Finfinneetti hogganaan aanaa miseensa poolisiin ajjeefame

Obbo Alabbaachoo amoonyee

Madda suuraa, Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Qirqoos

Maxxanfame

Magaalaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Qirqoositti hogganaan aanaa 08 miseensa poolisii tokkon ajjeefamuu Komisiniin Poolisiin magaalichaa ibse.

Obbo Alabbaachoo Amoonyee har’a Caamsaa 12, 2023 waajiruma isaaniitti hojii guyyuu isaaniirra osoo jiranii ganama sa’aatii 4:00 irratti miseensa poolisiin akka ajjeefaman, kan beeksise Poolisiin gadda itti dhagahames ibseera.

Kominikeeshiniin Kutaa Magaalichaas odeeffannoo dhimma kana irratti baaseen, Obbo Alabbaachoo Amoonyee waajiruma isaanii keessatti tajaajila ummataaf kennaa osoo jiranii “haleellaa tajaajilamaa tokkorraa irratti raawwatameen” lubbuun isaanii darbuu mirkaneesseera.

Komishinii Poolisii Finfinneetti dayireektara itti aanaa sab-qunnamtii kan ta'an Komaandar Maarqoos Taaddesee yaada BBC'f kennaniin namni ajjeechaa kana raawwate poolisii tajaajila hawaasummaa akka ta'e ibsaniiru.

Itti dabaluunis shakkamaan kun battalumatti seera jala oolee qorannoon irratti gaggeefamaa jira jedhan.

Akka ibsa Komishinii Poolisii magaalaa Finfinneetti, ajjeechaa kana kan raawwate Qajeelcha Poolisii Kutaa Bulchiinsaa Qirqoositti qondaala Qaxanaa Tajaajila Poolisii Hawaasaa Buufata Poolisii Kaazaanchiis kan ta’edha.

Qondaalli kun dhimmi dhuunfaa akka raawwatamuuf Kutaa Bulchiinsa Qirqoos, waajira bulchiinsa aanaa 8’tti iyyata galfatee ture.

Aanichis dhimma isaa ilaalee deebii akka kennu kan ibsame ta’us, “dhimmi koo akka naaf hin raawwatamne kan dhorkite sidha” jechuun hoji-gaggeessaa aanaa kana waajiruma isaaniitti osoo hojiirra jiranii shuguxii hidhatee jiruun ajjeesuun isaa barameera jedha ibsi poolisiin baase.

Dhimma dhuunfaa qondaalli kun akka raawwatamuuf gaafate maal akka ta'e kan hin ibsamne yoo ta'u, dhimmichi garuu akka furmaanni kennamuuf irratti waliigalamee turuun ibsameera.

"Obbo Alabbaachoon murannoo hojii qabaniin kan beekaman yoo ta'u, hojiiwwan mootummaafi ummataa baayyee keessatti waan fakkeenyummaa qabu aanga'aa hojjetaniifi qindeessan turan," jechuun Komunikeeshiniin Kutaa Bulchiinsa Qirqoos aanaa 8 gadda isaa ibseera.