Ajajaa waraanaa Raashiyaa Yukireen ajjeese jettee turte lubbuun jiraachuu Raashiyaan agarsiifte

Maxxanfame

Yukireen ajajaa humna galaanaa Raashiyaa kan Galaana Gurraachaa ajjeesse jettee turte lubbuun jiraachuusaa Ministeerri Ittisaa Raashiyaa viidiyoon agarsiise.

Adam Sokoloov ajajaa humna galaanaa, Galaana Raashiyaa yoo ta'u, Yukireen haleellaa misaa'elaa wiirtuu humna galaanaa kanarratti gaggeessiteen ajjeesera jettee turte.

Ajajaan Yukireen ajjeese jette Ministiira Ittisaa Raashiyaa Sargee Shooyiguu wajjin wal-gahiirra osoo jiruu viidiyicha irratti mul'ata.

Viidiyoon kun yoom akka waraabame garuu ifa miti. Ministerri Ittisaa Raashiyaa garuu walgahiin ajajaan kun keessatti hirmate kaleessa, Fulbaana 26, gaggeeffame.

Torbee darbe Yukireen haleellaa wiirtuu ajaja humna galaanaa Raashiyaa kan Galaana Gurraachaa Sevaastoooppolitti argamurratti haleellaa gaggeessitee turte.

Haleellaa misaa'elaa kanaan ajajaa wiirtuu humna galaanaa kan ta'e Adam Sokoloov fi qondaaltota waraanaa 33 ajjeesuu beeksiftee turte.

Humni Waraanaa Yukireen ajajaa Raashiyaa ajjeese jedhe kana eenyu akka ta'eefi du'uusaafis ragaa homaa hin dhiyeessine ture.

Viidiyoo Raashiyaan gadi lakkiste kanarratti Ministirri Ittisaa Raashiyaa Sargee Shooyiguun qondaalota waraanaa kaan wajjin Mooskotti osoo wal-gahiirra jiranii mul'ata.

Viidiyoo kanarratti ajajaan humna galaanaa Sevaastoopolitti Yukireen ajjeesera jette Sargee Shooyiguu wajjin wal-gahiirra osoo jiruu mul'ata.

Viidiyoon kun dhuguma gaafa Kibxataa waraabamuufi dhiisuusaa BBCn waan mirkaneeffate hin qabu.

Gaafa Jimaataa, Fulbaana 22, Yukireen haleellaa misaa'elaa cimaa wiirtuu humna galanaa Raashiyaa Sevaastooppolitti argamu haleeluushee beeksiftee turte.

Viidiyoowwan miidiyaa hawaasarratti qoodamaa turan aarri gamoorraa gara samiitti qajeelee mul'ata.

Buufanni humna galaanaa kun Raashiyaaf lafee dugdaafi akka tarsiimotti kan gargaarudha jedhama.

Yeroo dhiyoo as Yukireen Kirimiyaa dabalatee Raashiyaa keessatti haleellaa misaa'elaafi diroonii irra deddeebin gaggeessaa jirti.

Raashiyaaan dooniwwan waraanaa Sevaastooppol jiran fayyadamuun Yukireen irratti haleellaa gara garaa raawwataa turte.

Yukireenis haleellaa Kirimiyaarraa irratti aggaamamu kana laamshessuf jecha wiirtuu humna galaanaa kana misaa'elaan haleelte.