas hanqaaquu fartilaayizdi hin taane balleessuushee eere.
Waliigalatti oppireeshinii waraanaa gaggeeffamuun alattu UN aanag'oota olaanoo Israa'el sadi irrattis himannaa yakka shororkeessummaa baneera.
Aanga'oonni Israa'el duguuggaa sanyiin himatan kunneen yeroo Hamaas Israa'el irratti haleellaa eegalu Ministira Ittisaa kan turan Yowaaz Gaalaant, Ministira Muummee Beenjaamiin Neetaaniyaahuu fi Pirezidant Isaak Heerzoog.
Yowwav Gaalaant Onkoloolessa 9, 2023 Israa'el ''bineensa akka namaa'' waraanaa jirti jedhanii turan.
Gaalaant akkuma Neetaaniyaahuu waraqaan ajaja hidhaa Mana Murtii Yakkaa Idiladdunyaarraa irratti ba'ee jira.
Neetaaniyaahuunis Gaazaa keessatti gocha duguuggaa sanyii raawwachuu fi hoogganuun himatamaniiru.
Gochi isaan amma Filisxeemota irratti raawwataa jiran seenaa bara Yahuudonni diina Amalek jedhaniin irratti raawwataa turaniin walfakkaachuu kaase UN.
Macaafa qulqulluu keessatti Waaqi Yahuudonni akka dhiirota, dubartootaa fi daa'imman akkasumas qabeenya fi bineensota Amalek lafarraa balleessan itti hime jedha.
Qondaalli kan biraan duguuggaa sanyiin himataman Pirezidant Isaak Heerzoog jalqaba wayita Hamaas haleellaa eegalu Filisxeemonni faallaa dhaabbachuu dhabuu balaaleffatanii turan.
Onkoloolessa 13, 2023 wayita yaada kennan ''uummati achi jiru hundi waan raawwateef itti gaafatama qabu,'' jedhan.
Kanaan dura Afrikaan Kibbaa Israa'el Filisxeemota irratti duguuggaa sanyii raawwataa jirti jechuun Mana Murtii Yakkaa Idiladdunyaa Za Heegitti himattee turte.
Kun murtee argachuuf waggoota fudhata.
Garuu wayita waraanni Gaazaa akkaan hammaataa jirutti gabaasi UN baase kun dhimma waraana kanaarratti addunyaa gargar hiruunsaa waan oolu miti.
Gareen tokko ajjeechaa fi barbadaa'uun Gaazaa irraa akka dhaabbatu watwaatu, beelli Israa'el uumtu balaaleffatu. UK fi Faransaay as keessa jiru.
Gama biraan Israa'el fi US waliin jiru. Bulchiinsi Tiraamp deeggarsa waraanaa fi hariiroo dippiloomaasiin Israa'el bira dhaabbachuu cimseera.
Deeggarsa US malee Israa'el Gaazaa keessatti waraana haala kanaan itti fufuu akkasumas Baha Giddugaleessaa keessatti haleellaa raawwachuu hin dandeessu.