Itoophiyaa fi Masiriin waliin taphatu- eenyu mo'a?

Taphattota garee biyyaalessaa Itoophiyaa

Madda suuraa, EFF

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Gareen biyyaalessaa kubbaa miilaa Itoophiyaa, Waaliyaan, har'a galgala sa'aatii 4:00 irratti garee kubbaa miilaa Masirii, Fari'oon waliin tapha calallii Waancaa Addunyaatiif Kaayiroorratti wal falmatu.

Morkiin kun Waaliyaaf hiika guddaa qaba. Sababiin isaas dirree warra Fari'oon irratti ta'uufi garee kubbaa miilaan Afrikaarra darbee addunyaarratti cimina qabu waliin taasisuun alatti, jala-bultii Hidhaan Haaromsaa Guddichi Itoophiyaan Laga Abbayyaarratti ijaarte eebbifamurratti kan gaggeeffamudha.

Itoophiyaa fi Masirii kubbaa caalaa Lagni Abbayyaa walitti isaan fida. Kanaaf, morkiin kun yeroo Masirii fi Itoophiyaan dhimma Hidha Guddicha Abbayyaa [GERD] irratti muddama keessa jiranittidha.

Hoji-gaggeessaan olaanaa Federeeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa Obbo Baahiruu Xilaahun tapha har'a gaggeeffamu kana ilaalchisuun ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, "tapha yeroo Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa ashaaraa seena-qabeessa ta'e irra keenya wayita eebbifamutti taasifamu waan ta'eef hiikni guddaan kan kennamuufidha," jedhe.

Itoophiyaan ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha xumurtee Fulbaanaa 9 eebbisuuf qophiitti jirti.

Gareen biyyaalessaa kubbaa miilaa biyyoota laman yeroo dheeraaf dhimma Laga Abbayyaarratti muddama keessa jiran yeroo walitti dhufan miira ispoortiin olii ta'uun isaa hin oolu.

Waggaa sadan darban walitti aansuun taphataa cimaa Piriimer Liigii Ingliz kan ta'e Mohaammed Saalaah dabalatee taphattoota ciccimoo liigota Awurooppaa keessa taphatan kan qabdu Masiriin, garee biyyaalessaa Itoophiyaa waliin yeroo ilaalamu fagoo caalu ta'a.

Garuu kubbaan miilaa yeroo mara akka eegamu ta'uu dhiisuu mala. Gareen Itoophiyaa ammaa kunis xiiqiin muuxannoo fi maqaa guddaa warra Fari'oon kana irra aanuu malus ta'a.

Seenaa gareen lamaan waliin qaban keessaa...

Taphattoota garee biyyaalessaa Itoophiyaa, taphataa garee biyyaalessaa Masiriiti marsanii

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gareen biyyaalessaa Itoophiyaa fi gareen biyyaalessaa Masirii xumura Waancaa Afrikaa 3ffaa irratti waliin taphatanii akka turan ni yaadatama. Waancaa Afrikaa 3ffaa kana ammoo Itoophiyaatu qopheesse ture.

Gareen biyyaalessaa lamaan Istaadiyeemii Finfinneetti tapha xumura Waancaa Afrikaa 3ffaa irratti waliin taasisaniin, Itoophiyaan Masirii mo'attee waancaa fudhachuun ishee hin dagatamu.

Waancaa Afrikaa 3ffaa Itoophiyaan Masiriin mo'attee waancaa argatte mudannoo hedduu qaba ture.

Gareen biyyaalessaa Masirii Waancaa Afrikaa 3ffaa irratti hirmaatee waancaa dhabuu isaatiif sababoota gara garaa dhiyeessee ture.

Waancaa Afrikaa 3ffaa irratti mo'amuu isaaniif sababni guddaan dhiyeessanii ture qoricha nyaata nyaanne waliin makamee nuuf kennan kan jedhu ture.

Tapha jalqabaa Yugaandaa waliin taasisaniin booda summii nutti naqna jedhanii sodaachuun nyaata mana jireenyaa ambaasaaddara isaaniirraa fidame nyaachaa turan.

Lammiileen Masrii tapha dura of eeggannoo gochuu qofa osoo hin taane, gaaffii taphattoota garee biyyaalessaa saffisa ajaa'ibaatiin debii kennaa turan.

Bara sana lammiileen Masrii sababni gareen biyyaalessaa isaanii akka komiitti dhiyeessan amansiisaa akka hin taanee fi tapha walakkaa xumuraa Yugaandaa waliin taasisaniinillee akka hin gammanne dubbataa turan.

Tapha walakkaa xumuraa Yugaandaa waliin taasisaniin humna fixatranii waan dadhabaniif tapha waancaa Itoophiyaa waliin taasisanirratti dadhabuu akka sababaatti himatan.

Gareen biyyaalessaa Masrii tapha xumuraa waancaa Afrikaa 3ffaa irratti mo'amee garee biyyaalessaa Itiyoophiyaatiif harka kenne, guyyaa tapha xumuraa sana kubbaa Itiyoophiyaan qopheessiteen hin taphannu jedhee ture.

Haata'u malee, tapha sanarratti kubbaa ofii filataniin taphatamee garee biyyaalessaa Itoophiyaan mo'amuun isaa kan dagatamu miti.

