Waggaa tokkoof manatti hidhamanii bilisa kan jedhaman Obbo Daawud Ibsaa amma maal keessa jiru?

Maxxanfame

Hayyu Dureen Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Daawud Ibsaa Ebla 2, 2021 humnoota nageenyaa mootummaan akka manaa hin baane dhorkamanii, turtii waggaa tokkoo booda Bitootessa 2022 alatti mul’atan.

Qabsoo karaa nagaa gaggeessuun siyaasa biyyattii keessatti hirmaachuuf bara 2018 Asmaraa irraa gara biyyaa kan galan namni siyaasaa gameessi Obbo Dawud Ibsaa, erga biyya galanii akka yaadanitti socho'uu hin dandeenye.

Manasaaniitti hidhamanii erga bilisa jedhamaniis waa'eensaanii dagatameera, hawaasa duratti mul'atanii hin beekan.

Dubbii Himaan ABO Obbo Lammii Gammachuu Obbo Daawud Ibsaa bilisaan akka socho’an eeyyamameef malee ammallee hojii siyaasaa gageessuutti deebi’uuf danqaa keessa jiraachuu hime.

Uggura jalaa ba’uu yookiin hidhaa mana keessaa irraa gadhiifamuun yoo mirgi walabaan socho’uu fi dirreen siyaasaa wallaba ta’e jiraateedha kan jedhu Lammiin, dureen isaanii kun ammallee akka fedhanitti socho’anii rakkoo biyyattii keessatti dhalatee jiruuf qaama furmaata ta’uu hin dandeenye jedhe.

Mootummaan uggura ture irraa kaasee isaanis akka socho’uu danda’an, namnillee akka deemee dubbisuu danda’u eeyyamus garuu kun qabatamaan hin taane jedha.

''Sababni isaa konkolaataa dabalatee qabeenyi isaanii yeroo sana saamame hanga yoonaa hin deebine. Kanaafuu akka Kanaan duraati hawaasa keessa socho’anii hojii siyaasaa hojjechuu hin dandeenye.''

'Akka hin deemne, akka hin teenye'- carraa Obbo Daawud Ibsaa

Akka Lammiin jedhutti yeroo manni Obbo Daawud weeraramee, isaanis manatti ugguraman qabeenyaan saamame hanga yoonaa kan deebi’eef hin jiru.

Konkolaataan Obbo Daawud ittiin imalaa turan irraa fudhatamuun yeroo sana gara Sabbataatti geeffamuu fi ammas konkolaattota kaan waliin akkuma fudhatametti jiraachuu hime.

‘’Kanatu sochiisaaniitti danqaa ta’e. Konkolaataan dhaabaa afur fudhatameera. Waajjirri bakka hundatti cufameera. Sochiin eeyyamamuufis haala danqaa akkanaa keessa jiru.’’

‘’Hin deemin jedhee kan dhorke hin jiru. Garuu waan isaan ittiin imalan hin deebifneef.‘‘

Haala amma jiruun namoonni bira deemanii dubbisuu danda’u kan jedhu Lammiin, ‘’garuu sababii qabeenyi saamamee hin deebi’in jiruuf rakkoonsaa maal akka ta’e ammallee nuuf gaaffiidha,’’ jedhe.

‘’Qondaaltonni siyaasaa, dippiloomaatonni fi namoonni kaan bira seenanii dubbisuu danda’u. Dhimma siyaasaa waliin mari’achuu danda’u. Isaan garuu gara fedhanitti imaluu hin dandeenye. Garuu haalli mudates wanti ta’aa jirus ifa miti.’’

Manni Obbo Daawud Ibsaa wayita weeraramuun isaanis manatti ittifaman eegdonni isaanii kaafamauun qe’eensaan keessa jiran hidhattoota mootummaan marfamee eegamaa ture.

''Ammallee hidhattoota mootummaan marfamanii jiru''

Obbo Lammiin akka jedhutti ammallee eegdotuma mootummaan ramadetu Obbo Daawudiin marsanii eegaa jiru.

‘’Mana keessatti ittisee kan eegaa tures jaruma kana, ammallee isaanumatu jiu. Wayita jalqabaa mana hayyu duree deemuun hafee karaa sanayyuu darbuun sodaachisaa ture.’’

Waajjira muummee ABO Gullallee jiru diidaan miseensota Komishinii Poolisii magaalaa Finfinneetu eega jedhe Lammiin.

‘’Dabballoonni dhaabaa eegumsaaf achi keessatti ramadamanii turan ammallee achuma keessa jiraatu. Alaan marsee kan eegu Komishinii Poolisii Finfinneeti. Qaamni hidhatee diidarraa eegu kun namni mooraa sana galee , ba’uu akka hin dandeenye godha.’’

Obbo Lammiin ofisaafillee qondaala ABO ta’ee osoo jiruu mooraa Gullallee seenuu akka hin dandeenye hime.

‘’Kan achi keessa jiran warra osoo qaamni nageenyaa mootummaa hin marsin seenaniidha. Qaamni mootummaa kun eegumsaaf achi taa’e. Kanaafuu tarkaanfii akkamii akka fudhatu beekamaadha,’’ jechuun sodaa qabu ibsa.

