Reebicha, gaazii imimmaanessaa, rasaasa- gara jabummaa poolisii lammiilee Keeniyaa mudate

Madda suuraa, Getty Images
Dambalii mormii guutuu Keeniyaatti tibban gaggeefamaa jiruun wal qabatee, dhukaasa dargaggeessa ganna 30, Reeksi Maasaayi irratti banameen eegalee, tarkaanfii poolisiin fudhateen lubbuu namoota hedduu darbeera.
Ajjeechaan kunis amantaa xiqqaa uummatni poolisiin sirna eeguu danda'a jedhee qabu daran mancaase.
Akkasumas wayita ammaa mormiin akka haaraatti walduraa duubaan jalqabuuf jiru kanattis, humnoonni nageenyaa akkamitti deebii akka kennuu danda'an irratti yaaddootu jira.
HUBACHIISA: Barreeffamni kun ibsa dubbistoota tokko tokko dhiphisuu danda’an of keessaa qaba.
Waxabajjii 20 guyyaa hiriirri lammaffaan wixinee faayinaansii gibira haaraa dabaluuf ture itti gaggeeffameedha.
Guyyaan isa duraa taateewwan gurguddoon kan itti hin mudanne yoo ta'u, haata'u malee guyyaa Kamisaa sana erga aduun lixxeen booda garuu jidduugala magaalaa guddoo Naayiroobii keessatti wanti tokko jijjiirame.
Mormitoonni caalaatti kan itti ciman ta'an. Poolisoonni bishaanii fi gaazii imimmaanessu fayyadamuu irraa gara rasaasa kallattiin itti dhukaasutti ce'an.
Maasaayi yeroos haala hin taaneen rukutame. Rasaasaan qoma isaarra rukutamee dhiigni dhangala'ee du'e.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Dhiigni isaa harka koo hunda irratti dhangala'aa ture,” jedha hiriyaansaa Iyaan Njuguna, yeroo inni lafatti kufe gargaaruuf yaaluun ariifatee itti fiigee kan ture.
Garuu yeroo inni fi hiriyyaansaa kan biraa gara hospitaala dhiyoo jirutti geessuuf yaalan “qondaalli poolisii hiriyyaa keenya du’aa jiru baannee osoo deemnu gaazii imimmaaneessaa nutti darbate”.
“Nutis akka nu dhiisee hin duuneef isa kadhachaa turre rifaatuu cimaadhaan.”
Yoo xiqqaate hanga ammaatti miseensoonni poolisii afur torban afran darban keessa mormitoota irratti dhukaasa banuun ajjeechaa raawwachuun himannaa irratti banamu qaba ture. Kunis waamichi haqaa miidhamtoota irratti humna garmalee fayyadamaniiru jedhamuun taasifamaa jiru dabalaa akka dhufu taasiseera.
Garuu ammoo qorannoon gaggeeffamaa ture baayyee waan rakkiisaa ture.
“Poolisii irraa tumsa dhabuu qofas osoo hin taane hanga tokko qondaaltota keenya illee sodaachisoon tokko tokko mudateera,” jechuun ture komishinarri Abbaa Taayitaa To’annoo Poolisii Walabaa (IPOA) Joon Wa'iganjo BBC'tti kan himan.

