Gaazexessaan Xaaliyaanii waa'ee Abbabaa Biqilaa barreessuuf maaliif filatan?

Vaaleriyoo Pichonii gaazexaa beekamaa Xaaliyaanii ‘La Gazzetta dello Sport’ jedhamuurratti waggoota 20 olif hojjetaniiru
Ibsa waa'ee suuraa, Vaaleriyoo Pichonii gaazexaa beekamaa Xaaliyaanii ‘La Gazzetta dello Sport’ jedhamuurratti waggoota 20 olif hojjetaniiru
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Olompikiin Paaris eegaluuf jedha. Biyyoonni Afrikaa hedduu atileetota dorgommiirratti isaan bakka bu’an filataniiru.

Hirmaannaan Olompikii Itoophiyaa yeroo ka’u Abbabaa Biqilaan kan dagatu hin jiru. Abbabaan Olompikiirratti dorgommii maaraatoonii injifachuun lammii Afrikaa jalqabaadha.

Injifannoo isaa kan eeges, tilmaames hin turre.

‘‘Sorparandante!‘‘ jedhan Xaaliyaanonni. Ajaa’iba jechuu isaaniiti.

Eegasii eegalee maqaan Abbabaa Biqilaa maqaa isaanii keessaa bahee hin beeku.

Bakkeewwan dorgommiin itti adeemsifamutti ‘kume Abbabaa Biqilaa!’’ jedhu. ‘Akkuma Abbabaa Biqilaa’ jechuun dorgomtoota isaanii jajjabeessu.

Kanneen atileetiksii xiinxalanis ‘’kuni daandii Abbabaan irra fiigedha’’ jechuun waggootaaf maqaa isaa kaasaa jiru.

Biyyi isaanii Xaaliyaaniinis maqaa isaaniin daandii moggaafteetti. Magaalaa qarqara galaanaa Roomirraa 40km fagaattee argamtutti – Laadispolitti riqichi maqaa isaatiin moggaafame jira.

Bakkeen Roomitti dorgommii isaa itti injifate, daandii Saan Girigoriyoo gamoo konistaantin gadi siqee gamoo argamurra maqaan isaa ifatti barraa’eera.

Onnee gaazexeessaa Xaaliyaanii Vaaleriyoo irrattimmoo akka hin haqamnetti barraa’eera.

Vaaleriyoon waa’ee Abbabaa yoo dubbatan miira keessa seenu.

Umrii malee lubbuun isaa darbu yeroo yaadatan imimmaan isaan qaba. Injifannoo isaa yoo yaadatanimmoo jagnummaatu itti dhagahama.

Vaaleriyoo Pichonii gaazexeessaa ispoortiidha. Gaazexaa beekamaa Xaaliyaanii ‘La Gazzetta dello Sport’ jedhamuurratti waggoota 20 olif hojjetaniiru.

Gaazexaa bara 1896 hundaa’e kanarratti xinxala ciccimoo keessumaa waa’ee atileetiksii, ispoortiifi siyaasa ispoortiirratti Afaan Xaaliyaaniin barreessaniin gurra horataniiru.

Vaaleriyoon gaazexeessaa qofa miti. Dorgommiiwwan maaraatoonii jaha irratti hirmaataniiru. Fiigicha jaalatu.

Wanti kanaaf ka’umsa isaanii ta’emmoo jaalala guddaa Abbabaaf qabanidha.

Daandii ‘Sabaastiyaano’ bakka Abbabaan maaraatoonii Room yeroo mo’ate qofaa isaa bahee itti fiige yeroo argan har’umallee miira addaatu itti dhagahama.

Jaalalaafi dinqisiifannaa Abbabaaf qaban akkamiin namootaaf qooduu akka danda’an waggootaaf yaadaa turan.

Yaada kanas kan jabeessuu eegalan bara 1982 ogummaa gaazexeessummaa erga seenaniiti.

Gaazexeessaan kuni waahila isaanii waliin ta’un kitaabota ‘Un Sonyo E Roma [Abjuu Roomaa] fi ‘Laa Rivoliziyonee Di Biqilaa] [Warraaqsa Biqilaa] jedhan barreessan

Madda suuraa, VALERIO PICCIONI

Ibsa waa'ee suuraa, Gaazexeessaan kuni waahila isaanii waliin ta’un kitaabota ‘Un Sonyo E Roma [Abjuu Roomaa] fi ‘Laa Rivoliziyonee Di Biqilaa] [Warraaqsa Biqilaa] jedhan barreessan
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaazexeessaan kuni kitaabota lama seenaaa dhuunfaa Abbabaa fi warraaqsa idil-addunyaa inni kakaaserratti xiyyeeffatan waahila isaanii Lo Judiche waliin Afaan Xaaliyaaniin barreessaniiru.