Waajjirasaanii bansiisuuf Boordii Filannoo waliin hojjetaa jiraachuu fi boordichis dhimma kanarratti yeroo yeroon akka gabaasa kennuuf ibse Lammiin.

‘’Haata’u malee gadhiisuuf eeyyamamoo miti. Namni seenee hojii siyaasaa keessatti akka hin hojjenneef danqanii jiru.’’

Qabeenya saamame jedhu kunneen deebisiisuuf tattaaffiin taasisaa turanii fi jiran dhaggeettii akka hin argannes ibse Lammiin.

‘’Qabeenyaan kun akka nuuf deebi’u qaama dhimmi ilaalu hundayyuu gaafannee turre. Gaafataa jirras. Garuu deebiin hin jiru.’’

‘’Boordiin Filannoo mataansaa yeroonni Komishinii Poolisii Finfinnee, Komishinii Poolisii Oromiyaa, Qajeelcha Poolisii magaalaa Buraayyuuf bakka qabeenyi keenya jiru hundatti xalayaa barreessee gaafatee isa booda garagalcha isaa nuuf ergutu jira. Hamma har’aatti.’’

Akka Obbo Lammiin jedhutti Boordiin Filannoos qaamolee qabeenya dhaabichaa ugguranii jiran akka deebisan xalayaan gaafatullee, deebiin hin jiru.

‘’Haga har’aa, haga yeroo af-gaaffii kanaatti boordichi waan xalayaadhaan nu beeksise qaba. Nutis gaafataa jirra.’’

Jaarmiyaalee mirga namoomaa akka Obbo Daawud irraa uggurri ka'u watwaatan...

Jaarmiyaaleen dhimma mirga namoomaaf quuqaman jedhaman kanneen akka Dhaabbata Amnastii Intarnaashinaal, Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa fi Boordiin Filannoo Itoophiyaa Obbo Daawud Ibsaa manatti ugguramuun hidhaa manaa keessa jiraachuu eeruun, akka uggurri irraa kaafamu gaafataa turan.

Gochaan kunis seeraan ala waan taheef, uggurri sochii qondaala siyaasaa kanarra kaa'ame saffisaan akka kahu jechuun, Komishinii Poolisii Federaalaafi Tika Biyyoolessaaf xalayaa barreessuu Boordiin Filannoo ibsee ture.

Mootummaanis ta'e Poolisiin mana keessaa akka hin sochoone qunnamtii kamuus akka hin qabaanne godhamuu obbo Daawud ibsaarratti hanga ammaa homaa hin dubbanne.

Wayita Obbo Daawud manatti ugguramanitti qondaaltonni partichaa biroonis hidhamaniiru.

Hedduunsaanii murtee seeraa malee hidhaa jiraachuu fi maneen hidhaa garaagaraatti dararaa irra ga’een dhibee garaagaraaf saaxilamanii jiraachuu paartichi ni ibsa.

Koreen Boordiin Filannoo Itoophiyaa akka qondaaltota ABO mana hidhaa jiran deemee ilaaluuf hundeesse, Ebla 20, 2023 gara Buraayyuu imalus namoota kunneen argachuu hin dandeenye jedhe Lammiin.

Obbo Lammiin namoota deeman keessa jiraachuu himee, ''hanga yoonaa qondaaltonni ABO Qajeelcha Poolisii Buraayyuu turan eessa akka geeffaman hin beekamu,'' jedhe.

''Hoogganaan qajeelcha poolisii walga'ii akka seene nutti himame. Qorataan yakkaa nu dubbise dhimmichi isattuu haaraa ta'uu nutti hime.''

Obbo Daawud taatee sana duras torban tokkoo oliif manatti ugguramanii kan turan yoo ta’u, wayita uggura jalaa ba’anii turanitti waan irra ga’e BBC’f ibsanii ture.

Qaamoleen nageenyaa isaan marsan kunneen ‘’nageenya kee eegsisna jechuunii kan ibsan Obbo Daawud Amma dura sodaa ykn yaaddoo nageenyaa qabaachuu gaafatamanii, "sodaan hin jiru jechuufis ni ulfaata" jedhan.

"Nageenya kee tiksina, sodaan jira erga jedhanii diduunis gaarii miti. Yoo nan baha jette waan uumamu hin beektu," jechuun BBCtti dubbatanii turan.

Obbo Daawud Ibsaa bara 1999 Hayyu Duree ABO tahuun filamuun hanga guyyaa karaa nagaa jilasaanii guutuu waliin biyyatti deebi'anitti hidhannoodhaan qabsoo gaggeessaa turaniiru.

Fulbaana 15 bara 2018 jilli ABO guutuun biyya alaa jiru gara biyyaatti deebi'uun uummata miiliyoonotaan simannaan tasifameeraaf.

Erga biyya galee waajjiraaleen cufamuu, miseensonni isaa hidhamuu fi dirreen siyaasaa dhiphateera jechuun ''dhiibamaa'' jiraachuu himataa kan ture ABOn boodarra filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa jahaffaa keessaa of baaseera.