Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Addeessi guddoo cuquliisni samiirratti biyyoota garagaraatti mul'atte
Adeessi isheen guddoofi iftuun bara kanaa Roobiifi Kamisa har'aa addunyaa mara irratti mul'atte.
Adeessa guddoo cuquliisa (blue supermoon) kana arguun carraa yeroo dheeraa keessa al tokko dhufudha, yeroo dhumaaf kan mul'atte bara 2009 ture.
Addeessi cuquliisaa kuni waggaa keessatti ji'i guutuu 12 irra 13 yeroo jiraatu mul'atti.
Samiin qulqulluu waan tureef UK keessatti Kamisa gara ganamaa mul'atte.
Adeessi cuquliisaa kuni Addeessa kaan irra guddoofi ifaa taatee mul'atte.
Sababiinsaas Addeessi kuni orbiitii isheerratti gara Lafaatti waan siqxuufidha.
Haatahu malee, namni Adeessa kana halluu cuquliisaan arguu barbaadu gammaduu dhiisuu mala.
Maqaan Addeessa cuquliisa jedhu halluu ishee wajjin hariiroo hin qabu.
Adeessa warra kaan waan hin fakkaanneefi maqaan kuni kennameef.
Aadaa garagaraatti hawaasni Adeessa guutuudhaaf maqaa itti moggaasu.
Walumaagalatti Adeessi guutuu ji'atti al tokko mul'atti.
Kana jechuun waggaan tokko Adeessa 12 qabaa jechuudha. Adeessi tokko marsaa ishee xumuruuf guyyaa 29.5 yoo fudhattu, marsaa 12f guyyoota 354 fudhatti.
Hennaa waggaa irrati yeroo ilaallu kuni guyyaa 365/366 tahuurraa hanqata, kanaaf waggaa lamaaf walakkaatti, Adeessi guutuu isheen 13ffaa mul'attii jechuu dha.
Addeessi cuquliisaa ishee dhumaa Hagayya 2021 mul'atte, ishee aantu 2026tti mul'atti.
Tahus Addeessi cuquliisa, guddoon al tokkotti mul'achuun garuu akkaan waan yeroo baayyee hin taane dha. Kana booda arguudhaaf hamma bara 2037tti eeguun isinirra jiraata.
Adeessa kana samii kallatti kibbaan waan ilaalluuf teleskooppii yookiin meeshaan addaa hin barbaachisu
UK keessatti yeroon itti ilaalamu Roobii halkan keessaa 02:35 yoo tahu, yoo duumeessi hin jiraannee, erga aduun lixxee boodas ilaaluun danda'ama.