Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xiyyarri hawaa Raashiyaa Luna-25 addeessa irratti kufe
Xiyyaarri hawaa (spacecraft) Raashiyaa Luna-25 jedhamu, erga orbiitii to’annoo ala ta’e keessa ofirra naanna’ee booda addeessa irratti kufuu angaa’otni himan.
Xiyyarri nama malee balali’u kun kibba addeessa irra suuta akka qubatuuf karoorfamee kan ture ta’us, orbiitii qubachuu isaa dura jiru keessatti rakkoo uumameen hin milkaa’iin hafeera.
Kun wagga 50 keessatti imala Baatii Raashiyaa isa jalqabaadha.
Xiyyaarri hawaa kun Wiixata Baatiirra qubachuun, kutaa Baatii saayintistoonni bishaan cabbaa’aa fi dhagaa gati jabeessa qaba jedhanii amanan akka qoratuuf karoorfamee ture.
Dhabbati hawaa Raashiyaa, Roskosmos, Dilbata ganama akka ibsettiLuna-25 waliin wal qunnamtiin kan adda cite Sanbata akka sa’aatii biyyattiitti sa’aatii 08:57 irratti ture.
“Xiyyaatti kun orbiitii hin hin baramne keessa seenee, sababa dachee Baatii irratti kufee rukutameef barbadaa’eera,” jechuun ibsa baaseen eereera.
Raashiyaan dorgommii imala gara kibba Baatii irratti Iniyaa waliin wal morkaataa turteetti. Xiyyaarri hawaa Indiyaa Chandrayana-3 jedhamu torbe dhufu Baatii irra akka qubatuuf karoorfamee jira.
Chandrayana-3 yemmu qubatu, sa’aatii muraasaa booda yemmuu awwaarri ol ka’eeru gadi bu’u konkolataan xiqqoo goommaa ja’a qabu (rover) xiyyaaricha keessaa ba’uun Baatiirra asii fi achi deemaa odeeffannoo fi suuraalee walitti qabuun gara dacheetti qorannoof erga.
Luna-25 imala isaa kan eegale Hagayya 11, wiirtuu Hawaa Vostochny Cosmodrome naannoo lixa Raashiyaa, Amuur jedhamu irraadha.
Xiyyaarri hawaa kun utuu kan Indiyaa hin qubatiin dura, Wiixata ykn Kibxata suuta Baatiirra qubate seenaa galmeessa jedhamee eegamaa ture.
US fi Chaayinaan Baatii irraa suuta qubachuu danda’anis, hanga ammaatti biyii kibba Baatiirra qubachuu danda’e hin jiru.
Erga Bara 1976tii Luna 25 imala Baatii Raashiyaa isa jalqabaadha, yeroos Raashiyaan qaama Soviyeet Yuniyeeni turte.
Kibbi Baatii yeroo hunda gaaddidaa’ee mul’atu, kuutaa Kaaba Baatiirra hedduu guddaadha, kanaaf carraan bishaan achitti argachuu irra guddaa kan ta’eeru.