Abbabaan akkamiin onnee Vaaleriyoo keessa bule?

Abbabaan onnee Vaaleriyoo keessa kan seene ijoollummaattidha.

Daa’ima ganna 13 ta’anii dorgommii magaala Room keessatti taasifameerratti hirmaataniiru.

Fiiganii kan xumuranimmoo daandii Appiyaa Antik irrattidha. Daandiin kunimoo daandii Abbabaan maaraatoonii Room itti injifatedha.

‘’Yeroos miirri daandii Appiyaantik irratti natti dhagahame adda ture,’’ jedhu.

Ijoollummaan fiiguun waan Abbabaan raawwate isaan yaadachiisuun ala gaheen abbaa isaaniis salphaa miti.

Abbaan isaanii dorgommiiwwan Olompikii baay’isanii jaalatu ture. Abbabaa Biqilaas akkaan dinqisiifatu. Injifannoon Abbabaa guddaa ta’u abbaan kiyya dubbatu ture jedhu.

Xaaliyaan marsaa lamaaf Itoophiyaa weerartee erga milkaa’uu dhabde booda Abbabaan Roomitti injifachuun isaa hiika addaa akka horeef dubbatu.

Abbaan isaanii weerarri Xaaliyaanii sirrii akka hin taane amanu. Kunimmoo ijoollummaan Vaaleriyoo keessa bule.

Waa'ee Abbabaa kana beektuu laata?

Abbabaan atileetiksii osoo hin eegaliin dura eegduu warra mootii 'Kibur zabanyaa' jedhamu ture.

Dargaggummaatti gara Finfinnee imalee Kibur Zabanyaa [Eegduu Mootii] keessatti loltummaan qacarame.

Achitti ture leenjisaan lammii Siwiidiin, Onii Niskaananiin wal bare.

Sana booda umurii isaa waggaa 24tti fiigicha eegale.

Dorgommii fiigicha maaraatoonii Adooleessa1960 Finfinneetti dorgomee lammaffaa ba'e.

Fulbaana bara 1960tti fiigicha maaraatoonii Olompikii Room sa’aatii 2:15:16’n miila qullaa fiige injifachuun lammii Afrikaa isa jalqabaa ta’e.

Olompikii Tookiyoorratti ammoo bara 1964 rikoordii galmeesse sa’aatii fooyyeessuun sa’aatii 2:12:11.2’n meedaaliyaa warqee injifate.

Kumaalaa Abbabaa Biqilaa fiigicha maaraatoonii 13 dorgomee keessaa 12 injifateera.

Bara 1969 balaa konkolaataa irra qaqqabe hordofee wiilcheeriidhaan dorgommii qaama miidhamtoota Paaraalimpikii dorgomaa ture.

ALA Onkolooleessa 25, 1973 umrii waggaa 41tti addunyaa kanarraa du’aan darbe.

Mallattoo cichoomina - Abbabaa Biqilaa

Abbabaan Olompikii injifachuun miila qullaa fiigee injifachuun injifannoo, injifannoo kaanirra caalu gonfate.

Bara sana maaliif miila qullaa fiige?

Ammallee dhimma falmisiisadha.

Sababa miila qullaa fiigeef namoonni yaadota adda addaa kaasu.

Barreeffamoonni danuun kophee isaaf mijatu akka dhabe, kophee inni hidhachuuf yaale garmalee waan dhiphateef miila qullaa fiiguu akka filate akeeku.

Kaan immoo itti yaadee, gootummaaf kana raawwate jedhu.

Gaazexeessaan Vaaleriyoom leenjisaa Abbabaa gaafatee, isaas qoratee akka barreessetti Abbabaan itti yaadee miila qullaa fiige.

"Leenjisaan Abbabaa konkolaataa kireeffatee daandii maaraatooniin itti dorgomamu qorata ture.

Yeroo kaan miila qullaa, yeroo kaan ammoo kopheedhaan shaakalaa ture," jedha gaazexeessaan kun.

Xumurarratti leenjisaa waliin erga mari'atee booda miila qullaa fiiguuf murteesse.

