'Abbaan Kuusaa Gadoo' barreessaa Gaaddisaa Birruu du'aan boqotan

Barreessaa Gaaddisaa Birruu

Madda suuraa, fb Kanaa'ol Badhaadhaa

Maxxanfame

Barreessaan Asoosama jalqabaa Qubee Afaan Oromootiin barraa'e jedhamuu Kuusaa Gadoo fi asoosamoota biroo Obbo Gaaddisaa Birruu du'aan boqochuu maatiin BBC'f mirkaneessaniiru.

Yeroo dheeraaf dhibee narviin qabamanii yaalamaa kan turan Obbo Gaaddisaan, erga wayyaa'anii tibbana dhukkubnaan hospitaala galuu maatii irraa mirkaneessine.

Intalli isaanii Waadaa Gaaddisaa akka jettetti erga dhibamuun hospitaala galanii torbee tokko yoo tahu, Wiixata Adoolessa 19, 2021 hospitaalatti boqatan.

Barreessaa Gaaddisaan seenaa hog-barruu Oromoo keessatti qooda yoomuu hin dagatamne nama bahan jedhamuun ibsamu.

Bara dukkanaa Afaan Oromoodhaan barreessuu fi dubbachuun cubbuu ture jedhamu sana keessa asoosama Kuusaa Gadoo barreessuun maxxansaniiru.

Obbo Gaaddisaa Birruu Arsii Boqojjiitti dhalatanii guddatan.

Barnoota isaanii sadarkaa tokkoffaafi lammaaffaa Boqojjiifi Asallaatti erga baratanii booda, kolleejjii Barsiisota Asmaraatti barachuun aartii Oromoo Guddisuu irratti kan xiyyeeffatan yoo tahu, boodas yuunivarsiitii Finfinneetti digirii isaanii Hog-barruu [Literature and Foreign Languages] xumuraniiru.

Digirii isaanii lammataas gosa barnoota walfakkaatuun Yunivarsiitii Finfinneetti xumuran.

Waggoota jahas ogummaa barsiisummaan tajaajilaniiru.

Yunivarsiitii Finfinnee keessatti Akkaadaamii Afaan Sabootaa Itoophiyaa kan jedhamu keessas hojjechaa kan turan yoo tahu, koree waaltina Afaan Oromoof jalqaba irraa eegaluun nama tumsa ol-aanaa bahatanidha.

Obbo Gaaddisaan namoota Waldaa Barreessitoota Oromoo bu'uuressan keessaas tokko yoo tahan, nama dadhabe osoo hin jedhiin waldicha cimsuuf dhama'aa turan akka tahes himama.

Kitaabota barreessan keessaa Kuusaan Gadoo jaallatamummaa guddaas kitaaba horatedha.

Kana qofa osoo hin taane kitaabota akka Dhaamsa Abbaa, Burreen Bifa Tokko Miti, Fedhii Gam-tokkee jedhan fa'aas barreessuun maxxansaniiru.

Kuusaa Gadoo osoo hin maxxanfamiin dura gaazexessaa Saamu'eel Dhaabaan raadiyoo Itoophiyaa irratti torban 29 Dilbata ganama 'waa lama dhabuu' mata duree jedhuun seeneffamaa akka ture Obbo Gaaddisaa Birruu amma dura BBCtti himani turan.

Obbo Gaaddisaan kitaabicha ofumaan akka maxxansan himanii, yeroo sana mana maxxansaa tokko deemanii akka gaafatan dubbatu.

Haa tahu malee, manni maxxansaa sun waan sammuu kootti hin tolle dubbatanii ''Afaan Oromoo hin maxxansinu jalqaba gara Afaan Amaaraatti jijjiiri naan jedhan,'' jechuun dubbatan.

"Anis baay'ee aaree dideen Afaan Oromoodhaan ofumakoo maxxansiisee baase" jedhan.

Kitaabichi erga maxxanee gabaa irra oolees qormaatni guddaan akka isaan mudataa ture kan himan Obbo Gaaddisaan, namootni kitaaba qubeen barraa'e qabatanii deemuuf iyyuu ni sodaatu ture jedhan.

''Hiriyaa koo tokkotu bakka hojiikoo dhufee kitaaba maxxansite jedhan mee naaf kenni naan jedhe. Anis tolen jedhe. Waa itti naaf mari naan jedhe. Inni nama guddaa fi beekamaadha.

Waa itti naaf mari jechuun isaa kitaabicha irraa qubeen waan mul'atuuf akka hin argamneefidha.

Ani immoo baay'ee waan itti boonuuf akkamitti akkas naan jedha jedhee aarus ka'een gaazexaa kutee itti maree kenneef,'' jechuun turtii osoo lubbuun jiranii BBC waliin taasisaniin dubbatanii turan.