Masiriin kana malees sababa biroo dhiyeessitee urte. Taphattoonni Itoophiyaa humna garmaleen taphachuun taphattoota keenya miidhu jechuun himattee, 'daanyaan' [abbaan-murtii] taphattoota Itoophiyaa osoo taphichi hin jalqabin akeekkachiisee ture.

Gareen biyyaalessaa lamaan walmorkii seenaa bara dheeraa kan qaban yoo ta'u, galgala kana tapha calallii waancaa addunyaatiin wal morkatu.

Seenaa yeroo dhiyoo garee lamaan walitti fide keessaa calallii Waancaa Afrikaa 2023 ture.

Gareen Kubbaa Miilaa Itoophiyaa tapha gulaallii Waancaa Afrikaa 2023 irratti Masritiin goolii 2-0 injifatte.

Gooliiwwan warri Waaliyaa ittiin warra Fara'oon injifatan lamaan taphattoonni galchan ammoo Daawaa Hoxxeessaafi Shimallisa Baqqalaa turan.

Daawwaa Hoxxeessaa gaalii jalqabaa boqonnaa dura daqiiqaa 21 irratti yoo ta'u, goolii lamaffaa ammoo boqonnaadhuma dura Qeellisaa garee Biyyaalessaa Itoophiyaa kan ta'e Shimmallis Baqqalaatu daqiiqaa 40 irratti lakkoofsisuun isaa ni yaadtama.

Waancaa Afrikaa 2023 Kootdivuwaar keessummeessteef tapha gulaalliif Itoophiyaan Garee D keessatti Masirii, Maalaawwiifi Giinii waliin ture kan ramadamte.

Tapha Itoophiyaan Masirii irratti olaantummaa agarsiifte kanaan, taphattoonni sarara duraa Abubakar Naasiriifi sarara gidduurra kan taphatu Gaatoch Paanom cimina guddaa agarsiisaniiru.

Tapha kana irratti gareen Itoophiyaa si'a sagal goolii galchuuf yaalii sirrii kan taasisan yoo ta'u, gareen Masirii ammoo hanga boqonnaa duraatti yaalii tokkollee hin taasifne ture.

Taphattota garee biyyaalessaa Itoophiyaa

Madda suuraa, EFF

Tarree biyyoota Afrikaarraa Waancaa Addunyaa 2026f darban keessaa tokko ta'uu gamanumaan mirkaneeffachuuf, deeggartoonni Masrii tapha gareen biyyaalessaa isaanii Itoophiyaa waliin taasisan kana hawwii guddaan eeggachaa jiru.

Fara'oon garee A keessatti sadarkaa olaanaa qabatee jiru cimsachuufi kallattiin calallii kana sadarkaa itti aanutti darbuuf kaayyeffatee jira.

Taphoota ja'a irratti hirmaatan keessaa qabxii 16 walitti qabachuun tokko osoo hin mo'amin as gahaniiru.

Burkinaa Fasoon qabxii 11n sadarkaa 2ffaa irra kan jirtu yoo taatu, Seeraaliyoon qabxii 8n sadarkaa 3ffaa irra jirti.

Itiyoophiyaan sadarkaa 4ffaa Giinii-Bisaawu waliin qooddattee, lamaan isaanii qabxii 6 qabu. Jibuutiin ammoo qabxii tokko qofaan garee kana xumurarra jirti.

Masiriin tapha kana irratti argamanii akka daawwatanii fi garee biyyaalessaaf deeggarsa addaa kennanniif daawwattoota 50,000 akka istaadiyeemii seenaniif eeyyamuu ishee miidiyaaleen biiyyattii gabaasaniiru.

Taphni Gulaallii Waancaa Addunyaa Masirii fi Itoophiyaa kun Istaadiyeemii Internaashinaalaa Kaayiroo jedhamutti gaggeeffama.

Itoophiyaan carraa darbuu qabdii?

Taphattota garee biyyaalessaa Itoophiyaa

Madda suuraa, EFF

Itoophiyaan Ramaddii A jala jirti. Garee kana jala Masrii, Giinii Bisaa'o, Burkina Faasoo, Siiyeeraaliyoon akkasumas Jibuutiitu jira.

Ramaddii kana Masriitu dursaa jira.

Waancaa Addunyaa bara 2026 Kanaadaa, Meksikoofi Ameerikaatti taphatamuuf biyyoonni Afrikaa sagal ramaddii isaanii dursanii xumuran kallattiin darbu.

Gama kaaniin biyyi biraa tokko carraa dabalataa qabdi. Kunis biyyoonni ramaddii isaanii keessaa sadarkaa lammaffaan xumuran afur walitti dhufun kan injifateefi.

Abbaan injifate wal morkii FIFA biyyoota jaha ardiiwwan garagaraarraa dhufan keessaa morkachuun biyyoonni lama tikkeeta Waancaa Addunyaa 23ffaa seenuu argatu jechuudha.

Itoophiyaan taphoonni jaha ishee hafanis taphoota afur keessaa qabxii sagal dhabdeetti.

Itoophiyaan Waancaa Addunyaarratti hirmaattee hin beektu. Afrikaarraa Kaameroon si'a saddeet hirmaachuun seenaa guddaa qabaachuun ni beekama.