Yaaddoo hidhamuu fi lolaan liqimfamuu: Rakkoo dachaa lammiilee Itoophiyaa Sudaan jiraatanii

Lammiileen Itoophiyaa Sudaan jiraatan lolaa fi poolisiin dararama jirachuu himan

Madda suuraa, Habiib Kadir

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Itoophiyaa Sudaan jiraatan lolaa fi poolisiin dararamaa jiraachuu himan
Maxxanfame

Carraa hojii argachuufi baqattummaan Sudaan keessa kan jiraatan dhalattootni Itoophiyaa poolisiin Sudaan isaan hidhuun gadhiisuuf maallaqa biyyichaa 200,000- 300,000 akka isaan gaafatu himan.

Habiib Kadir godina Jimmaa Aanaa Maannaatti dhalate. Erga gara Sudaan deemee gara waggoota sagalii guutaa jira.

‘’Lafa hojii keenyaa dhufanii nu qabu. Yoo birrii qabaatte kennitee baata. Isayyuu mana hidhaatii si baasanii gara Matamaatti fidanii si gatu,’’ jedha.

Habiib hidhaa kana baqachuun amma bakka Shimaaliyaa jedhamtu dhokatee akka jiru hima.

Koobaa, Shargiifi Soobaa bakkeewan jedhamnittis lammiileen Itoophiyaa hedduun hidhamanii akka jiran dubbata.

‘’Yeroo lama na qabanii jennan karaatti konkolaataa irraa utaaleen baqadhee bade.’’

Namni biraa BBC dubbise Milkeessaa Muummee ammoo mooraa baqattootaa UNHCR Gadaariif keessa akka jiraachaa jiru hime.

Milkeessaan dhaabbatni baqattootaaf dhaabbatu UNHCR waraqaa eenyummeessaa dhaabbatichi isaaniif kenne mooraatii bahanii akka hojjetanii jiraatan akka isaaniif hin eeyyamne hime.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mooricha keessa hojiin akka hin jirre kan dubbatu Milkeessaan, gidduu kana ammoo kaampii isaanii keessa lolaan galuun rakkoo hamaaf saaxilamuu hima.

"Carraa biyya sadaffaa nuuf kennaa hin jiran. Biyya irraa baqannee baaneerra. Gaafa UNHCR deemnee iyyannu ammoo himanni keessan madaala hin kaasu, biyya keessan keessa amma dimokiraasiin waan jiruuf deebi’aa galaa nuun jedhu,’’ jechuun BBCtti hime.

Dhimma baqattoonni kaasan irratti UNHCR irraa deebii argachuuf yaallee hin milkoofne.

Yeroo warana Kaaba Itoophiyaa keessa qofa lammiileen Itoophiyaa naannoo Tigiraay irraa qofa gara 60,000tti tilmaman Sudaanitti baqataniiru.

Milkeessan dhaabbaticha irraa gargaarsa gahaa argataa akka hin jirre himee, baanee hojjechuuf gam-tokkoon eeyyama hin qabnu, gama biraan ammoo poolisiin qabee nu hidha jedhe.

‘’Kana dura gara sa’a lamaa kan tahu miillaan deemnee hojii humnaa hojjenna ture. Amma ammoo hin jiru. Gaafa arganne nyaanna, gaafa dhabnes ni dhiisna. Magaala ammoo galuu nuuf hin eeyyaman.’’

Dhalattootni Itoophiyaa Sudaan keessa turan hedduun faddaalotaan gara Liibiyaatti geeffamaa akka turanis BBCtti hime.

Namootni baay’een Xaaliyaaniifi Faransaay galaniiru. Garuu namootni hedduun karaatti du’aniiru.

‘’Liibiyaa irraa ammoo Sudaan wayya. Birrii hin qabdu taanaan duutikee du’a saree taha. Fannifamtee garafamta.’’

Lammiileen Itoophiyaa miliyoonaan tilmamaman Sudaan keessa akka jiraatan himama.

Biyyootni lameen dhiyeenya daangaa irratti erga wal dhabuu jalqabanii garuu lammiilee Itoophiyaa irra dhiibbaan gahaa turuu namootni BBC’n dubbise himaniiru.

Habiib Kadir Abbaa Garoo gara biyyaatti deebi’uu akka barbaadu hima. Garuu maallaqa biyyichaa hanga 200,000 akka isaan barbaachisu dubbata.

'Imbaasiin Itoophiyaa quba nu hin qabu'

Lammileen Itoophiyaa Sudaan keessa rakkoo dachaa keessa jiran kunneen gargaarsa barbaachisu nuuf hin taasisne jechuun Imbaasii Itoophiyaa garas jiru komatu.

Imbaasiin Itoophiyaa magaalaa Kaartum jiru homaa gargaarsa nuuf gochaa hin jiru jedhe kan jedhu Habiib, bilbila isaanii irra deddebinee bilbillus argachuu akka hin dandeenye hima.

Tibbana OBN Dubbii himaa waajjira Ministera Dhimma Alaa Itoophiyaa wabeeffachuun akka gabaasetti, miseensonni hawaasa Itoophiyaa Sudaan jiraatan 18 dhalattoota Itoophiyaa naannoo Umduurramaan jiraatan bakka bu’uun Sudaanitti ambaasadara Itoophiyaa kan tahan, Ambaasaaddar Yiibalxaal Ayimiroo waliin rakkoolee isaan mudataa jiran irratti waliin dubbataniiru.

Ambaasaaddar Yiibalxaal Ayimiroo Sudaanitti lammiileen Itoophiyaa, rakkoolee baay’eef saaxilamoo ta’uu himanii, Imbaasichi hamma ga’umsasaa aanga’oota mootummaa Sudaan waliin mari’achuun rakkoolee lammilee mudatan hambisuuf akka hojjetu himaniiru.

Dabalataan lammiileen Itoophiyaa Sudaan jiraatan paaspoortii haaraa karaa ittiin argachuu danda’aniifi daddabarsa namoota seeraan alaa to’achuuf irratti waliin dubataniiru.

Dabalataan lammiilee Sudaan keessaa jiraachuus ta’e gara biyyaatti deebi’uuf ga’umsa hin qabne deeggaruufi lammiilee daangaa Matammaafi Galabaatiin gara biyyaatti deebi’an irratti meeshaalee qaban irratti gatii olaanaa namoota gaafatan fooyyeessuuf waliin dubbachuutu himame.

Sudaan erga waggoota sadii as raafama siyaasaa keessa jirti. Qaala’insi jireenyaa biyyattii keessatti hammaachuun lammiileen biyyattii mootummaa irratti akka fincila kaasan godheera.