Barattootni musliimaa Finfinnee mooraa mana barnootaan alatti akka salaatan hayyamame

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasaa/Facebook
Manneen barnootaa mootummaa magaala Finfinnee tokko tokko keessatti salaata yeroo laaqanaatti salaatamu (salaata Zuhuraa) ilaalchisee tibbana barattoota musliimaafii hoggansa manneen barnootaa gidduutti waldhabdeen uumamee ture.
Barattootni musliimaa "salaata sana /mana barumsaa/ keessatti salaatuuf gaaffii yemmuu dhiyeessan ni dhorkamu. 'Alatti iddoo dhiyootti salaatnee yaa deebinu' yeroo jedhamuttis akkasuma manneen barnootaa tokko tokko keessatti dhorkaan jira" jechuun walitti qabaa itti aanaan boordii Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee Ustaaz Mahaammad Abaataa torbee darbe BBCti himanii ture.
Biiroon Komunikeeshinii Magaala Finfinnee yaaddoon nageenyaa manneen barnootaa keessatti mul'ate rakkoolee nageenyaa biroof ka'umsa akka hin taaneef of eeggannoon furamuu akka qaban kallattiin kaa'amu Kamisa Bitootessa 29/2014 toora Feesbuukii isaarratti barreessee ture.
Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee har'a [Kibxata] barattootni Musliimaa salaata Zuhuraa mooraa mana barnootaatii bahanii akka salaatan hayyamamuusaa hime.
Pireezidantii itti aanaan mana marichaa Sheek Ali Mahaammad Shifaa "guyyaa kaleessaa Biiroo Barnootaarraa bilbilli bilbilamee odeeffannoon 'barattootni bahanii salaata isaanii salaatanii akka deebi'an' kan jedhu nu qaqqabeera" jechuun BBCtti himaniiru.
"Barattoonni barumsaa yeroo bahan ykn boqonnaaf yemmuu bahan sa'aa torbatti ta'uu danda'a, bahanii salaata isaanii salaatanii, yeroo isaanii osoo hin qisaasiin, asiifii achi osoo hin jedhiin gara barumsa isaaniitti akka deebi'an jechuun waliigalteerra geenyerra" jedhan.
"Dhimmicha kan 'hammeesse' miidiyaa hawaasummaati" kan jedhan Sheek Ali Mahaammad, rakkinichi jalqabuma mariin furamuu kan danda'u akka ture dubbatan.
"Mootummaan rakkinichi osoo hin hammaatin deebii laachunsaa waan guddaadha. Waan nama gammachiisudha. Waan baay'ee gaariidha jennee yaadna" jechuunis himan.
Yaaliin BBCn dhimmicharratti yaada Biiroo Barnootaa Magaala Finfinnee argachuuf taasise ammatti hin milkoofne.
Jalqabbii wal-diddaa…
Gaaffiif deebii BBCn torbee darbe walitti qabaa itti aanaa boordii Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee Ustaaz Mahaammad Abaataa walin taasiseen rakkinichi manneen barnootaa magaala Finfinnee 40 ta'an keessatti uumamuu himanii turan.
Wal diddaa kutaa magaalaa Lammii Kuraa mana barnootaa 'Idigat Corraa' jedhamu keessatti uumameen barattootni lakkoofsaan 30 hanga 50 ta'an hidhamanii akka turanfii boodarra gadhiifamuus dubbataniiru.
Biiroon Komunikeeshinii Magaala Finfinnee gabaasa toora Feesbuukii isaarratti baaseen Biiroon Bulchiinsa Nagaafii Tasgabbii magaalichaa rakkoo manneen barnootaa tokko tokko keessatti uumame ilaalchisee hoggantoota Yaa'ii Dhaabbilee Amantaa Magaala Finfinnee fi Biiroo Barnootaa Magaala Finfinnee walin mari'achuusaa himeera.
Maricharrattis "manneen barnootaa dhaabbilee sochiin amantaa itti hin taasifamne akka ta'an beekamus akkataa kanaan faallaa ta'een garuu wantootni dhiibbaan qaamolee ajandaa siyaasaa raawwachiisuu barbaadanii jiraachuu akka malu agarsiisan mul'achunsaanii ka'eera" jedhee ture.
Waldiddaan dhimma salaataa manneen barnootaa mootummaa keessatti harka caalmaan uumamullee manneen barnootaa dhuunfaa muraasa keessattis mul'atee akka ture Prezidaantii itti aanaan Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee Sheek Ali Mahaammad Shifaa himaniiru.














