Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Doktoroota abdii sobaa 'ni fayyita jedhu' qaroo-dhabeeyyiif himan
Doktaroonni kutaalee addunyaa gara garaatti abdii sobaa 'ni fayyita' jedhu namoota dhibee sududaan qaroo namaa jaamsu ‘retinitis pigmentosa’ jedhamu qabanitti himu.
Namoonni dhibee kanaan addunyaarratti hubaman miiliyoona lamaa oli.
Gazexeessaan BBC Ramadaan Yuunis jedhamu dhibee qaroo nama dhabsiisu kanaaf wal'aaansa kennamu saaxiluuf hakiimota bira dhaqeera.
Ramadaan guyyoota shaniif ijisaatti faashaan hidhamee, hospitaala iddoo dukkana keessa ciise.
Otoo agartuun koo naaf deebitee waa hubachuu danda’ee jireenyi koo maal akka fakkaatun yaade ture jedhe.
Ramadaan dhibeen ijaa qacceen nama qabu ‘retinitis pigmentosa’ jedhamu wal’aanuun akka danda’amu barreeffama ibsu erga dubbisee booda Masriirraa bara 2013 gara Chaayinaatti imale.
Chaayinaatti otoo hin imaliin waggoota jaha dura dhibee sududaan qaroo isaa jaamse kanaan qabamu bare.
Ramadaan doolaara Ameerikaa 13,000 walitti qabatee wal’aansa qaroon isaa deebisuuf argachuuf gara Chaayinaatti qajeele.
Yeroo sanatti jireenya keetu geeddarama jedhamee itti himamuu dubbata.
Chaayinaarraa manasaa Kaayirootti argamutti waayita deebi’u, qaroon ija keetii wayyaa’aa jira jedhamee itti himamuu dubbata.
Garuu fooyyee hin qabu-homtuu waanti geeddarame hin jiru jedhe.
Adeemsa keessa agartuu isaa dhabeera. Kana jechuun seelonni miliyoonaan lakkaa’aman, kanneen duuba ijaatti argaman du’aniru.
Ammatti dhibeen ’retinitis pigmentosa’ jedhamu kun wal’aansa fayyisu hin qabu.
Wal’ansi qaccee ‘genetic therapy’ jedhamu garuu dhibeen kun namatti akka hammaataa hin adeemne dhaabuu ni danda’a.
Wal’aansi kun namoota muraasa kanneen rakkoo qaccee sanyii murtaa’e qabaniif kennama.
Haata’u malee, doktaroonni kutaalee addunyaa garagaraa keessa jiran dhibee yaalamuu hin dandeenye kana fayyisuu dandeenya, garuu maallaqni isaa qaaliidha jedhu.
Ramadaan doktoorota hedduu wal’aansa ajaa’ibatu Ameerikaa, Miyaamii, Raashiyaa fi Gaazaa jira jedhan dubbiseera jedha.
Gaazexeessaan BBC waggoota sadii keessatti dhukkubsattoota rakkoo akkasaatii 'retinitis pigmentosa’ qaban hedduu, kanneen ni fayyitu jedhamee abdiin hin dhugoomne itti himame qorateera.
Kunis hangamuu rakkinichi bal'aa akka ta'e agarsiisa.