Madda suuraa, Getty Images
Haata'u malee, qorattoonni ragaa dabalataa walitti qabuufi jechawwan galmeessuuf sababii barbaachisuuf, gochi ajjeechaa Maasaayi irratti raawwatame hanga ammaatti himannaa jalqabuu hin dandeenye.
Wa'iganjo dhimma kana irratti addatti yaada hin kennine garuu, IPOAn miidhaan ykn du'a yeroo qoratu qawween dhukaafame sun eessaa akka dhufee fi eenyummaa qondaaltota dhimmicha keessa jiran jedhamaniirratti odeeffannoo akka barbaadu ibsaniiru.
BBCn viidiyoo naannoo fi yeroo walfakkaataa Masaayi itti ajjeefaman ta'uu hin oolletti waraabame tokko, poolisiin uffata idilee uffatee mormitoota daandii tokkorra baqachaa turan irratti dhukaasa banuu mul'isa.
Njuguna akka jedhutti, hiriyyaan isaa qondaala rasaasaan itti dhukaase sun sababii gurbichi riifeensisaa guduruu (dreadlocks) ta'eef adda baasee itti xiyyeeffate ta'a jedha.
''Bilbila hatte jedhamee himatame. Suuqiii saamame tokkotu ture. Kanaaf, saamtota keessaa tokko waan ta’eef, rasaasa itti dhukaasan – sababa maaliif? Sababii inni daabee qabuufiidha," jechuun BBCtti hima, miira aarii fi mufannaatiin.
Maatiin gurbaa ajjeeffamee kanaa halkan inni itti ajjeefame akka jedhaniitti, hakiimni du’uu isaa mirkanneesse rasaasni qoma isaa keessa seenee jiraachuun, gama tokkoon madaan kan mul’atu yoo ta'u gama biraatiin garuu madaan ittiin ba’e hin jiru jedhan.
“Yeroon [bakka inni du’e] ga’u, ogeeyyiin fayyaa reeffa ilmakoo akka aguggii irraa kaasanan gaafadhe,” jechuun haatisaa Giiliyaan Munyaa’oon, taatee kanaan guyyaa tokko booda BBCtti himteetti. Bakka rasaasni ittiin miila isaa keessa seene argite.
Qorannoon reeffaa erga godhamee booda, maatii fi hiriyyoonn Maasaayi rasaasni reeffa mucaasaanii keessatti argamuu dhabuu yoo dhagan rifatan. Isaanis haala ta'een akka keessaa baafame shakkan.
BBCn himannaa ragaa qaamaan mul’atu dhabuu Mr Wa'iganjotti yoo itti himu, sababii qormaata mataasaa gaggeessuuf meeshaalee qorannoof gargaaran argachuu irratti rakkoo qabu ilaalcha keessa galchuun baayyee hin ajaa’ibsiifne.
Kun ammoo IPOA’n dhaabbileen odeeffannoo barbaachisaa kamiyyuu akka dabarsan dirqisiisuuf aangoo qabaatus, barbaacha haqaa daandii irraa maquu akka danda’u kan akeekuudha.
BBCn himannaa qorannoo gufachiisuu fi mormitoota irratti humna garmalee fayyadamuuf jedhuuf deebii argachuuf ittaanaa itti gaafatamaa poolisii Daaglaas Kiricho qunnameera.
Gaaffii kanaaf beekamtii kennuun dubbi himaan poolisii gaaffii keenyaaf deebii akka kennu qajeelfama kan kennu ta'ulleen, hanga odeessi kun maxxanfamutti garuu irra dedebiin yaadachiifaman illeen deebii hin arganne.

Madda suuraa, AFP
Gochi poolisii kunis lammiileen Keeniyaa hedduun sirna kana irratti amantaan qaban akka xiqqaatu taasiseera.
Yeroo baay’ee namoonni fuulduratti ba’uu waan sodaataniif, dhimma ajjeechaa Mr Maasaayi ykn kanneen biroo irratti ragaalee argachuun galmeessuun rakkisaa ta'u dubbata IPOAn.
IPOAn himannaa ajjeechaa, hidhaa akka barbaadamee fi butamuu ilaalchisee miidiyaa hawaasaa irratti qoodamu fayyadamuun qorannoo jalqaba jira.
Akka waliigalaatti mormii torbanoota darban keessa yoo ilaalle, BBC Verify viidiyoo kudhan hedduun, kan himannaa aktivistoonniifi qaamooleen sarbama seeraa poolisiin mormii poolisii humna garmalee fayyadamuu irratti dhiyeessan mirkanneessu fakkaatu.
BBCn teessuma lafaa viidiyoo kana keessatti mulatu, suuraa fi kaartaa saatalaayitii Google Street View, gabaasa miidiyaalee biyya keessaa fi viidiyoo biroo taateewwan walfakkaatan agarsiisan waliin wal bira qabuun bakka fi sa’aatii taateewwan raawwataman mirkaneessuu danda’eera.
Viidiyoonni mormitoota meeshaa waraanaa hin qabne irratti dhukaasuudhaa kaasee, uleedhaan reebuu, haleellaa namoota gargaarsa jalqabaa kennan irratti raawwatame, haleellaa gaazexeessitoota irratti gahee fi butamuukan agarsiisaniidha.
Viidiyoo gamoo Paarlamaa cinatti waraabame tokko keessatti, mormituu tokko harka isaa ol kaasee gara poolisiitti osoo deemuu mul'ata. Sa'aatii muraasa booda dhukaasni ni dhaga'ama.
Boodarra garuu konkolaataa poolisii duubatti hidhamee, miilasaa lamaan irratti madaa'ee, osoo iyyuu argine.
“Ani homaa hin hojjenne, konkolaataa tokkollee hin gubne... akkasumaan natti dhukaasan” jedha, madaa miila isaa irratti mul’atu agarsiisaa.












