Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammii Itoophiyaa qorattoota gara hawaa imalan wal'aanuuf barachaa jiruun walbaraa
Gosoota wal'aansa fayyaa meeqa fa'i beektu? Tarii 10 ykn 20 jettu taha. Waa'ee damee yaala fayyaa Space Medicine ykn Aviation medicine jedhamu dhageessanii beektuu?
Dameen fayyaa kun waa'ee balallii hawaa wajjiin walqabatuu fi fayyaa astiroonotaa irratti xiyyeeffatudha.
Dr. Solomoon Gurmuu Beekaa namoota muraasa damee yaala balallii fi hawaa (Aerospace medicine) kana keessa jiran keessaati.
Biyya Niiw Ziilaand, magaalaa Weelingitan, Yunivarsiitii of Otaagootti damee yaala fayyaa kanaan PhD [Digirii Sadaffaa] isaa barachuun gara xumuruutti jira.
Dhiyeenya kanas Waldaa ‘AsMA Space Medicine’ irraa barataa cimaa gosa kanaa jedhamuun badhaasa argateera.
Guutuu addunyaarraa barattoonni fayyaa balallii fi hawaa keessa jiran dorgomuun, kanneen qabxii gaarii fidan, yookaan qorannoo dansaa kanneen gaggeessan kan ittiin badhaafamanidha.
Dameen Aerospace medicine ogeeyyiin fayyaa, dhimma balallii fi hawaa irratti addatti leenji’anii kan itti seenanidha.
Dameen fayyaa hawaa; namoonni fayya-qabeessa tahan gara qilleensa isaaniif haaraa tahetti yogguu deeman, akkamiin nageenyi isaanii eegamee kaayyoosaanii milkeessanii fayyaa guutuun deebi’u kan jedhu qorata.
Dameen fayyaa balallii ammoo; imaltoonni xiyyaaraan deeman, balalliin dura, imalarraa fi balalliin booda haala fayyaa qaban kan qoratudha.
Ofii Dr Solomoon ogummaa hin baratamne kana keessa akkamiin seene, ogummaan kun maal ofkeessaa qaba?
Wal'aansa hawaa
Astiroonotni gara hawaa ergamuun isaanii duraafi erga deebi’anii booda qorannoo fayyaa guutuu taasisu.
Dr Solomoon: “Fakkeenyaaf namni hospitaala dhufu nama dhukkubsatedha.
''Yaalii hawaatiin garuu nama fayya-qabeessa tahee gara hawaa imaletu yaalama,” jechuun garaagarummaa yaala idilee fi kan hawaa ibsa.
“Fayyaa guutuun deemus, haalli qilleensaa ho’a garmalee kan qabu, dhiibbaa kan qabu, carallaa fi sagalee akka akkaaf kan saaxilu, akkasumas hanqinni oksijinii fi kaanif kan nama saaxiludha.”
Yaalii fayyaa kennuuf cinatti, safartuuwwaniifi seerota fayyaa akka akkaa baasuunis itti gaafatamummaa damee fayyaa kanaa tahuu hima Dr Solomoon.
Kan balaliisuu danda’an eenyu fa’i? kan jedhu madaalanii filachuurraa qabee; keessummeessitoota balalliif leenjiiwwan yaala duraa fi kaanis kennuun gahee isaaniiti.
“Zoonii sa’aatii tokkoo (time zone) gara biraatti wayita deeman maal mudachuu danda’a? kan jedhus as keessatti argama.
''Madaalliin balallii duraafi boodaas gahee biraati,” jedha ogeessi kun.
Qorattoonni hawaa ykn astiroonotiin gara hawaa akka imalan murtaa’uu isaatiin dura, qaamaafi qalbiin gahumsa qabaachuun isaanii ni madaalama.
Kana keessatti dandeettii yaadachuu, dandeettii xiyyeeffachuu, gahumsa gaggeessummaa fi waliin dubbii, akkasumas dandeettii kaaniin imalaan dura akka madaalaman hima.
Hawaa keessa maaltu isaan mudata?
Dhukkuboota gara caalu mudatan keessaa inni tokko, fayyaa sammuu wajjin kan walqabate tahuu kaasa ogeessi kun.
Kunis sababa miira kophummaa hawaa keessatti dhagahamuun akka mudatu hima.
Mudaan fayyaa jara mudatu inni biraa dadhabii garmaleedha.
“Dadhabii ogguu jennu, sammuufi qaamaan dadhabuudha. Beela’uun, dheebochuun jira. Sa’aatiin hojii hin baramne, hirriiba dhabuutu jira,” jechuun ibsa.
Adeemsa halkaniifi guyyaa baramerraa yoo adda bahan, hirriba dhabuun ni mudata.
Ka dhibii ammoo dhukkuba ijaan walqabatee mudatudha.
Carallaan samii keessa jiru, ija dabalatee qaama namaa kaan irrattis dhiibbaa hin eegamne fida jedha ogeessi kun.
Rakkooleen fayyaa kunniin akka isaan hin mudanne, meeshaaleen astiroonotni qabatanii hawaa deeman jiru.
Achii ennaa deebi’an ammoo hatattamaan qorannoo fi wal’aansi ni taasifamaaf.
“Rakkooleen isaan mudatan garri caalan hamaa tahuudhaa baatanis, yeroo tokko tokko dhukkuba yeroo dheeraaf wajjiin fulla’uun qabamuu danda’u,” jedha Dr Solomoon.
