US biyyoota Afrikaa afur dabalataan sagantaa AGOA keessaa haquuf

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin US Joo Baayidan biyyoota Afrikaa afur sagantaa daladalaa qaraxarraa bilisaa AGOA keessaa baasuf karoora qaban ifa godhan.
Biyyoonni sagantaa daldalaa AGOA keessaa bafamuuf jiran kunneenis: Yugaandaa, Gaabon, Niijeriifi Rippaabilika Afrikaa Giddugalaa (CAR)ti.
Sababa biyyoonni kunneen sagantaa daldalaa kana keessaa baafamaniif yoo ibsan, biyyoonni kunneen "sarbama mirga namoomaa cimaa" keessatti hirmaataniiru ykn ammoo bulchiinsa dimokiraasitti cehuuf jijjiirama hin agarsiifne kan jedhuudha.
Ameerikaan Sagantaa Misoomaafi Carraa Afrikaa (AGOA) jedhu kan hojiirra oolchite bara barkumeetti ture.
Sagantaan kun biyyoonni Afrikaa Saharaa gadii meeshaalee 1,800 ta'an qaraxarraa bilisaan gabaa Ameerikaatti akka gurgurataniif carraa kan kennuudha.
Itoophiyaan sagantaa daldalaa kanarraa yeroo dheeeraf fayyadamaa kan turte ta'us, waraanaa Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffameen wal qabate sarbama mirga namoomaa cimaa raawwatteetti jedhamuun sagantaa AGOA kana keessaa baafamtee jirti.
Niijeriifi Gaabon ammoo barana fonqolcha gaggeessun humna waraanan bulaa jiraachunsaanii AGOA keessaa akka bahaniif sababa ta'uu kaasa Baayidan.
Gama biraan ammoo Yugaandaafi Rippaabiliki Afrikaa Giddugalaa ammoo "mirgoota dhala namaa idil-addunyaa" waan cabsaniif fayidaa daldalaa kana keessaa akka baafaman ibsan pirezidaantin US.
Yugaandan seera jaalattoota saala wal-fakkaatoo yakka taasisu raggaasisuu isheen wal-qabatee US ji'a Caamsaa keessa Yugaandan AGOA keessaa baasuu akka dandeessuu himtee turte.
"US fi Rippaabilika Afrikaa Giddugalaa, Gaabon, Yugaandaafi Niijer wajjin irra deddeebiin mariin gaggeeffamaa turus, biyyoonni kun carraa AGOAtti fayyadamuuf ulaagaalee isaan irraa eegamu guuturratti yaaddoo Ameerikaan qabdu guutuu hin dandeenye," jedhan Baayidan xalayaa dubbi himaa Mana Maree US'f erganiin.
Murtee US fudhatte kanarratti biyyoonni lamaanuu hanga ammaa deebii hin laanne.
Gama biraan US biyyoota Afrikaa afur sagantaa AGOA keessaa baasunshee fooramii AGOA Afrikaan Kibbaa qopheessuuf jirtu torbee tokko durseeti.

Ragaaleen akka agarsiisanitti, Yugaandaan bara darbe meeshaalee dolaara miliyoona 174'tti dhiyaatu gabaa US'tti erguun sagantaa AGOA irraa fayyadamteetti.
Kampaaniwwan Ameerikaa oomishaalee tekistaayilii Yugaandarraa fudhachuu akka dhaaban ji'a darbe pirezidaantin Yugaandaa Yuweerii Musevenii dubbatanii turan. Kunis seera jaalalattoota saala wal-fakkaataa yakkamaa taasisu raggaasisuu isaanitiin akka ta'e ibsan.
"Jaalattoonni saala wal-fakkaataa (homosexuals) US keessa jiran oomishaalee tekistaayilii alatti erginu danqaa jiru," jechanii ture.
Biyyoonni Afrikaa kanneen akka Burkiinaa Faasoo, Maaliifi Giinii fa'iis fonqolcha mootummaa gaggeessun waraanan buluu isaaniif duraanuu AGOA keessaa baafamaniiru.












