Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraaqitti balaa abiddaa cidharratti mudateen yoo xiqqaate namoonni 100 du'an
Kaaba Iraaqitti balaa abiddaa sagantaa cidhaa irratti mudateen yoo xiqqaate namoonni 100 du'an, 150 kan ta'an ammoo miidhamaniiru.
Namoonni dhibbaan lakkaa'aman kaaba biyyattii bulchiinsa Nineveh iddoo addaa Al-Hamdaaniyaatti sagantaa cidhaarratti bashannanaa osoo jiranii balaan kun irra ga'e.
Sababi balaa kanaa maal akka ta'e hanga yoonaa hin baramane, garuu gabaasi hanga ammaatti jiru balaan kun erga richiitiin dhuka'ee uumamuusaati.
Miidiyaan biyyattii jalqaba namoonni bakkuma abiddaan gubatanitti du'uu gabaasan, booda ammoo namoonni gariin abiddaan gubatan erga mana yaalaa ga'anii booda du'an gabaasi jedhu ba'uu eegale.
Suuraa miidiyaa Iraaq- Nina jedhamurratti gadhiifame keessatti hojjettoonni balaa abiddaa namoota baraaruuf guddoo ifaajaa turan.
Suuraan reenfa namoota abiddaan gubataniis miidiyaalee hawaasummaarratti gadhiifamaniiru.
Meeshaaleen sibiila ta'anii fi abidda uumuu danda'an bakkicha turan balaa abiddaa kana akka si'eesse miidiyaaleen gabaasan.
Hanga ammaa misirroonni lubbuun darbuu fi dhiisuu yookiin miidhaan irra ga'uu fi dhiisuu wanti sirriitti barame hin jiru.
Gabaasonni ba'an gariin ammoo misirroonni balaa kanaan du'uu ibsan. Maddi oduu Iraaq- Nina jedhamu garuu misirroonni miidhamanii wal'aansa argachaa jiraachuu gabaase.
Hojjettoonni ittisa balaa abiddaa hanga ganama kanaatti (Roobii ganama) namoota gamoo balaa kanaan barbadaa'e keessatti hafan barbaadanii baasaa jiru.
Mootummaan biyyattii lubbuu namootaa baraaruuf hojjettoota ittisa balaa abiddaa fi humnoota nageenyaa biyyattii baay'inaan ramadeera.
Ministirri Muummee Iraaq ''namoota balaa tasaan miidhaman baraaruuf tarkaanfii barbaachisu hunda ni fudhanna,'' jedhan.
Kanaafis ajaja dabarsaniiru.
Namoonni miidhaman hospitaalota Nineneh keessatti argaman keessatti wal'aansa argachaa jiru.
Lakkoofsi namoota balaa kanaan du'anii dabaluu akka danda'us ibsameera.
Magaalaa kutaa biyyaa balaan kun keessatti mudatee kan taate Moosul irraa gara bahaatti kan argamtu Hamdaniyaa keessatti hospitaala argamutti namoonni miidhaman baay'inaan yaalamaa jiru.
Hospitaala namoonni baayyeen itti yaalaman kanatti namoonni hedduun dhiiga gumaachaa jiru.