Jaarmiyaaleen kanneen akka Nasa fi balallii addunyaarraa jiran biroo, qorattoota gara hawaa imalaniif wiirtuun yaala fayyaa itti taasisan, isa idileerraa adda tahuus ogeessi kun ni hima.
Ogummaan kun abjuusaa turee?
Solomoon Gurmuu dhalatee kan guddate, Oromiyaa, ganda baadiyyaa magaalaa Hoolataa irraa km15 fagaattee argamtu Gabaa Jimaataa keessatti.
Barnootasaa sadarkaa jalqabaa mana barnootaa Dajaazmaach Kabbada Bizunashitti kan hordofe oggaa tahu, kan lammeessoo ammoo magaalaa Hoolataatti barate.
“Abjuu ogummaa fayyaa balalliifi hawaa keessan seena jedhu hin qabun ture. Ogummaa kanatti nan galaa dhiisitii, jiraachuusaayyuu quba hin qabun ture.
“Baadiyyaa wayita jirru ogummaan fooyya’aadha jennu barsiisummaa waan tureef, hedduun keenya abjuun keenya isa ture.
''Ergasii waan biraa ennaa ilaalludha, waan sana kan hawwinu.”
Dabaluunis: “Gara ogummaa kanaa galuu kootin dura Humna Qilleensaa Itoophiyaa keessa ogeessa baqaqsanii yaaluu yeroo tasaan ture.
''Damee balallii keessan ture jechaadha. Achuma odoon jiruu ogummaa koo guddisuu fedhe. Achiis carraa barnootaa argadhe,” jechuun hima.
Solomoon Gurmuu Digiriisaa ta jalqabaa Yunivarsiitii Gondar irraa, akkasumas ta lammeessoo ammoo Yunivarsiitii Walloorraa argate.
“Namuu ogummaa bareefi beeku keessa seena. Yeroos wayita yunivarsiitii seennu, barnoota filachuu qabnu hin beeknu turre, gorsas namootarraa hin gaafannu,” jechuun haala ture yaadata.
Dameen qorannoo hawaa ogummaa akkaan barbaadamaa jiran keessaa tahaa dhufeera.
Imalli hawaa tuuristootaafillee banaa tahaa dhufeera. Dhaabbileen dhuunfaas damee kana keessa seenuun xiyyaar-samii ofii midhaassuun morkiirraa jiru.
Yeroo akkanaa keessa damee yaala fayyaa aviyeeshinii keessa seenuun isaa akka isa gammachiisus dubbata.
“Keessattuu damee biyya keenya keessatti hin dagaagne keessa galuu kootti guddoon boona.
''Ogummaa gara fuuladuraatti abdii namatti horu keessa jiraachuun nama boonsa. Humna guutuun biyya koof [Itoophiyaaf] gumaachuun fedha.”
Humna Qilleensaa Itoophiyaatti
Bara 2009 erga yunivarsiitirraa eebbifame booda, Humna Qilleensaa Itoophiyaatti makame.
Achittis ogummaa baqaqsanii yaaluu yeroo tasaa (Emergency General Surgery) fi madaallii balalliin hojjechaa ture.
“Biyyakoo tajaajiluun barbaada,” kan jedhu Solomoon, barnoota PhD isaa ennaa obbaasu gara biyyaa deebiyuu akka barbaadus hima.
Itoophiyaan gama qorannoo hawaan “sadarkaa biyyoonni lixaa irra gahan gahuu baannus, [jalqabbiin] gaariin jira… yeroo dabre rokkeetii furguggisneerra,” jedha.
Humna Qilleensaa Itoophiyaa fi Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kaasuunis, dameen aviyeeshinii biyyattii Afrikaa keessaa sadarkaa guddaarra gaheera jedha.
Damee qorannoo hawaan gulantaa fooyya’aarra gahuuf “dhaloota dhufu, ummatakoo, biyyakoo tajaajiluudha fedhiin koo,” jedha.
Yeroo ammaa dargaggoonni hedduun saayinsii qorannoo hawaa keessa seenuu akka barbaadan himu.
Keessattuu kanneen qabxii dansaa fidan, ogummaa kanatti fedhii agarsiisuun isaanii isa gammachiisa.
Wal’aansi hawaa, saayinsii hawaa keessaa damee tokko waan taheef “Eroospeesii Itoophiyaa, Afrikaa keessaa tokkoffaa, addunyaarras dorgomaa akka tahu,” gochuuf waan danda’u akka godhu hima.
Solomoon amma dura Yunivarsiitii Rift Vaaliitti barsiisaas ture. Dameewwan fayyaa hawaasaa garagaraa keessas hojjeteera.
Waldaa Ogeeyyii Wal’aansa Baqaqsanii yaaluu tasaa Itoophiyaas gaggeessummaan tajaajileera.
Yeroo ammaas Waldaa Ogeeyyii Wal’aansa Baqaqsanii yaaluu tasaa Addunyaattis miseensa boordiiti.
Bara 2021 keessa carraa barnootaa PhD Akkaadaamii Wal’aansa Aviyeeshinii fi Hawaa Idiladdunyaarraa carraa barnootaa argateen, bara ittaanutti Niiw Ziilaand imaluun barnootasaa jalaqabe.
Waraqaan qorannoo isaatis; nageenya astiroonota gara hawaa imalanii eeguuf, maloota madaallii fayyaa sammuu irratti kan xiyyeeffatudha.
Solomoon ogummaasaa hawaa fi qorannoo hawaatti dhiyeenya qabu kanaan tarii gaaf tokko gara hawaa imaluu barbaadaa?
“Yoo carraan argame eenyutu jibba?” jechuun kokkolfaa deebise.