Waraana Israa'el-Gaazaa: Barreessaan Olaanaa UN hatattamaan dhukaasni akka dhaabbatu gaafatan

Madda suuraa, Getty Images
Barreessaan olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii-UN, Gaazaatti hatattamaan dhukaasni akka dhaabbatu ergaa dabarsan.
Antooniyoo Gutareez "sagalee dhukaasa qawweetti xumura gochuuf yeroon amma," jechuun, ulaa Raafaah gama Masriin jirurraa dubbatan.
Israa'el qarqaarsa namoomaa Gaazaa keessaaf, ulaa "guutuu fi hin daangeeffamne" akka kennitu gaafatan.
Qorannoon wabii nyaataa torban kana UN'n deeggarame waan jedhe, Gaazaatti namoonni miiliyoona 1.1 tahan beelaa fi hanqina nyaataa hamaa taheen dararamaa jiru.
Dabaluunis gama kaaba bulchiinsa kanaan, beelli nam-tolchee ammaa jalqabee hanga ji'a Caamsaa keessa mudachuun waan oolu miti jedha.
Aabba Gutareez gara Raafaah kan dhufan "miidhama Filisxeemotaa Gaazaa keessa jiranii mul'isuuf" akka tahe dubbatan.
"Gaazaatti qarqaarsa lubbuu oolchan heddummeessuun itti galchinu amma. Filannoon ifadha: [baay'isnee galchuu] ykn beela.
"Konkolaattoota qarqaarsa fe'anii daangaa gama Masriin dhaabbatanii arguun aarii nama keessa uuma."
Aabba Gutareez dabaluun lammiileen Israa'el butaman akka gadhiifamanis ergaa dabarsaniiru.
Qondaalli kun kan asitti argamanii kana jedhan, erga Raashiyaa fi Chaayinaan wixinee seeraa Ameerikaan UN'f dhiyeessite kuffisanii booda ture. Wixineen kun dhukaasa dhaabuu, gadhiifamuu namoota butamanii wajjin kan walitti hidhe ture.
Ministira Dhimma Alaa Israa'el kan tahan Israa'el Kaatiz ergaa qondaala UN kanaaf X gubbaa deebii deebisaniiru.
Barreessaa olaanaan "rakkoo namoomaa Gaazaa keessaatiif Israa'el kan balaaleffatan" tahus, waa'ee loltoota Hamaas qarqaarsa ergame "saaman" garuu homaa hin dubbanne jedhan.
Ulaan Raafaah qarqaarsi namoomaa gara Gaazaatti ulaawwan itti seenan keessaa isa ijoo ogguu tahu, konkolaattonni meeshaalee qarqaarsaa fe'an hedduun garas ce'uuf, heeyyama Israa'el eegaa hiriiranii mul'atu.
Biyyoonni Lixaa fi dhaabbileen qarqaarsaa, adeemsa sakattaa Israa'el qeequun, qarqaarsi haalaan barbaachisu harkifachuu isaatiif quba itti qabu.

Madda suuraa, Reuters
Waraanni Gaazaa keessaa kan eegale Onkololeessa 7 erga hidhattoonni Hamaas kibba Israa'elitti haleellaa bananii boodadha. Haleellaa gaafasiin, namoonni 1,200 tahan ajjeefamuun, namoota 253 ammoo butanii fudhachuu anga'oonni Israa'el ni himu.
Israa'el haleellaa haaloo bahuu gama qilleensaa fi lafoon Gaazaatti gaggeessaa jirtuun, Filisxeemonni 32,000 ol ajjeefamuu ministeerri fayyaa Hamaasiin hoogganamu ni hima.