Vaaleeriyoon dorgommii sanaarratti meedaaliyaa naasa kan argate lammii Niiw-Zilaand Beerii Magee haasofsiisee ture.

"'Abbabaa Bikilaan atileeti dandeettii guddaa qabu. Miila qullaa fiiguun isaa akka tasaa miti." Murtee teeknikaa ture. Inni atileetii ajaa'ibaati!” jedhe.

Akka gaazexeessaan kun jedhutti, ummata Afrikaa yeroo sana akka hiyyeeyyii fi duubatti hafootti ilaalaman kabajaaf itti yaadee raawwate raawwate jedhe.

Xaaliyaaniitti "Kumee Abbabaa Biqilaa!" . . 'Akkuma Abbabaa Biqilaatti! . .. jedhanii atileetota jajjabeessuun waanuma baramedha.

''Dorgommiiwwan amma kan waggoota 60 dura ta'e kan agarsiisan miti. Daandiiwwan Appiyaa Antikaa fi Basooli miila qullaa fiiguun rakkisaa ture," jedha gaazexeessaan Vaaleriyoon.

Xaaliyaanii keessatti ‘kume Abbaba Biqilaa’ [akka Abbaba Biqilaa] jechaa dorgomtoota jajjabeessun waan baramedha

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Xaaliyaanii keessatti ‘kume Abbaba Biqilaa’ [akka Abbaba Biqilaa] jechaa dorgomtoota jajjabeessun waan baramedha

Kana jechuun yoo miila qullaa fiige miilli isaa hin dhagahamu, akka dorgomtoota isaa fageenya dhiyootti isa hordofaniif mallattoo akka hin kennineef.

Fiigicha sanarratti taatee ajaa'ibsiisoo Abbabaan hojjete keessaa inni biraan, siidaa Aksum Roomaa keessaa bakka Piyaassaa jedhamu bakka dhaabame yeroo ga'u saffisa fiigichaa dabalee ture.

Xumura weerara Xaaliyaaniirratti ajaja Benetoo Musoliinitiin siidaan Aksum Itoophiyaa keessaa buqqifamee magaalaa Roomaa keessa dhaabame bira yeroo gahu saffisa fiigichaa dabaluun isaa hiika qaba ture.

" Gochi Abbabaa dorgommii sanarratti raawwate tokkoon tokkoon galmee seenaa keessatti fuudhuun xiinxalamuu danda'a," jedha Vaaleriyoon.

Abbabaan ALA bara 1969 balaa konkolaataa Finfinneetti irra qaqqabeen booda socho'uu hin dandeenye.

Addunyaa kan ajjaab’isiise Abbabaa Biqilaa sababa balaa konkolaatan wiilcheeriin socho’uutti deebi’uu Vaaleriyoon gaafa dhaga’u amanuuf akka rakkate dubbate.

Balaa irra qaqqabe booda dameewaan ispoortii adda addaatiin dorgomaa kan ture Abbabaan, bara 1973 umrii waggaa 41tti addunyaa kanarraa du’aan darbe.

Injifannoon gurraachota onnachiise

Akka Vaaleriyoon jedhutti, injifannoo Abbabaa dura, bakki gurraachotaaf Xaaliyaanii keessatt laatamu sirrii hin turre.

"Garuu injifannoon Abbabaa Biqilaa kana taate sana geeddare. Injifannoo Afrikaa isa jalqabaati. Gurraachonni Room keessatti haala hin baratamneen leellifaman" jedhe Vaaleriiyoon.

"Lammiileen Xaaliyaanii Abbabaa baay'ee jaallatu" kan jedhu Vaaleriiyoon, injifannoo isaa booda Xaaliyaaniin godaantotaa simachuun biyya gurraachonni Afrikaaa hedduun bilisaan keessa jiraatan taate jedhe.

Biyyoonni Afrikaa hedduun Awurooppaanotaan koloneeffamanis injifannoo Abbabaa booda walaba bahan.

Vaaleriyoo injifannoon isaa cichoomina akka uume dubbata.

Bara 1960tti biyyoonni Afrikaa 13 walabummaalabsatan.

Faana Abbabaa hordofuun atileetoonni Afrikaa boonsan danuun dhalataniiru.

"Maqaan Abbabaa Biqilaa tasumaa hin badu. Waa'een Abbabaa durii qabee dubbatamaa as gahe, Fuulduraatti gaazexeessitoonni furii itti darbanii waa'eesaa dubbachuuf jiru" jedhe Vaaleriiyoon.