Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hirmaattonni qophii muuziqaa Teeylar Iswiift kirkira lafaa uuman
Sagantaan muuziqaa Teeylar Iswiift Ameerikaa magaalaa Siyaatilitti gaggeeffame, kirkira lafaa maagnitiyuudii 2.3 tahu galmeessisuu, ogeessi himan.
Ragaan kun kan galmaa'e konsartii Iswiift 'Eras' jedhamuufi Adoolessa 22 fi 23 Istaadiyamii Lumen Field'tti gaggeeffame irratti ture.
Qorataan kirkira lafaa ykn sesmoolojistiin Jackie Caplan-Auerbach akka jedhanitti, kirkirri lafaa kun kan dhalate iyya deeggartoota weellistuu kanaan yookis sirna sagalee guddistuun.
Taateen qophii muuziqaa kanarratti dhalate, kirkira lafaa 2011 achuma magaalaa Siyaatilitti uumameefi "Beast Quake" jedhamu caaleera.
Gaafas deeggartoonni gosa tapha American football istaadiyemii keessa turan, lakkaa'amuu galchii tokkorra gammachuun sagalee dhageessisantu kirkira lafaa uume. Gareewwan Seattle Seahawks fi New Orleans Saints morkachaa turan.
Yunivarsiitii Westarn Waashingitanitti piroofeesara Ji'oolojii kan tahan Dr Caplan-Auerbach, garaagarummaan tapha 2011 fi konsartii Teeylar Iswiift jidduu jiru 0.3 akka ture himan.
"Tahus hoollannaan ykn raafamuun ammaa kun, akkaan cimaa kan ture ogguu tahu, dachaa lama taha," jedhan.
"Ragaa konsartii guyyoota lamaa fudhadhee ilaaleera. Mallattoo walfakkaatan akka tahanis oggasuu hubadhe," jechuun taateen guyyoota lamaa akkaan walfakkachuu himte.
Agarsiisa muuziqaa weellistuu akkaan gurra horattee kanaaf, guyyoota lamaan irratti dinqisifattoonni Iswiift 144,000 argamaniiru.
Qophichaan booda Iswiift fuula Instagram ishee gubbaatti: "Guyyoonni dhuma torbee lamman Siyaatilitti dabarse, guyyoota jireenya koo keessa akkaan jaaladhudha. Waa hundaaf ulfaadhaa. Deeggarsa, iyya, utaalcha, shubbisa, sirbuu keessaniif [galatoomaa]," jechuun maxxansite.
Agarsiisa muuziqaafi shubbisaa irratti kirkirri lafaa dhalachuun waan haaraa miti.
Bara 2011 taateen Niiw Ziilaanditti tahe irra deddeebiin kaha. Baandii gosa muuziqaa rook kan tahan Foo Fighters qophii dhiyeessan irratti, iyya daawwattoonni 50,000 ol tahan dhageessisaniin kirkirri lafaa uumamuun gabaafamee ture.