Misaa'eliin Sooriyaan dhukaafte dhiheenya buufata nuukilara Israa'el rukute

Madda suuraa, AFP
Misaa'eliin farra-qilleensaa Sooriyaan dhukaafte Kibba Israa'el fuukllee bakka gabbisa nuukilaraa irraa kiiloomeetira 30 fagaatutti dhohe.
Naannawaa Dimoonaa jedhamutti osoo dhohinsi guddaan hindhaga'amiin dursee sagaleen akkeekkachiisaa dhagahamee ture. Namni madaa'e ykn miidhaan qaqqabe jedhamee gabaafame hinjiru.
Waraanni Israa'el akka jedhetti, misaa'eliin kun kan kanaan dura Xiyyaara Israa'elitti darbatamaa turan keessaa tokkodha. Xiyyaarri Israa'el kunis Sooriyaa keessatti baatiriiwwan ittisaa qilleensaa hunda haleeluun deebii kenneera.
Waraanni Sooriyaa ammoo misaa'eloonni Israa'el fuulleewwan Damaasqootti dhiyoorratti xiyyeefatan jedheera.
Misaa'eloonni garri caalaan qolatamuun akka kufan taasifamaniiru, garuu loltoonni Sooriyaa afur madaa'anii "meeshaan hanga tokko miidhames jira,'' jedheera.
Gareen UK keessa buufatee haala Mirgoota Namoomaa Sooriyaa Hordofu, misaa'eloonni Israa'el buufata humna ittisa qilleensaa Sooriyaa magaalaa Dumaayir kan Kaaba-baha Damaasqootti kiiloomeetira 40 fagaatee argamu rukkuteera jechuun gabaaseera.
Bakki rukkutame kun lafa kuusaa meeshaa waraanaa milishoota Iraan gama waraana Sooriyaa ta'uun wal waraansa biyyattii keessatti hirmaachaa jiraniiti jedhamee amanama.
Dgiyeenya kana, humnoonni ittisa qilleensaa Israa'el nannawaa Dimoonaafi ulaa Galaana Diimaa bakka E'ilaat jedhamutti argaman yoo kanneen Sooriyaa keessatti argamanirraa dabalatee haleellaan humnoota naannicha keessatti Iraaniin deeggaraman irra dhufeef jedhamee akka cimu taasifamuun isaa gabaafameera.
Biyyoota masaanuu waliif ta'an lamaan kana gidduutti muddamni dabalaa jira. Iraan jalqaba ji'a kanaa buufata itti Yuraaniyeemii gabbifattu Nataanzaa jedhamu na jalaaa haleelte jechuun komatti. Israa'el ammoo kan duuba jiraachuurratti waayyuu hin jenne.
Buufanni nuukilara Israa'el Dimoonaa meehsaaleen nuukilaraa omisha jedhama. Imaammatashee "waan ifa hin taane" jedhu jalatti Israa'el meeshaaleen nuukilaraa qabaachuufi qabaachuu dhabuu hin mirkaneessine, ykn ammoo hin halles.














