Jiraattota gaaffii aanaa ta'uuf deebii dhabaniin daandiin Maqalee geessu akkuma cufatetti jira

Madda suuraa, FB
Daandiin magaalaa Maqaleerraa gara Saarem geessu "aanaan keenya nuuf haa deebi'u" jechuun jiraattota Hinxaalootiin akkuma cufametti jira.
Daandiin kun bakka Dengolaat jedhamutti erga jiraattota gaaffii kana dhiyeessaniin cufamee guyyoota afurii ol lakkoofsiseera.
Aanaan duraan 'Hinxaaloo Wejeraat' jedhamee beekamu bakka lamatti hiramee Wejeraat aanaa of danda'e ta'e. Buufataalee 11 kan ta'u kan of jalatti qabatee jiru Hinxaaloo ammoo aanaa biroo Hiwaanee jedhamtutti akka makamtu ta'e.
Jiraattoonni Hinxaaloo akka aanaa Hiwaanee waliin walitti makaman taasifaman, aanaa kan ofii keenyaa Hinxaaloo jedhamu qabaachuun nurra jira malee aanaa Hiwaanee waliin walitti makamuun nurra hin jiru komii jedhu kaasu.
Akka jiraatotta irraa dhageenyeetti akka caasaa bulchiinsa haaraa amma jalqabame kanatti Waajiraat buufataleen 1-9 kan qabu yoo ta'u Hinxaaloon ammoo gara aanaa Hiwaanee jedhamutti akka makamu ta'eera.
Kanaaf, jiraattonni kunneen aanaa ofii keenyaa qabaannee tajaajila dhiyootti argachuu barbaadna jechuun kan gaafachaa jiran.
"Deebii yoo kan hin arganne ta'e mormiin keenya itti fufa, gara mana keenyaattis hin deebbinu," jechaa jiru jiraattonni kunneen.
Jiraataan BBC'n dubbise, "Itti-aanaan Pirezidaantiin naannichaa Dr. Dabiratsihon Gabiramikaa'el hojimaataa haaraa fidaniin, jiraattonni tajaajila argachuudhaaf kiiloomeetira 10 ol fagaatanii deemuu hin qaban kan jedhu ture. Nuti har'allee tajaajila argachuudhaaf yoo xiqqaate kiiloomeetira 30 deemna," jedha.
Daandii cufuun furmaataaree, jechuun gaaffii jiraataa kanaaf dhiyaateen, daandii cufuun sirrii ta'ee osoo hin taane haqa waan dhabneef daandii cufne jedheera.
"Nu gidduutii dubartiin reefuu deessu, kan garaatti baattu, dhukkubsataan Maqalee deemuun isaanirra jiraatu ni jiru. Haa ta'u malee, jireenyi keenya bu'uurumarraa balaarra waan bu'eef rakkoo yeroodhaaf nu mudatu kana obsuun nuuf wayya jenneeti. Aanaa keenya dabarsinee kennuun sirrii miti," jedhu.
Bakka bu'aan koree jiraattota naannichaa Obbo Dassuu Tsaggaayee gaaffii kana dhiyeessuu kan jalqaban ji'a ja'aan dura jechuun dubbatu.
Akka bakka bu'aan koree kun jedhanitti, komii isaanii dhiyeeffachuudhaaf bakka hin deemiin hin jiru. Qaamoleen haqaafi nageenyaa godinaaa hunda bira deemaniiru. Haa ta'u malee, deebiin argatan hin jiru.
"Nuti akka seera mootuummaan kaa'etti waan hunda guuttanneerra. Tokkoffaa baayyinni ummata keenyaa 115,000 oli. Lammaffaa ammoo tajaajila aanaa argachuudhaaf ummanni kiiloomeetira 10 ol deemuun irra hin jiraatu kan jedhudha. Nuti ammoo kiiloomeetira 30 ol deemuudhaan tajaajila arganna. Kana waan ta'eef, gaaffiin misoomaa qabnu nuuf deebi'uu qaba," jechuun gaaffii qaban BBC'tti himaniiru.
Erga gaaffii kana kaasuu jalqabanii waggaa ta'ullee, bulchitoonni siyaasaa akka deebii kennaniif gaafatanillee kan gurra kenneef hin jiru.
Obbo Dassuun, "Faallaa gaaffii keenyaan karaa poolisoota godinaafi aanaalee nu doorsisuu jalqaban. Namoonni mormiidhaaf bahan daandii waan cufaniif horiin gara gabaa deemuuf turanillee karaarra oolan/ Daandiin cufaadha/ Erga akkas ta'ee ammoo guyyoonni lakkaa'amaniiru," jedhu.
Akka jiraattota naannichaarraa dhageenyee sababii daandiin cufameen dheengadda konkolaatonni 150 ta'an daandiirratti rakkachaa ooluu isaanii dubbatu.
Gaaffii jiraattotaa qabannee deebiidhaaf gara gorsaa Pirezidaantii Itti-aanaa naannichaa Dr.Dabiratsihon G/Mikaa'el kan ta'an Obbo Tashoomeetiif yeroo dhiyeessinu gaaffii jiraattotaa deebisneerra jedhan.
"Aanaan isaanii deebi'eeraaf; gaaffiin isaanii magaalaan guddittii aanaa sanaa Dengolaati haa ta'uutii immoo Hiwaannee haa taatu kan jedhu ture. Gaaffii kana ammoo kan deebisu mana maree aanaadha jechuun ibsu.
Jiraattonni gaaffiin keenya nuuf hin deebine jedhan Pirezedaantiin Itt-aanaan naannichaa akka isaan dubbisu barbaadu ture. Kun garuu hin taane. Gaaffii kana yeroo deebisan, "Bakka callisaniidhuma dhufan miti. Pirezedaantiin Itti-aanaa hojii birootiin qabamaniiru. Beellamaan yoo dhuftan ni keessumsiifamtu jenneerra. Maal goona kanaa achi?" jedhan.
Jiraattonni akka jedhanitti garuu bulchiinsa waliin tasa akka wali hin argisiifne itti himamuu dubbatu. Kana yeroo gaafataman Obbo Tashoomen, ofiidhuma isaanii akka dubbisan ibsanii, kun dhara akka ta'e ibsaniiru.













