Godinaalee Oromiyaa afur keessatti barattootni kuma 20 ol qormaata biyyaalessaa fudhachaa jiru

Madda suuraa, Oromia Communication Bureu
Qormaatni biyyaalessaa kutaa 12 rakkoo nageenyaarraa kan ka'e godinaalee Oromiyaa afur keessatti gariin osoo hin kennamiin hafe amma kennamaa jiraachuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.
Godinaalee Qeellam Wallaagaa, Wallagga Lixaa, Wallagga Bahaafi Shawaa Lixaa keessatti walumaa galatti barattootni kuma 22, 519 ta'an karoora idileen guutuu biyya waliin osoo hin qoratamiin hafan torban kana keessa haala naga qabeessa ta'een qoratamaa jiraachuu hoogganaa Itti-aanaan biirichaa Obbo Efreem Tasammaa BBC'tti himan.
''Qormaatni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara darbe kan kennamuun irra ture sababa nageenyaan buufataalee qormaataa 897 keessaa buufataaleen qormaataa 55 osoo hin milkaahiin hafetti amma hundi isaanii qormaata kanarratti hirmaachaa jiru.''
Barattootni godinaalee Oromiyaa afur irraa osoo hin qoratamiin hafanii amma qoramaa jiran kuma 22,000 ta'uu himanii, ammas haracaatiin mudatee yoo jiraate qoratanii akka adda baasaan obbo Efreem himaniiru.
Harcaatiin wayita nageenyi guutuun jiruus sababoota biroon akka mudatu himanii, kana ammaa qormaatni kun kennamee erga raawwatee beekamaa jedhan.
Barattootni amma qormaata kana fudhachaa jiran '' yeroo qophii idileen ol waan argatanii tureefi wayita barnootni kennamaa ture rakkoon nageenyaa keessa waan hin turreef ammaatti ilaalchi addaa barattoota kanaaf godhamu hin jiru'' jedhan Obbo Efreem.
Godina Qeellam Wallaaggaa keessatti manneen barnootaa 41 keessa kan turan barattootni 14,500 ol, Wallagga Lixaa keessatti barattootni 2,000 ol manneen barnootaa afur keessa turan, Shawaa Lixaa keessatti aanaalee Abuunaa Gindabaratiifi Gindabarat keessa manneen barnootaa 10 keessa kan turan barattootni 4500 ol kan hafan ammoo godina Wallagga bahaarraa ta'uu obbo Efreem himaniiru.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti mootummaa Federaalaafi hidhattoota TPLF gidduutti mudate hordofee naannoo Oromiyaa gariin keessatti rakkoo hammaateen barattoota qormaatarraa barfatan kanaan cinaatti naannoo Amaaraa kan humnoota TPLF'n qabamanii turan keessatti barattoota kumootaan lakkaawamaniif qormaatichi kennamaa jira.
'Manneen Barnootaa 900 ol hidhattootaan manca'an'
Rakkoo nageenyaa Kaaba Itoophiyaatti ji'oota 15 dura eegaleen walqabatee naannoo Oromiyaa Godinaalee wallaggaa Afran, Shawaa Lixaafi Gujii keessatti walumaagalatti manneen barnootaa 900 ol hudhattoota mootummaan ABO-Shanee jedhuun mancaafamuu Obbo Efreeem dabalanii BBC'tti himaniiru.
''Manneen barnoota 912 ta'an bakka farreen uummataa maqaa Shaneetiin beekamu jiru hundatti rakkoon qunnameera. Keessumaa Manneen barnoota 163 guutummaan guutuutti manca'ani.''
Kanneen hafan qabeenyi isaanii saamamuufi barbadaa'uu himanii, damee barnootaan alatti waajiraalee mootummaarra miidhaan gahuu himan.
Deeggarsa uummataa fi qaamolee nageenyaan manneen barnootaa suuphamanii tajaajilatti deebi'an hangi ta'e jiraachuus dubbatan.
Naannolee manneen barnootaa kun jiran keessatti barattootni 360,000 ta'an sababa kanaan barnootaan ala ta'uus himaniiru.
Miidhaan kun kan qaqqabe erga waraannii Kaaba Itoophiyaa dhalatee booda akka ta'es himaniiru.
''Waraana Karaa Kaabaa Juntaan baneen kan walqabateedha jeequmsiifi rakkoon manneen barnootaarra gahe.''
Ragaa qabatamaa suuraafi kaaniin deeggarame qabaachuu baataniis manneen barnootaa mancaafaman garii hidhattootaaf akka buufata waraanaatti tajaajilaa akka jirullee obbo Efreem himaniiru.
''Manneen barnootaa saamaman Manca'an jennu kana kaampii dabalatee wanni gochuu hin dandeenye hin jiru.''
Barsiisonni kuma shanii ol ta'an manneen barnootaa manca'an kana keessa tajaajilan hojiin ala ta'uu gabaasni biiroo barnootaa kan mul'isu yoo ta'u, amma barsiisonni kun maal keessa jiru jennee obbo Efreem gaafanneera.
''Manneen barnootaa kun har'aa bor deebi'anii banamu jennee waan yaadnuuf bakka biraatti isaan dabarsuun rakkisaadha. Manneen barnootaa tokko tokkotti ammoo ragaan isaanii waan gubaateef eenyu barsiisaa eenyu hojjetaa bulchiinsaa akka ta'elle adda baasuun rakkisaadha,'' jedhan.
Manneen barnootaan cinaatti waajiraaleen barnootaas bakki guutummaatti manca'an waan jiruuf mindaa barsiisootaafi hojjettoota kaanii kaffaluun''rakkoon guddaan'' mudachuu himanii, bakka ragaaleen birsiisotaa jiranitti garuu miidnaan kaffalamaa akka jiru dubbatan.















