Dhimmi barattoota muslimaan walqabatee tibbana magaala Finfinneetti uumame maali?

Madda suuraa, Face book
Manneen barnootaa magaala Finfinnee tokko tokko keessatti salaataan walqabatee tibbana waldiddaan uumameera.
Walitti qabaa Ittaanaan Boordii Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa magaalaa Finfinnee Ustaaz Mahaammad Abaata, rakkinichi manneen barnootaa 40 ta'an keessatti uumamuu BBCtti himaniiru.
Maddi waldhibdee ammoo salaata sa'aa laaqanaatti salaatamu (salaata Zuhuraa) akka ta'e dubbatan.
Barattoonni musliimaa "salaata sana (mana barumsaa) keessatti salaatuuf gaafii yemmuu dhiyeessan ni dhorkamu. 'Alatti iddoo dhiyootti salaatnee yaa deebinu' yeroo jedhamuttis akkasuma manneen barnootaa tokko tokko keessatti dhorkaan jira," jedhan.
Kanaan walqabatees magaala Finfinnee kutaa magaalaa Lammii Kuraa mana barnootaa 'Idigat Corraa' jedhamu keessatti waldhibdeen uumamuu himu.
Kanaanis barattoonni lakkoofsaan 30 hanga 50 ta'an hidhamanii akka turanfii boodarra gadhiifamuus dubbatu.
Dhimmicharratti yaadasaanii kan gaafanne hogganaan Biiroo Barnootaa Magaala Finfinnee Obbo Zalaalam Mulaatuu, "dhimmicha qulqulleeffachaa waan jirruuf ammatti haala miidiyaaf yaada itti laannu miti" jechuun BBCtti himan.
"Dhiibbaan qaamolee ajandaa siyaasaa raawwachiisuu barbaadanii jiraachuu mala…"
Biiroon Komunikeeshinii Magaala Finfinnee gabaasa toora Feesbuukii isaarratti guyyaa Kamisaa baasen, Biiroon Bulchiinsa Nagaafi Tasgabbii magaalicha rakkoo manneen barnootaa tokko tokko keessatti uumame ilaalchisee hoggantoota Yaa'ii Dhaabbilee Amantaa Magaala Finfinnee fi Biiroo Barnootaa Magaala Finfinnee walin mari'achuusaa himeera.
Maricharrattis "manneen barnootaa dhaabbilee sochiin amantaa itti hin taasifamne akka ta'an beekamus akkataa kanaan faallaa ta'een garuu, dhiibbaan qaamolee ajandaa siyaasaa raawwachiisuu barbaadanii jiraachuuf wantoonni akeekkan mul'achunsaanii ka'eera" jedheera.
Yaaddoon nageenyaa manneen barnootaa kunneen keessatti mul'ates rakkoolee nageenyaa biroof ka'umsa akka hin taaneef of eeggannoon furamuu akka qaban kallattiin kaa'amus biirichi gabaasera.
Gama biraatiin, baratoonni manneen barnootaa mootummaa magaala Finfinnee garagaraa waldiddaa dhimma salaataan walqabatee jiru Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Finfinneetti iyyachaa turuufi manni marichaas hoggantoota manneen barnootaa waliin mari'achuun furaa akka ture walitti qabaa Ittaanaa Boordii Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee Ustaaz Mahaammad Abaata BBCtti himaniiru.
"Manneen barnootaa 30 ol keessatti rakkinicha furreerra. Rakkinichi waltajii mariitiin kan furamuu malee isa bira darbee rakkoo nageenyaa ta'uu waan hin qabneef akkas gochaa turre," jedhan.
Salaanni dirqama hordoftoonni amantichaa raawwachuu qaban ta'uu kan himan Usataaz Mahaammad, "salaata Zuhurii barattoonni kaasan kun daangaa yeroo kaa'ame keessatti qofa salaatuun kan danda'amu. Kanaaf isa kana akkam goonee deemsifna kan jedhu mari'achuun furuun baay'ee ulfaataa miti" jedhan.
Marii qaamolee mootummaa waliin taasifame…
Waldhibdee manneen barnootaa keessatti uumame kana ilaalchisee Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee, Yaa'ii Dhaabbilee Amantaa Magaala Finfinnee, Biiroo Barnootaa Magaala Finfinnee fi Biiroo Bulchiinsa Nagaafi Tasgabbii magaalichaa waliin mari'achuu Ustaaz Mahaammad Abaata ni himu.
Qaamolee mootummaa waliin marii dansaa taasisuu kan himan Usataaz Mahaammad, "kallattiileen rakkinicha mari'achaa suuta jennee itti furru kaa'amaniiru. Haala qabatamaa biyyattiin walqabatee gaafiin kun gara rakkoo nageenyaa biraatti akka hin deemneef hundi tasgabbaa'ee dhimmoota osoo ilaalee gaarii ta'as," jedhan.
Gama qaamolee mootummaatin yaadawwan dhaabbilee barnootaa keessatti hojiin baruu barsiisuu bifa amantaarraa bilisa ta'een /Secularism/ adeemuu akka qabuufi rakkoon amma uumames wal hubannaa dhabuu tasa mudate ta'uufi adeemsa keessa furamuu akka qaban himan.
Dhimma dhaabbileen barnootaa amantaarraa bilisa ta'uu qabu jedhuun walqabatees "yaadrimeefi hojiirra oolmaan 'sekulaarizimi sadarkaa addunyaatti akkami kan jedhu ilaalamuu qaba. Awurooppaa, Ameerikaa fi biyyoota garagaraa keessatti yaadrimeen 'sekulaarizimii' osoo jiruu barattoonni salaata isaanii salaataa rakkoon hoomtuu osoo irratti hin uumamin haalli adeemsi baruu barsiisuu itti fufu ni jira," jedhu Ustaaz Mahaammad.
"Biiroo Barnootaa biraa kan ka'e dhimmi inni biraan 'muslimoonni salaata akka salaatan yoo heeyyamne hordoftoonni amantaa biroos gochaalee amantaa biroo ni raawwanna jechuun ni ka'u' kan jedhudha" jedhan.
Haata'u malee wayita kutaa magaala Lammii Kuraa mana barnootaa 'Idigat Corraa' keessatti rakkoon uumametti 'wayita poolisiin 'hin salaattan' jechuun dhorkutti barattoota amantaa biroo hordofantu irraa eegaa ture," jechuun himaniiru.
Dhimma kana irratti Biiroon Barnootaa Magaala Finfinnee yaada kennuuf yeroo heeyyamamaa ta'utti yaadasaanii ni keessummeessina.
















